Caccabaan rookkeettii Chaayinaa dacheerratti kufuuf deemaa jira

Maxxanfame

Caccabaan rookkeettii Chaayinaa to'annoon ala haala ta'een sambattan kanatti gara dacheetti deebii'uuf ta'uun himame.

Haata'u malee carraan cacabaan kun bakka namoonni itti baayyataniitti kufuu gadaanaadha jedhame.

Gochaan kunis biyyoonni rookkeetti gara samiitti furgigsan hangam faalamu hawwaatiif itti gaafatamummaa fudhatu kan jedhurratti gaaffii kaaseera.

NASAn kana dura ejjansiin hawwaa Chaayinaa haaluma adeemsa idil-addunyaatti akka rookkeettiiwwan isanii yoo gara lafaatti deebii'aniitti bakka xixiqqootti akka cacaban taasisaniif gaafate ture.

Rookeettiin tibbana gara buufata hawwaa Chaayinaa kan hin xumuramiinitti imalaniifi Ti'aangoong, jedhamu, to'atamuun akka gara lafaatti deebi'u gochuun hin danda'amne.

Motummaan Chaayinaaguyyaa Roobii akka jedheetti, cacabaan rookkeetii gara dacheetti deebii'u waan galaana gubbaa hin qubanneefu bakka ta'eetti balaa muraasa qaqabsiisuu danda'a.

Haata'u malee cacabaan kuni naannawa namoonni jiraatan irras qubachuuf carran ni jiraata ta'a, akkuma kana dura wayita qabeenyaa Ayivoorii Koosti kan ta'e barbadeeffameetti Caamsaa 2020 taatee wal fakkaatu mudate ture.

Qaamni rookkeettii duwwaa ammatti orbiitii irra Dachee marsaa jira waan ta'eef akka deebii'e lafarra qubatuuf harkifameera.

Garuu ammoo bakka irra qubatu to'achuun hindanda'amne jedhameera. Akka Korporeshinii Aerospace, dhaabbata mit-motummaa Kaaliforiniyaatti bu'ureeffateetti, cacabbaan rookkeetii kanaa Dilbata gara sa'aatii biyyaatti 00:24 GMT irratti lafaarra qaqaba.

Bakkeen cacabaan rookkeettii toonii 25 sun eessa akka qubatu tilmaamuun ammatti rakkisaadha. Bakki cacabaan rookeettii kanaa itti kufuu danda'us tarii Ameerikaa, Awustiraaliyaa, Biraaziil, Indiyaa fi Kibba baha Eshiyaa ta'u mala akka korporeshinichi tilmaameetti.