Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas meeshaalee waraanaa akkamiin Israa'el lolaa jira?
Gaazatti Israa'el wajjin wal-hadhaa kan jiru Hamaas meeshaalee ammayyaa garaa garaa akka fayyadamu BBC Arabic qoratee bira gahe. Beektonni saayinsii waraanaa akka jedhanitti meeshaalen Hamaas amma fayyadama jiru kan dur fayyadama ture caala baay'ee kan fooyya'eefi haareffameedha.
Gaafa Onkoloolessaa 7, 2023 osoo Israa'el hin eegin Hamaas daangaa Israa'el kiilomeetira heddu seenee haleellaa gaggeesse. Haleellaa kanarratti rookkettiwwan, misaa'elootafi dirooniwwan garaa garaa fayyadameera.
Dameen waraana Hamaas al-Qasiim Birgeed jedhamu haleellan gaafas Israa'elirratti gaggeessen meeshaalen waraanaa fayyadame ilaalcha dur namoonin Hamaasif qaban waan jijjiire fakkaata.
Lola Gaazatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammaa hidhattoota garee kanaa 8,000 ajjeesera jette Israa'el. Ofii Hamaas meeshaalee waraanaa akkamii fayyadama?
1. Misaa'ela farra taankii 'Yasin 105' jedhamu
Keessumaa erga Israa'el waraana lafoo Gaazatti eegaltee kaasee Hamaas viidiyoowwan gadhiisurratti misaa'elli fatta tankii Yasin 105mm jedhamuun beekamu osoo fayyadamuu ni mul'ata.
Misaa'elli kun maqaa hundeessitoota Hamaas keessaa nama beekamaa Sheek Ahmad Yaasiniin mogga'e. Meeshaa salphaadhumatti gateettirra godhachuun dhukaafamuudha.
Misaa'elli farra taankii Hamaas fayyadamu kun mataa lama kan qabu yoo ta'u, yeroo dhukaafamu dhukaatun jalqabaa taankii walakkaan ykn guutumaan uree seena. Dhukaatun lammataa ammoo taankichi haleelame sun akka dhohee gubatu godha.
Fageenya meetira 150-500 irratti saffisa sakandii tokkotti meetira 300 furguggifamuun haleela jedhama.
Taankiwwan Israa'el Mekaava jedhamuun beekaman teeknolojii ittiin farra misaa'elaa qolatu qaba jedhamus taankiwwan kun yeroo haleelaman ni mul'atu.
Xinxaaltonni waraanaa akka jedhanitti Hamaas misaa'eloota farra taankii kana yoo xiqqaate 2,000 kuufatee qaba.
2. Torpiidoo 'Al Asef'
Gareen Hamaas viidiyoo ji'a Onkoloolessaa keessa baaserratti, meeshaa kana dura itti dhimma bahee hin beekne Torpiido 'Al Asef' jedhamu agarsiisee ture. Gaafa Israa'el irratti haleellaa banes meeshaa kanatti dhimma baheera jedhama.
BBC Arabic akka mirkaneeffatetti viidiyoon meeshaa kana agarsiisu sanaan dura maxxanfamee hin beeku.
Torbiidon meeshaa waraanaa galanaa jalaa dhukaafamuudha. s.
Ajajaa walii galaa duraanii waraana Masirii kan ta'an Yaasir Hasheem akka ibsanitti Torpiidon Hamaas fayyadamu kun meeshaa waraanaa bishaan keessatti gadi lakkifamuun fageenyarraa to'atamuudha.
Hamaas meeshaa kana ofumaaf akka omishe himu xinxaaltonni.
3. RPG Kooriyaa Kaabaa
Meeshaan waraanaa F7 RPG jedhamufi boombii darbachuuf oolu viidiyoo haleellaa gaafa Onkoloolessa 7 Hamaas gaggeesse gadi lakkifamerratti ni mul'ata.
Dhukaastun boombii F7 RPG jedhamu kun Kooriyaa Kaabaa irraa kan dhuffeedha jedhama. Hidhattoonni Hamaas heddus F7 RPG Kooriyaa Kaabaa kana hidhatanii akka deeman viidiyoo garaa garaa irraa BBC Arabic mirkaneeffateera.
Gareen Izz al-Din al-Qassam meeshaa kana fayyadamuusaanii kan agarsiisu suura maxxansaniiru.
Israa'elis gamasheen meeshaalee waraanaa Hamaas itti fayyadamaa ture argadheera jettee gaazexeessitootatti agarsiiste keessaa tokko F7 RPG Kooriyaa Kaabaarraa dhufa jedhameedha.
Meeshan kun tokko dhukaasanii kan biroo dhukaasuf salphaa akka ta'eefi konkolaattota waraanaa gurguddoo irraan miidhaa gahuun beekama.
Hojjata duraanii tajaajila tika Biriitish kan ta'e Filiip ngiraam akka jedhutti Hamaas meeshaa waraanaa kana fooyyeessuun itti dhimma bahaa jira.
Akka inni jedhutti Kooriyaan meeshaalee waraanaa akkasii dhiyeessun sharafa alaa argatti.
4. Dhootuu 'Shawaz' jedhamtu
Meeshaalee biroo viidiyoowwan Hamaas gadhiisurratti mul'atan dhootuu 'Shawaaz' jedhamuudha. Shawaz jechuun afaan Araban 'abidda' jechuudha.
Dhootuu kana Hamaas ofumaa omishuun konkolaattota waraanaa Isara'eel ittiin haleela jedhama.
Hamaas waraana lafo Israa'el Gaazatti gaggeessiturratti itti fayyadamuu mirkaneessera.
Israa'elis meeshaalee Hamaas irraa booji'eera jettee agarsiistu keessatti dhootun kun ni argama.