Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan hongee dandamachuuf maaliif midhaan qacceen sanyiisaa foyyeeffame filatte?
Keeniyaan daldala midhaan qacceen sanyiisaa foyyeeffametti (GMO) fuula garagalfachuun qonnaan bultoonni fi aktivistoonni gariin fayyaa qabeessa ta’uusaa shakkuun falmaa jiru.
“Wanta nyaataa jiru caalaatti akka badu gochuu barbaadan,” jetti qonnaan bultuun kan taate Iivaa Waanjiroo.
Mootummaan Keeniyaa dhorkaa waggoota 10f midhaan qacceen sanyiisaa foyyeffame (GMO) irratti godhamee ture irraa kaasuun, amma qonnaan bultoonni Keeniyaa hedduun jalqaba bara dhufu boqqolloo sanyiin isaanii foyyeeffame fayyadamuuf deeman. Kunin dubartii tana yaaddesseera.
Haata’u malee, nyaata midhaan qacceen sanyiisaa foyyeeffame irra galchan nyaachuuf wanti sodaatan hin jirtu jedhu Yunivarsitii Keeniyaataatti Piroofeesaraa baayoteknoolojii kan ta'an Riichaardi Oduwoor.
“Ragaan saayinsii kan GMO fi kaansarii walitti hidhu hin jiru. Falmii sirriin taasifamu qaba jedhe yaada, sababnisaa maaliif insulinii sanyiinsaa foyyeeffame hin sodaanne nyaata GMO dhiibbaa cinaaf jenne sodaanna?
''Karaa kaminiyyuu, erga gadhiifameen boda GMOn dhiyeenyaan hordofama,,'' jedhan.
Waqtii roobaa afur walitti fufinsaan dhabuun, Keeniyaan yeroo ammaa hanqina bishaanii cimaa naannoo Afrikaa Bahaa kanatti waggoota afurtamaaf hin argaminiin miidhama jirti.
Kana jechuun midhaan biqiluu hin danda’u. Kanaaf beelli jiraachuu danda’uun sodaa uume.
Sanyiin GMO kan qacceensaani foyyeffamuun amalawwan gaggaarii barbaadan kan akka hongee fi ilbiisoota moʼuu danda’un qabu - cimina isaanii kanaaf qonnaan bultoonni biroo Waanjjiroon yaada adda qaban.
Midhaan nyaataatiin of danda’uu fi eegumsa naannoo dhugumaan gargaarsi isaan barbaachisu irraa kan ka’e dhorkaan midhaan GMO irra ture ka’uu ibsan.
“Jijjiiramni haala qilleensaa, hongeen caalaa hammachuu fi ilbiisonni akka raammoo fi dhukkubi boqqolloo midhaan nyaataatiin of danda’uu, dheeda horii fi nyaata madaalamaan of danda’uu kan miidhudha, “ jedhu Daarektarri Olaanaan dhaabbata Qonnaa fi Qabeenya Beeyladaa biyyatti qoratan Dr. Eliid Kiregeer.
Dhukkuba fi ilbiisawwan kunneen midhaan boqqolloo balleessan. Fakkeenya, raammoon midhaan hedduu gaafa biqilu nyaata.
Akka saayintistoonni himanitti nyaanni teknooloojii GMO kunin oomisha dabaluun Afriikaan nyaata alaa galchan irraatti akka hin hirkanne taasisa.
“Teknooloojii kana akka rakkootti utuu hin ta’in akka furmaatatti ilaaluu qabna,” jedhan Dr. Murenga Muwimali Waldaa Saayinsii Yuuniversiitii Kornel U.S.A irra.
Xiyyeeffannoo nyaata Keeniyaatti hedduun sooratu
Matadureen qorannoo midhaan GMO bara 2018 geggeessan, waggoota 20 darban keessatti sanyiin boqqolloo GMO irra oomishame dabalu argisiisa.
Sababa kanaaf, inkirdaadni salphinaan to’atamu, fayyadami farra ilbiisoota gad bu’u fi hojjettootaa baay’een barbaduu dhabuun gatiiwwan oomishaa gad bu’u to'attoonni baayootekinoolojii Keeniyaa ibsan.
Dhorkama ture baasuun qonnaan bultoonni Keeniyaa sodaa malee midhaan GMO facaasuu, nyaata fi nyaata beeladaa GMO ta’an alaa galchuu danda’u.
Keeniyaa keessatti boqqolloon nyaata namoonni hedduun sooratanidha. Sababa kanaaf qonnaan bultoonni biyyatti dhibbeentaa 90 ta’an boqolloo facaasu.
Dinagdeen Keeniyaa qonnaa irratti ka hundoofteedha, ummata baadiyyaa dhibbeentaa 80 carraa hojii kan uume.
Qonnaan bultoonni keeniyaa galii qofaaf utuu hin ta’in nyaataaf midhaan kana facaasu.
Waanjiroon waggoota hedduuf Magaalaa Naayirobii irra Kiilomeetira 110 kan jirtu bakka Sagana jedhamtuutti oomisha qonnaa jallisii gaggeessaa turte.
Lafa qonnaa hektaara tokkoo qabdu irratti farra ilbisoota fi sanyii fooyyefame hin fayyadamtu.
Miidhaan qacceen sanyiisaa foyyeefame hanqina nyaataa biyyattiif fala akka ta’e ragaan ga’aan jiraachuu hin amantu.
“Qonnaan bultoonni hedduun kan sanyii GMO kana facaasan dhukkuboota fi ilbisoonni jiraachuu gungumu, gaafa roobni hin jirre akkasumas midhaan baduu irra dubbatu. Kanaaf kunin furmaata jedhe hin yaadu.”
Sodaan biraa, qonnaan bultoonni GMO kana fayyadamuu eegalan dhaabbilee sanyii GMO gurguran kanatti hirkachu, kunis gabaa moʼuun fayidaa qonnaan bultootaf utuu hin ta’in fedhii dhuunfaasaaniif oola.
'Seera adabbii cimaa qabu'
“Dhaabbileen kunin oomishaa fi alaa galchii midhaan akka boqqolloo gabaa irratti akka mo’aan hayyamuun qonnaan bultoota waggaatti qalqalloo boqqolloo 40-45 oomishan irratti dhiibbaa qaba,“ jetti Kilaar Nasikee, saayintistiin haala qilleensa.
“Dhorkaa GMO irra ture kaasuun qonnaan bultoota seeraa cimaa mirga abbaa qabeenyummaa dhaabbilee biyyoota adda addaa wajjin walqabatu jala galchuudha.
Sanyiin GMO kunneen mirga abba qabeenyummaa qabu, kunis qonnaan bultoota lafasaani irratti sanyiin GMO facaasan waldhibdee abba qabeenyummaa beekumsa isaani malee keessa galcha,” jetti Nasikeen.
Garuu buufata qonna Afrikaatti Daarektara kan ta’e Dr. Istiifin Muugoo, Keeniyaan dhaabbilee idil addunyaatin hin hidhamtu jedhu.
“Sun yaada hundee hin qabne, sababnisa Keeniyaa sanyii GMO kana oomishuuf dandeettii qabdi. Dhaabbileen hedduun teknooloojii kana kireessanii isaaniis itti fayyadamuun sanyiiwwan haaraa uuman.”