Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naajeeriyaan qaala'insa gatii nyaataa tasgabbeessuuf labsii yeroo muddamaa labsite
Pireezidantiin Naajeeriyaa Boolaa Tiinubuu gatii nyaataa biyyattii keessatti akkaan dabale tasgabbeessuuf labsii yeroo muddamaa labsan.
Biyyattiin tibbana gatii boba'aa madaalawaa gochuuf deeggarsa taasiftu kaasuun, maallaqi qusatame xaa'oo fi sanyii filatamaa qonnaan bultootaaf ittiin bituun tooftaa gabaa ittiin tasgabbeessan ta'uu ibsan.
Qonnaan bultoonni hedduun garee hidhataniin ukkaamfamanii fudhatamuun maallaqa waan gaafatamaniif ooyiruu qonnaasaanii gatanii baqataniiru.
Rakkoo kana furuuf mootummaan qonnaan bultootaaf eegumsa akka ramadu ibseera.
Kanneen hiyyummaa fi gadadoo keessa jiran ji'oota ja'an dhufaniif ji'aan doolaara 10 akka argatan murtaa'eera.
''Lammiilee Naayijeeriyaa hundaaf kanan mirkaneessuu barbaadu mootummaan deeggarsa taasisurraa tarkaanfii tokkollee duubatti akka hin jennedha,'' jedhan pireezidantichi.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii gabaasa bara kana ji'a Amajjii keessa baaseen bara kana lammiileen Naayijeeriyaa miiliyoona 25 ta'an sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkoo hamaa keessa seenu jechuun raageera.
Rakkoon wabii nyaataa biyya Afrikaa keessaa baayyina uummataan tokkoffaa taate kana yaaddessuu erga jalqabee tureera.
Rakkoo wabii nyaataan alattis biyyattiin waggootaaf walitti bu'iinsi hamaa keessa jirti.
Bara darbe qofa qonnaan bultoonni 350 ol butamanii ykn ajjeefamaniiru jedha marsariitiin hordoffii nageenyaa Naayijeeriyaa.
Haleellaawwan kunneen irra caalaan isaanii kutaa kaaba biyyattii keessatti raawwataman.
Mootummaan tarkaanfiiwwan nageenyaa haaraa yoo hojiirra oolche garuu, qonnaan bultoonni ''haleellaa osoo hin sodaatin gara hojii qonnaa isaaniitti deebi'uu danda'u,'' jedhu gorsaan mootummaa Dele Alake.
Mootummaan gareewwan yakka gurmaa'e biyyattii keessatti raawwatan akkamitti qolachuuf akka karoorfate bal'inaan hin ibsine.
Dhimmoonni nyaataa fi bishaan waliin walqabatan hundi, itti gaafatamummaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa kan qondaaltota nageenya biyyattii irraa ijaaramee fi Pirezidaantichaan hoogganamuu ta'a.
Pireezidanti Tinubuun erga aangootti dhufanii booda tarkaanfiin imaammataa isaanii inni jalqabaa deeggarsa boba’aa biyyattiin waggoota kurnaniif hojiirra oolchaa turte dhaabuu ture.
Deeggarsi boba’aa dhaabbachuu waliin walqabatee naannolee biyyattii tokko tokkotti boba’aan dhibbeentaa 200n dabaleera, garuu pireezidantichi maallaqa kana karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuu keessatti tarkaanfiin kun sirriidha jechuun falmaniiru.
Dabaluun gatii boba'aa dinagdee biyyattii irrattis dhiibbaa guddaa geessiseera.
Guyyoota muraasa dura Waldaan Tolchitoota fi Dhiyeessitoota Daabboo Naayijeeriyaa gatiin daabboo dhibbeentaa 15n akka dabalu akeekkachiisee ture.
Maatiin tokko tokko daabboo bitachuu akka hin dandeenye BBC Pijinitti himaniiru.