Sammuun keenya waa'ee jaalallee jalqabaa yaadannoo jiraatu ol kaa'a

Madda suuraa, Getty Images
Yaadannoon jaalala jalaqabaa maalif waggootaaf sammuu keenya keessa tura?
Namoonni heddu jaalalasaanii yeroo jalqabaa yeroo dheeraaf yaadatu. Garuu waggoonni heddu lakka'amanis jaalalli jalqabaa maaliif irraanfatamuu dida?
Umriin dargaggummaa yeroo sammuun namaa dandeettii yaadannoowwan yeroo dheeraaf turan kuusuu cimaa ta'e itti qabaatudha.
"Umrii kanatti dandeettii yaadannoowwan bifa sirriin galmeessuufi kuusuu olaanaa ta'e qabna" jedhu Yunivarsiitii Westministeeritti pirofeesara niwurofiziyoloojii kan ta'an Kaatirin Laavii.
Umrii kanatti sammuun keenya odeeffannoowwan miira wajjin walqabatan karaa fooyyeefi dhaabbataa ta'een akka kuusuus himu.
Jaalalli jalqabaa maaliif waggootaaf sammuu keenya keessa tura?
Kana malees hanguma sammuun keenya waa tokko yaadatu haalli dhimmi sun sammuu keenya keessa yeroo dheeraaf itti turus dabalaa deema. Kanaafis taateewwan miira cimaan walqabatan sammuu keenya keessatti yaadannoowwan yeroo dheeraa uumu.
"Hanguma taateewwan sana yaadannu, walitti hidhamiinsawwan niwuroonii isaan waliin walqabatan cimsaa deema" jedhu pirofeesar Laaviin.
Hormoniiwwan dargaggummaa maaliif jaalala jalqabaarratti dhiibbaa olaanaa qabaatu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gammachuus ta'e gadda yookiin cabni onnee yeroo jaalala jalqabaa mudatu akkaan cimaadha. Keessattuu wayita namoonni daa'imummaarraa gara dargaggummaatti ce'an kemikaalonni miira cimaa kakaasan qaamafi sammuusaanii keessatti hojjechuu eegalu.
Haaluma kanaan yemmuu namoonni ija jaalalaan wal barbaadan jalqabarratti hormoniiwwan akka istirojiiniifi testostiroonii dabaluun miirri walitti dhufeenyaa uumama.
Wayita hariiroon jaalalaa eegalummoo hormoniiwwanii fi kemikaalonni seelota gidduutti ergaa daddabarsan kunneen akka serotoniinii, doppaamiiniifi oksitoosiinii sammuu keessatti gadhiifamu. Kemikaalonni kunneenis miirawwan akka sifaa'inaa, walitti dhiyeenya, gammachuufi hariiroo miiraan kan walqabatanidha.
Jaalalli jalqabaas dargaggoonni maatiifi hiriyoota dhiyoon alatti nama biraa waliin hariiroo miiraa cimaa kan itti uummatanidha.
"Hariiroo namni tokko jireenyasaa keessatti namoota biroo waliin uumu keessatti jaalalli jalqabaa hariiroowwan isaan ijoo keessaa isa tokkodha" jedhu Kaatirin Laavii.
Kana malees jaalalli jalqabaa taatee miiraa qofa osoo hintaane adeemsa namoonni wal amantaa itti baratan, walitti dhufeenya qaamaafi miraa kan itti arganfi hariiroo namoota gidduu garuummoo adda ta'e itti dhandhaman akka ta'es himu.
Hoormooniin ijoollummaa maaliif dhiibbaa hamma kanaa qabaate?
Gaafii jaalalli jalqabaa maaliif waggootaaf sammuu namootaa keessa tura jedhuuf deebii argachuuf Kaatirin Laavii qorannoo taasisaa turaniiru.
"Namoota umriinsaanii waggaa 70 fi 80 ol ta'efi waa'ee hariiroo jaalalaa jalqabaasaanii yaadannoo cimaa qaban haasofsiiseen jira" jedhu.
Akka Kaatrin jedhanittis jaalalli jalqabaa yaadannoo durii qofa osoo hintaanee taatee ijoo sammuu keenya keessatti mallattoo kaa'uun waggootaaf yaadatamudha.
Gama biraatiin jaalala darbe yaadachuun hariiroon adda cite irra deebiin akka eegaluuf hawwuu jechuu miti, sirumaayyuu hariiroo jaalalaa amma keessa jirru kan cimsu ta'uu danda'a.
Yunivarsiitii Hiyustanitti pirofeesara kan ta'an Adam Fetarmaan, yaadannoowwan jaalala durii qorachuun beekamu.
Isaanis wantoota gaggaarii yeroo jaalala jalqabaa dabarsan irra deebiin dabarsuun namoonni miira gammachuu keessa akka seenan akka taasisu himu. Kana malees jaalalleewwan yeroo gaarii waliin dabarsan yaadatan, kunneen biroo caalaa jaalalleessaanii waliin miira cimaa akka qabanfi jaalalli isaaniis akka dabalu himu.
Jalalawwan jalqabaa tokko tokko yoomiyyuu hindagataman

Madda suuraa, Getty Images
Jaalala jalqabaa irraanfachuun maaliif ulfaata?
Keet fi Gantar bara 1989 bashannanaaf Ingilaand kutaa biyyaa Devon jedhamutti akka tasaa wal arganii wal jaalatan.
Haa ta'u malee Gantar gara Jarmaniitti deebi'uu waan qabuuf garasitti imale. Ergasiis xalayaa walif barreessuun hariiroosaanii itti fufsiisan.
Booda keessa garuu Keet gara Jarmanii deemun Gantar waliin jiraachuu waan hin dandeenyeef hariiroonsaanii adda cite. Hariiroo turtii waggoota lamaa booda adda cite kanas "Jireenyakoo keessatti murtee isa ulfaataa" jechuun Keet ibsiti.
Haa ta'u malee waggoota 30 booda Keet xalayaa Gantar waliin waliif barreessan saanduqashee keessatti agarte, yaadannoowwan jaalala waliin dabarsanis sammuushee keessa yaa'uu eegalan.
"Baay'een boo'e. 'Nama kana sababasaa osoo hinbeekin onneesaa cabseera' jedhee baay'een boo'e" jechuunis himti.
Itti aansunis teessoo dhaabbata daldalaa maatii Gantar waan argatteef xalayaa akka barreessiteef himti. Garuummoo Gantar irraa deebii nan argadha jettee hin eegne ture.
Haa ta'u malee "Sadaasa 22, guyyaa keessaa sa'aatii 6:36 yemmuu ta'u bilbillikoo waame. Lakkoofsi naaf bilbilame Jarmaniirraa ta'uu barraan baay'een gammade" jetti.
Sana boodas sa'aatiwwanif waliin haasa'an. Torbeewwan muraasa boodammoo Gantar gara Ingilaand magaalaa Maanchistaritti balali'uun wal argan. "Yeroon ishee argu akka waan gonkuma gargar baane hinturretti natti dhagahame" jechuunis miira itti dhagahame hima.
Bifa kanaan waggoota 30 booda kan wal argan Keet fi Gantar tabba waggoota 30 dura waliin bahan bahanii wal kaadhimmatan.
"Yeroo baay'ee carraa lammaffaa hin argattu. Amma garuu hanguman isa argu gaabbiin koo narraa bada" jechuun Keet himti. Gantaris gama isaatin lammata ishee dhabuu akka hinbarbaannefi hariiroosaanii akka fufsiisu himeera.



















