Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Leenjisaan Ipsiwiich Taawon leenjisaa jabaa Waldaa Leenjistootaa tahuun filaman
Leenjisaan Ipsiiwwich Taawon Maakenaa Waldaa Leenjistoota Liigotaan leenjisaa cimaa bara kanaa jedhamuun filaman.
Leenjisaan ganna 38 kun Ipsiwiich Taawoniin waggoota 22 booda gara Piriimer Liigiitti guddisaniiru.
Maakeenaan leenjistoota jajjaboo akka Peep Gaardiyoolaa fi leenjisaa Arsenaal Maayikil Arteettaa caaluun filame.
Leenjistootni biroo kan akka Unaay Imiree, leenjisaa Everteen Shiin Daayish fi leenjisaan Poortsmaawuz, Joon Muusinihoo fa'aa kanneen filannoo waldichaa xumuraaf gahan keessaati.
Kana dura Gaardiyoolaan leenjisaa jabaa Piriimer Liigii tahuun yoo filamu, dubartootaan leenjisaa Liiverpuul Maat Biirdi, leenjisaa Suupper Liigii dubartootaa tahuun filame.
Maakeenaa leenjisaan Landanitti dhalate, Ayerlaandi Kaabaatti guddate. Kana dura leenjisaa garee jalqabaa Maanchister Yuunaayitid tahuun Ten Haag jalatti hojjechaa ture.
Mudde bara 2021 yeroo kilebni Ipsiwiich Taawon Liig 1 keessa ture leenjisaa kilebichaa tahuun hojii jalqabe.
Bara kana Shaampiyoonshiippii keessatti lammaffaan xumuruun gara Piriimer Liigiitti guddate.
''Badhaasni kun bara jireenyakoo keessatti waan gaarii fi kan ittiin boonudha,'' jedhe.
Badhaasicha ammoo kan kenneef leenjisaa duraanii Maanchister Yuunaayitid Sir Aleeksi Fergusanidha.
''Kun addunyaa irratti waan gaarii ani argadhedha. Leenjisaa garee jalqabaa tahuun muuxannoo guddaa argadheera. Amma ammoo leenjisaa olaanaa tahuun leenjistoota garee gurguddoo Ingiliz waliin dorgomuun waan ulfaataa tahus hanga kanatti galutti ariifadheera'' jedhe.
Gaardiyoolaan ammoo milkaa'ina addaa Ingiliz keessatti yoo galmeessu Maan Siitiin kileba Ingilizii jalqabaa walitti aansuun yeroo afur waancaa injifate taheera.
Leenjisaa jabaa Piriimer Liigiif kenneen kaadhimaman keessaa leenjistootni lammii Ispeen Maayikil Arteettaa, Unaayi Imiree fi leenjisaa Barnimaawoz, Andoonii Irayoolaa argamu. Dabalataan Yargen Kiloop isaan keessaati.
Gaardiyoolaan badhaasicha, ''Maayikiliif nan qooda, hanga daqiiqaa dhumaatti nu muddanii ture. Akkasumas Kilooppiif illee akkasuma badhaasicha nan qooda. Falmii fi morki jabaa waggoota haga kana maraaf waliin taasifne,'' jedhan.
Leenjisaan Barnimaawoz bara dorgommii jalqabaa isaaniitti qabxii gaarii galmeessan.
Taphoota jalqabaa walitti aansuun erga mo'amanii booda haala gaariin liigicha xumuran.
Gaardiyoolaan turtii Ingilizi keessaan yeroo shan badhaasicha mo'ataniru.
Fergusan kan yeroo 11 mo'atan qofatu isaan caala. Gaardiyoolaan badhaasa kana fuuldurattis deebisnee injifachuuf hojjenna jedhan.
Taphataan isaanii Fiil Foodeen badhaasa taphataa jabaa Piriimer Liigii bara kanaa mo'ateera.