Qonnaan bulaan qaama xiyyaar-samii hawaarraa lafa dhaye oyiruu keessaa argate

Maxxanfame

Qonnaan bulaan Awustiraaliyaa Mick Miners, waanta gurraacha guddaa oyiruusaa keessatti fagoorraa wayita yeroo duraaf argu, muka jigee bosbose sehe.

Haa tahu malee itti dhiyaachuun wayita ilaaleefi yaada ogeeyyiitiin erga mirkaneeffateen booda, waan hawaarraa gadi kufe akka tahe bare.

Boodarras Ejensiin Hawaa Awustiraaliyaa (ASA) caccabaan kun xiyyaar-samii SpaceX irraa kufe jedhe.

Ogeeyyiin waan argame kana ''waan hin baramne'' jedhanii ibsuun, ta'iiwwan akkasii garuu irra deddeebiin mudachuu malu jedhan.

Meeshaan kun Adoolessa 9, 2022 dirree bal'aa bulchiinsa Niw Saawuz Weels keessatti kan argame oggaa tahu, Aabba Miners garuu kan argate torbanootaan booda ture.

Caccabaan lama biroo boodarra dhiyeenyatti kan argaman ennaa tahu, ASA'n namni kamuu meeshaalee akkasii argannaan karaa sarara SpaceX hundaa'een akka isa qunnaman dhaame.

Yunivarsiitii Biyyolessaa Awustiraaliyaatti astiroofizistii kan tahan Dr Brad Tucker, meeshaa argame kana akka qorataniif kan waamaman isaan ture.

Wantoonni akkasii wayita argamaniiru jedhaman dursa kan waaman ogeessa kana. Garuu yeroo hedduu yeroo achi gahan, wanti hawaarraa bu'e jedhaman osoo hin tahin argamu.

''Waan kana akkasiin dhiyeenyatti arguu kootti guddoon gammade. Amma dura caccabaan hawaa keessaa akkasiin kufee argee hin beeku,'' jedhan viidiyoo intarneeta gubbaa qoodameen.

Yunivarsiitii UK'tti argamu Warwick'tti piroofeesara astiroofiziksii kan tahan Don Pollaco, caccabaan hawaa akkasii lafa dhahuun isaa waan barame miti jechuun waliigalu.

Hawaa keessaa guyyuu wantoonni garagaraa gara Dachee kan kufan tahanis, garri caalu bishaan keessa kufu jedha. Lafa dachee kanaa keessaa garri caalu galaanaan kan uwwifamedha.

Namni addunyaarra wanta hawaarraa gadi bu'een rukutamte nama Lottie Willimas jedhamtu qofadha. Kunis kan mudate 1997 Oklaahomaatti ennaa tahu, caccabaan hawaa gateettii isheerra rukute - tahus garuu miidhaan irra hin geenye.

Taatee biraan ammoo gamoon biyya Ayivorii Kost tokko 2020tti, caccabaa rokkeetii Chaayinaarraa gad-bu'een miidhameera.

Mudannoo lafa dhahuu caccabaa hawaarraa irra deddeebiin dhagahuu malla. Maali jennaan - keessattuu baroota dhiyoo keessatti lakkoofsi rokketiin gara samiitti ergamanii heddummaachuu isaatiini.

Tarii qo'annoon yaaddessu Yunivarsiitii Kaanaadaa Biritish Kolumbiyaan dalagameefi Adoolessa keessa maxxanfame waan jedhu - barkurnee ittaanu keessatti namni tokkoofi isaa ol, caccabaan meeshaalee hawaa keessaa itti bu'uun du'uuf carraan %10 jira jedha.

Haatahu malee Pirof. Pollacco waan jedhan, namni tokko taatee kanaan miidhamuun carraan jiru ''zeerootti siqa.''

''Namoonni kanaan yaadda'uu qabu jedhee hin yaadu, carraan rukutamuun isaanii akkaan kan gadi bu'edha.''

BBC'n dhaabbata SpaceX dhimma kanaaf deebii akka kennu kan gaafate ennaa tahu, ammatti deebii hin laanne.