Namichi warqii barbaacha bahe bukoo isaa bakka tokkotti argate

Maxxanfame

Lammiin Awustiraaliyaa meeshaa iddoo sibiilli jiru akeektu qofa qabatee warqii barbaadaa ture dhagaa 4.6kg ulfaatuufi warqee dolaara Ameerikaa 160,000 baasu qabu argate.

Namtichi maqaan isaa akka hin himamne gaafate kun lafa albuudni warqee qotamu Viktooriyaa keessaa argate.

Bakki kun bara 1800 keessa wiirtuu albuudni warqee baafamu turte.

Daaren Kaamp namni dhagaa warqee kana madaalee fi dhagaa warqee kana bite akka himetti, waggoota 43 hojjate keessatti dhagaa warqee hammana guddatu argee hin beeku jedhe.

‘’Baayyee na ajaa’ibe, kun jireenya keessatti waan yeroo tokko argamu,’’ jedhe Daaren Kaamp BBC'tti yeroo dubbatu.

Aab Kaamp jalqaba albuuda guddaatu argama jedhee hin yaadne.

Namoonni yeroo biroo waan warqee fakkaatu qabatanii na bira dhufu ture jedha Daaren Kaamp.

Haa ta’u malee, namni kun dhagaa warqee qabu kana harkatti natti kenne jedhe.

‘’Sana booda namtichi dolaara Awustiraaliyaa 1,000 baasa jettee yaaddaa? naan jedhee na gaafate’’ jedha Aab Kaamp.

Erga madaalamee booda Aab Kaamp dhagaa warqee qabu kana irraa bite.

Namtichi carraa toleessi kun maallaqa gurgurtaasaarraa argate kana maatisaa ittiin akka bulfatu hime.

Aab Kaamp ‘’haatii warraan koo baayyee gammaddi naa jedhe,’’jedha.

Awustiraaliyaan biyya addunyaarratti qabeenya warqeen hunda caala badhaate yoo taatu, dhagaan warqee gurguddaa hedduun kana dura Awustiraaliyaatti argameera.