Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jaakkeettiin Baaz Aldiriin uffatee addeessarra qubate, doolara mil. 2.8’n gurgurame
Qorataan hawaa ykn astiroonaat Baaz Aldiriin yeroo gara Addeessaatti imale jaakkeettiin inni uffatee ture, calbaasii Niiw Yoorkitti dhiyaateen doolara miliyoona 2.8n gurgurame.
Baaz Aldiriin jaakkeettii balalii adii, alabaa US fi asxaa Nasa’n faayame kana uffattee rookkeetii Apollo 11 jedhamee beekamuun gara Addeessaa imale.
Astiroonaatiin umurii ganna 92 kun, jaakkettii kana dabalatee mi’a dhuunfaa isaa 69 calbaasiif dhiyeesseera.
Jaakkeettiin kun mana calbaasii Soteebiin kan gurgurame yoo ta’u, seenaa Ameerikaa keessatti mi’a hawaa calbaasiitti gurgurame isa qaalii ta’eera.
Astiroonaat Baaz Aldiriin bara 1969’tti gara Addeessaa kan imale yoo ta’u, ogeessota sadan yeroos imalan keessaa kan lubbuun jiru isa qofa.
Imala guyyaa ja’aaf hawaa keessa taasisaniin Baaz harka caalaatti jaakkettii kana uffatee kan ture yoo ta’u, yeroo inni itti ofirraa geeddaree tokko yemmuu dachee Addeessaarra ejjechuuf jecha uffataa dhibbaa qilleensa to’atu uffatedha.
Yeroo inni Addeessarra ejjetu, addunyaa guutuu irratti namootni miliyoona 650 ta'an kallattiin TV irratti ilaalaa turani.
Gara sa’aatii 21 ol Addeessarra erga turanii boda Baaz fi Niil Armistiroong rookkettii Appolootti deebi’uun jaakkettii balalii isaanii uffataniiru.
Baaz ergaa barreeffamaa jaakketichaa waliin calbaasiif ergeen jaakkeetichi kaanirra “caalaatti mijaatadha” jedheera.
Jaakkeetiin huccuu ibidda dandamachuu danda’u Beta Cloth jedhamurra hojjetame kun, imala hawaa 1969 irratti uffata turan keessa caalbaasiin kan gurguramee kana qofadha.
Dorgommiin bittaa jaakkeettii kana gara daqiiqaa 10f erga adeemsifamee booda, dhumarratti nama karaa bilbilaan bittaaf dorgomaa tureefi eenyummaan isaa hin beekamneen bitamuu isaa, Soteebiin ibseera.
Meeshaaleen Baaz calbaasiif dhiyaatan biroo keessa, iswiichii to’annoo elektirikii cabee jiru fi qalama (peennaa) inni yaada isaa barreessuuf balalii irratti fayyadame ni argamu.
Walumaagalatti meshaaleen astiroonaatii kanaa hundi doolaraa miliyoona 8.2’n gurguramaniiru.