Dhohiinsa mana nyaataa Chaayinaatti mudateen namoonni 31 du'an

Kaaba-lixa Chaayinaatti balaa dhohiinsaa mana nyaataa tokko keessatti mudateen namoonni 31 erga du'an booda namoonni sagal to'ataman.
Balaa magaalaa Yiinchuwaan keessatti mudate kanaaf sababiin gaaziin dhohee dhangala'uudha.
Pirezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing hojii lubbuu baraaruu irratti akka xiyyeefatamuu fi maddi balaa kanaa akka sirriitti qoratamu dhaaman.
Miidiyaan biyyattii akka gabaasetti taatee kana hordofee namoota seeraan to'ataman sagal keessaa abbaan mana nyaataa balaan kun keessatti mudatee tokko.
Balaan kun bakka ayyaana aadaa Chaayinaa - Dragon Boat Festival - jedhamu kabajuuf walitti qabamanii fi mana nyaataa namoonni hedduun keessaa nyaataa turan Fuyaang jedhamu keessatti mudate.
Ayyaanni kun barri haaraa Chaayinaa eegalee ji'a shanaffaa keessa guyyaa shanaffaarratti kabajama.
Namoonni du'an hedduun barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa fi namoota soorama ba'an ta'uu miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Balaa kanaan namoonni miidhamanii hospitaala seenan torba haalli fayyummaasaanii akkaan yaaddessaa yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'aniis dabaluu danda'a jedha gabaasi dhaabbata oduu Shiinuwaa.
Pirezidanti Shiin namoota miidhaman wal'aanuurratti akka xiyyeeffatamu eeruun, nageenya lammiilee eeguuf tarkaanfiin addaa akka fudhatamus ibsan.
''Namoota miidhaman wal'aanuun lubbuusaanii baraaruuf waan nurraa eegamu hunda hojjechuu qabna.
''Akkasumas madda rakkoo kana hatattamaan qulqulleessuun qaama balleesse seeraan gaafachuu qabna,'' jedhan.
Manni nyaataa balaan kun itti mudate kun magaalaa guddoo naannawa of dandeessee of bulchitu Ningxia kan taate Yiichuwaan keessatti argama.
Manni nyaataa kun akkaan bal'aa kan ta'ee fi bakka namoonni yeroo ayyaanaa fi qophiin jiru itti walga'uun nyaataa fi dhugaatiin keessatti bashannananidha.
Balaan kun akkuma mudateen tajaajilli ittisa balaa abiddaa hojjettoota 100 fi konkolaattota 20 ramadee hojii lubbuu baraaruu hojjetaa ture jedhe Ministeerri To'annoo Balaa Tasaa.
Qorannoon duraa akka mul'isetti osoo balaan kun hin mudatin dura gaaziin dhangala'ee ture.
Manni nyaataa kun Chaayinaa keessatti maqaa kan qabuu fi kaab- lixa biyyattii keessatti manneen nyaataa karaarratti tajaajila namoota hedduuf kennanii fi diinagdee naannawa kanaaf murteessaa ta'an keessaa isa jalqabarra jiruudha.












