Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aangoon aanaalee magaala Finfinnee daldaltoota irratti akka tarkaanfii fudhatan kennameef daangeffame
Biiroon Daldalaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qajeelfama haaraa baasuun aangoo aanoleen daldaltoota magaalichaa irratti taarkaanfii fudhachuuf qaban daangesse.
Akkaataa adeemsa hojii haaraa baheen aanoleen murtoo mataa isaaniitiin manneen daldalaa saamsuu kan danda’an eeyyama daldalaa waliin wal qabatee seerotni lama cabanii yoo argaman qofa akka tahe ibsameera.
Biiroon Daldalaa Magaala Finfinnee adeemsa hojii haaraa kana kan ifoomse ‘’Qajeelfama Sirna To’annoo Daldala Ganda keessaa’’ jechuun kan baase irrattidha.
Qajeelfamni kun torban darbe Ministera Haqaatti galmaa’uun adeemsa isaa xumureera.
Qajeelfamichis kan bahe, haqa qabeessummaa tarkaanfii daldaltoota magaalichaa irratti fudhatamu ilaalchisee ‘’darbee darbee rakkoon jiraachuu waan ka’aa tureef’’ jechuun Biiroo Daldalaatti Itti aantuu Damee To’annoo fi Hordoffii Daldalaa kan tahan Qiddist Sixootaa BBCtti himaniiru.
“Keessumaa haqa qabeessummaa tarkaanfii fudhatamuu fi fayyaalessummaa deemsa isaa irratti asittis achittis komiiwwan ka’aa turan jiru. Seera malee najalaa cufame, seera malee baname kan jedhan jiru’’ jechuun BBCtti himan.
Mana daldalaa saamsuun deebisanii banuuf ammoo maallaqa gaafachuun ‘’rakkoo naamusaa’’ hojjettoota biirichaa ‘’muraasa irratti argame’’ tahuu hubachuun kana qajeelchuuf qajeelfama haaraa kana baasuun barbaachisaa tahuu isaas dabalanii himaniiru.
Qiddist akka jedhanitti kana dura akkaataa qajeelfama taa’een aanoleen magaalichaa bakka seerri daldalaa cabeera jedhanii arganitti tarkaanfii fudhataa turaniiru.
Aanoleen kana dura seera cabsitaniittu jechuun mana daldalaa saamsaa kan turan keessaa sababni tokko gatii meeshaalee gurguramanii hin maxxansine jechuudhaani.
Nagahee kutuu dhiisuu, oomishaalee fayyaalessa hin taane galchuu, teessoo yeroo jijjiirratan beeksisuu dhiisuu fi madaala sirrii tahe fayyadamuu dhiisuu fa’aa akka tahe himaniiru.
Qajeelfamni amma bahe ammoo tarkaanfii fudhachuu ilaalchisee ‘’qoqqoodinsa itti gaafatamummaa’’ jechuun kaa’eera.
Akka qajeelfama kanaatti ogeessonni to’annoo daldalaa, daldalatoota irratti to’annoo kan taasisan qabxiilee 25 irratti hundaa’uuni.
Isaan keessaa nagahee kutuu, eeyyama daldalaa, fayyaa fi safartuu waliin kan wal qabatan keessatti argamu.
To’annoo fi hordoffii kana ogeessonni godhan kan aanolee irratti ramadaman yoo tahan, isaanis ''akeekkachiisa barreeffamaa kennuu fi saamsuu'' kan danda’an eeyyama daldalaa waliin wal qabatee ulaagaawwan lama yoo caban akak tahe ibsa qajeelfamichi.
Ogeessonni aanolee tarkaanfii fudhachuu kan danda’an ''eeyyama daldalaa malee, eeyyama daldalaa osoo hin haaromsiin kan ittiin daldalu, ykn eeyyama haqamee fi dhorkameen nama daldalu yoo arganidha.’’
Qajeelfamoonni daldalaa kunneen cabanii yoo argaman ogeessonni kunneen tarkaanfii fudhachuu isaaniin dura hogganaa isaanitti dhiyoo jiruuf barreeffamaan waa’ee rakkinichaa beeksiisuu akka qaban qajeelfamni haaraan kun hima.
Tarkaanfiin kan fudhatamuu danda’u aanolee fi kutaaleen bulchiinsaa seera cabe kana ilaalchisee Biiroo Daldalaaf beeksisanii biirichi ''tarkaanfiin bulchiinsaa'' akka fudhatamu yeroo ajaju qofaadha.
Eeyyama malee daldaluu fi eeyyama seeraan alaa kan hafe kaan gara Biiroo Daldalaatti qajeelfamu.
Kun biiricha irratti hojii hin baay’isuu kan jedhuuf Qiddist ‘’teeknoloojii haaraa waan galchaa jirruuf ni bahanna jennee abdanna’’ jedhan.
‘’Yeroo dheeraa kan hojjechiisuu danda’u qorannoo bal’aan irratti gaggeeffameeti kan dhufe. Wantootni rakkoo tahan hin mudatan jechuun hin danda’amu. Adeemsicha irratti rakkoon kan mudatu yoo tahe ammoo irra deebinee qajeelfamicha kan ilaallu taha’’ jedhan.
Ragaa BBC’n Biiroo Daldalaa Magaala Finfinne eirraa argateen magaalicha keessa daldaltoonni eeyyama baafachuun hojjetan gara 400,000 tahan jiru.