Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tibbana bifa fiilmiin kan hojjetame sirni Siinqee fi Ateetee maali?
Ateetee Ayyaana Hawwootaa mata duree jedhuun fiilmiin bifa dokumantariin hojjetame Roobii (Fulbaana 18, 2024) magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatan keessatti eebbifamee agarsiisaaf dhihaateera.
Fiilmii kana kan qopheesse dargaggoo Roobsan Waabee BBC waliin turtii taasiseen hojii kana sadarkaa kanarraan ga'uuf waggaa lamaa ol akka itti fudhate hime.
Siinqeen aangoo dubartiiti, wayyuudha. Ateeteen ammoo sirna siinqee keessaa tokko. Kanaaf uummata Oromoo biratti duudhaa akkaan ulfoo ta'edha.
Dargaggoo Roobsan aadaan kun akka hin badne, dagaagee akka itti fufuuf yaadee fiilmii kana hojjechuuf akka murteesse hima, ammoo fiilmiiwwan akkanaa itti fufee hojjechuuf karoora akka qabullee ibse.
''Maqaa fiilmichaatu Ateetee jedha malee sirni achi keessatti raawwatamu Sirna Siinqeeti. Siinqeen mirgi dhala namaa walqixa akka kabajamu gooti. Uumamni waaqaa akka hin dabne, akka hin badne kan ittiin eeganiidha,'' jedha Roobsan.
Fiilmiin kun foormaatiin isaa Docudrama yoo ta'u dheerinni isaa daqiiqaa jaatama.
Kaayyoon dokumantarii kanaa aadaa barsiisuu, hawwata tuurizimii Oromiyaa mul'isuu fi duudhaa kana dhalootatti dabarsuudha jedha Roobsan.
Fiilmii kana hojjetee xumuruuf waggaa lama akka itti fudhatee fi waliigalatti maallaqa miiliyoona afur akka itti baase hime.
Eebba fiilmii kanaarratti suuraan Siinqee fi haadha Siinee caalbaasiif dhiyaachuun birrii miiliyona afuriin kennameera.
''Fiilmiin yeroo fi maallaqi guddaan itti bahee hojjetame kun uummata bira ga'uu qaba. Qarshii itti baasnellee deebisuu danda'uu qaba. Ammoo kan itti aanullee dalaguu qabna waan ta'eef,'' jedhe Roobsan.
Iddoo dhalattoonni Oromoo jiran deemuun akka agarsiisanii fi carraa miidiyaalee jiran hunda fayyadamuun akka agarsiisuuf deemanis ibse.
''Feestivaalota adda addaarratti ni agarsiifna. Addunyaatti beeksisuu qabna. Miidiyaa biyya keessa jiran irrattis ni dabarsina.''
Sirni Gadaa guutuu ta'uu agarsiisa
Dargaggoo Roobsan ijoollummaasaarraa eegalee aadaa fi duudhaa sirna Gadaa kan ta'e Siinqee argaa dhagahaa akka guddate BBCtti hime.
Kana keessatti Sirni Gadaa guutuu ta'uusaa wantoota agarsiisan keessaa inni ijoon mirgi walqixaa dhiirotaa fi dubartootaaf kennamuusaati jedhe.
Addatti ammoo Gadaan dubartootaaf bakka akka qabu Sirna Siinqee qofa irraa hubachuun danda'ama jedhe.
''Sirni Gadaa dubartoota hin hirmaachisu jedhamaa ture. Keessattuu yeroo Gadaan UNESCO irratti galmaa'uuf ture yaada kanatu ka'aa ture. Dhugaan jiru garuu sirni Gadaa sirna of danda'e, kan hundaaf bakka qabuudha.''
Dargaggoo Roobsan Waabee digirii jalqabaasaa barnoota Saayinsii Kompiyuutaraan Yuuniversitii Walloorraa eebbifamus, boodarra garuu akkaataa itti fiilmii hojjetan (Film Making) barate.
''Anis warra fiilmii hojjetan keessaa tokko ta'eera. Kanaafuu duudhaa Gadaa keessa jiru kana (sirna Siinqee) gama fiilmiitiin maaliifan hin dabarsu jedheen hojii kana eegale,'' jedhe.
Kaayyoonsaa jalqabaa Sirni Gadaa guutuu ta'uusaa, garuu ammoo sababa hin hubatamneef akka waan hanqina qabuutti irraa dubbatamaa akka jiru mul'isuuf jedha Roobsan.
''Uummata biraa dhiisii uummata Oromoo keessayyuu kan waa'ee sirna Gadaa hin beekne jira. Kana beeksisuu qabna kan jedhurraan waan kana dalage.''
Qabiyyeen fiilmii kanaa seenaadha, aadaadha, duudhaa uummataati. Kanaaf barachuu, qorachuu fi beektota hirmaachisuu gaafata.
''Wayita fiilmii dokumantarii hojjettu inni guddaan yaada walitti cuunfitee dabarsuu danda'uudha. Kanaafuu dhimmoota bu'uuraa dabarsuudha,'' jedha Roobsan.
''Ammoo sababa fiilmii kanaa aadaa fi duudhaa saba kanaa waan hedduu argita. Uffata aadaa, faaya adda addaa fi haala nyaataa irratti beeksifta. Kun hundi walqabatee jira. Fiilmii kana keessatti mul'ateera.''
Fiilmii kana keessatti namoota aadaa beekan, qorattoota fi jaarsolii biyyaa hirmaachisuu hime.
Seenaa fi aadaan Oromoo dhiheenya kana gara caalaa gama kitaabaan ibsamaa jira.
''Kitaaba wayita barreessitu 'akkan nama kanarraa odeeffadhetti' jetta. Dokumantarii kana garuu namuma aadaa beekurraa dhaggeeffatta. Kanaafuu hawaasa waan barreeffamee taa'e hin qabneef dokumantariin akkasii filatamaadha,'' jedhe Roobsan.
Namoota Fiilmii kanarratti hirmaatan keessaa tokko Ambaasaaddara aadaa Oromoo jedhamuun kan beekaman Aadde Saaraa Duubeeti.
Aadde Saaraan BBC waliin turtii taasisaniin fiilmiin kun deessuu irratti xiyyeeffata jedhan.
''Deettuun wayyu, Qanafaan wayyu. Kanafaa hojjenne,'' jedhan.
Ateetee fi Siinqee
Ateeteen sirna Siinqee ta'ee hawwootaan kan gaggeeffamuudha.
Akka Sirna Gadaatti ''dubartiin ulfoodha, wayyuudha,'' kan jedhan Aadde Saaraa Duubee, kanaaf ammoo mallattoon Siinqeedha jedhan.
''Siinqeen waraana dubartiiti. Aangoo dubartiiti. Yoo dubartiin jiraatte dhalli namaa itti fufa.''
Sirna Gadaa keessatti akkuma dhiironni ga'ee qaban dubartootaafis ga'een kenname jira. Keessattuu dubartiin araara keessatti qooda olaanaa qabdi.
''Mirga ishii [dubartiin] akka ittiin eeggattuuf Siinqee kanatu kennameef. Mirgashii qofa osoo hin taane kan dhala namaa hundaa ittiin eegdi,'' jedhan Aadde Saaraan.
''Siinqeen waraana dubartiiti jedhee Gadaatu kenneef. Siinqeen tokkummaa dubartootaati. Dubartoota ga'oomsuudhaaf.''
''Ateen ammoo sirna Siinqeen ittiin gaggffamu,'' jedhan.
Sinqeen waraana dubartiiti jedhamtu kun muka qalloorraa bocamtee bareeddee kan hojjetamtu yoo ta'u, dubartiin tokko yoo miidhaan irra ga'e yookiin yoo rakkoon hawaasa keessatti dhalate kan akka gaachanaatti itti fayyadamtuudha.
''Garuu Siinqeen dubartiif kan kennamuuf akka ittiin nama miituuf yookiin humna ittiin qaama ishee miidhu ofirraa qolattu waan dhabdeef miti. Wayyooma, ulfina dubartii mul'isuuf. Waliigalatti mallattoo kabaja dubartiiti,'' jedhan.
Siinqee eenyutu qabata? Yoom qabatu?
Siinqeen ulee qal'oo bareedduu dubartoonni harkarratti qabatanii ba'anidha, ammoo aangoo fi kabaja dubartii baatti.
''Siinqee haadholii qofatu qabatti. Qarreen hin qabattu,'' jedhan Aadde Saaraan.
Fakkeenyaaf akka aadaa Oromoo Sikkoo mandootti shamarreen (qarreen) tokko wayita heerumaaf geessee kadhatamtu jalqaba abbaatu intalasaa kanaaf Siinqee qopheessa.
''Abbaan bosona deemee muka harooressa jedhamurraa Siinqee muree qopheessa. Kan akkaan qajeeltuu taatee fi hojjaa intala sanii hin tarre muruu qaba,'' jedhan.
Qajeeltuu wanti muraniif yookiin daddabduu wanni hin taaneef dubartiin dhufaa dubbatti, waan qajeelaa dubbatti hiika jedhu of keessaa qaba.
''Gaafa heerumaa Siinqeen kun amaanaadhaan abbaa warraatti kennamti. Birmadummaa fi walabummaa isheellee waliin itti kennan.''
Akka Aadde Saaraan jedhanitti shamarree heerumte kun Siinqee kennameef kan jaarsi ishee ishee waliin qabatee galeen kan qabachuu eegaltu bultee ganamasaati.
''Siinqee isatu qabatee ittiin gala. Isheen ammoo durbummaa, kabaja, birmadummaa fi amaanaa haati ishee itti kennite hunda eegdee turti. Erga waliin bulanii qarrummaa keessaa baatee booda ganama qabachuu eegalti,'' jedhan.
Haadha taateeti ganama Siinqeen kun harka isheetti deebi'a.
Erga Siinqeen kun harkashee galee egaa aangoo qabatte jechuudha. Taatee uumamaas ta'e kan nam-tolchee mudannaan waraana ishee kan ta'e, Siinqee kana qabattee baati.
Yoo hongeen hammaate rooba kadhachuuf, yoo miidhamtee iyyattee birmannaa gaafachuuf, yoo dhibdeen hawaasa keessatti mudate hiikuuf aangoon Siinqee kanarra jira.