Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jimmatti namichi gafarsaarraa oolchuuf rasaasa dhukaaseen hiriyaasaa galaafate yakkaan himatame
Taateen kun kan mudate Godina Jimmaa aanaa Sigimoo ganda Yaaddessoo bosona Gabbaa jedhamu keessatti.
ALI gaafa guyyaa Hagayya 13, 2015’tti hiriyoonni lama waliin osoo deemaa jiranii akka tasaatti bineensi gafarsa jedhamu itti bahuun tokkoosaanii irratti haleellaa geessisuu eegala.
Hiriyaan miidhamaa kanaas meeshaa waraanaa kilaashii AK47 qabatanii turan bineensichatti dhukaase.
‘Kan hin yaanne siif haa yaaduun, tokkoof eebba tokkoof abaarsa’ akkuma jedhamu, rasaasni nama kana oolchuuf gafarsichati dhuka’e garuu dugda namichaa rukutuun battaluma lubbuu isaa galaafate, jechuun Itti-gaafatamaan Waajira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo, Obbo Guutuu Laayyessaa BBC’tti himan.
Erga eeruun isaan qaqqabee boodas poolisii waliin ta’uun waan raawwate qorachuufi ragaa walitti qabuun shakkamaa dhuunfaa Naajii Imaam irratti seera yakkaa 1996 keewwata 543/1 darbuudhaan yakka ajjeechaa of eeggannoo malee (daguu) raawwachuun himatamee adeemsarra jiraachuus itti dabaluun dubbatu.
Himatamaan yakka ajjeechaa kanaan himatame, Naajii Imaam, “gaagura ilaaluu bakka bosona dhaqneetti bineensi kun isa [hiriyaa isaa du’e] jifatee miidhuuf” jennaan “isa oolchuuf” yaadee bineensatti yoo dhukaasu akka tasaa bineensa bira darbee hiriyaa isaa, Mohaammadamiin Shaafii akka ajjeese amanuusaa himu itti gaafatamichi.
Mohaammadamiin Shaafii, namni balaa uumameen rasaasa hiriyaa isaatiin du’es, ta’ee Naajii Imaam, namni yakka ajjeechaa kana raawwate lamaanuu milishoota (hidhattoota) mootummaa ta’uu itti dabaluun ibsu Obbo Guutuun.
Bineensonni gosa gara garaa bosonicha keessa jiraachuu kan himan hogganaan abbaa alangaa aanichaa, hawaasa naannichaa biratti bineensota adamsuun baramaa akka ta’e himu.
Obbo Guutuun, naannawaa sanatti bineensota bosonaa adamsanii ajjeesuun nyaachuun baramaa ta’uu hawaasa naannichaa irraa hubachuu kaasuun, “bineensaaf ajjeechaa otoo hin taane kunuunsatu mala,” jedhu.
Gafarsi bineensa bakka baay’eetti hin argamne ta’uu kan kaasan itti gaafatamaan abbaa alangaa aanichaa, eegumsi otoo godhamuufii qabu adamoo seeraan alaatiin ajjeesuun seeraan ala ta’uu himu.
Kanumaan walqabatee adamoon seeraan alaa yakkaan kan nama adabsiisuu ta’uu poolisii fi bulchitoota aanichaa waliin ta’uun jiraattota naannawaa sanaatiif hubannoo akka uuman dubbatu itti gaafatamaan kun.
Hawaasa Oromoo keessatti aadaan ajjeesaa akka turee fi sirna mataa isaa akka qabu kan beekamudha.
Namni lafa fagoo imaluudhaan bineensota akka leencaa, hamaaqexaa, qeerransa, arba, gafarsaa fi kaan erga ajjeesee booda faacha fudhatee gala. Erga gales ittiin geerara; ajjeesaa, goota jedhamee jajama ture.
Gaafa namni sun boqotes faacha awwaala isaarra daabu. Ajjeesaan hawaasa Oromoo keessatti kabaja guddaa kan qabu ta’us yeroodhaan booda garuu adamoon seeraan alaa yakka ta’uudhaan seera biyyattiitiin dhorkamuu isaa labsiin misooma, eegumsaa fi itti fayyadama bineensa bosonaa biyyattii 541/2007 ni agarsiisa.