Dureewwan Afrikaa Yukireenitti nagaa buusuu danda'uu?

Madda suuraa, Reuters
Dureewwan biyyoota Afrikaa torba ergama nagaaf gara Yukireeniifi Raashiyaatti imalaa jiru. Galmi ergama kanaas waraana haala jireenya ardii Afrikaa guutuu irratti dhiibbaa taasisee karaa nagaatiin akka xumura argatu abdachuudhaan.
Jilli biyyoota kanneen akka Afrikaa Kibba, Masirii, Senegaal, Koongoo-Biraazaaviil, Komoroos, Zaambiyaafi Yugaandaa irraa walitti dhufanii kunneenis Jimaata Wax. 16, 2023 Pirezdantii Volodmiir Zelenskii waliin, Sanbata ammo Pirezdant Vilaandmir Putiin waliin wal argu jedhamee eegama.
Haata'u malee, yeroon daawwannaa kanaa sirrii hin fakkatu. Yeroon daawwannaa kun yeroo itti Yukireen sochii waraanaa deebisanii tarkaanfii fudhatan kan yeroo dheeraaf eegamaa ture gaggeessaa jirtutti ta’e.
Kanaaf, ergamni kun bu’aa maalii buusuu danda’a?
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafosaa ji’a darbe yeroo waa'ee ergama kanaa ibsaniitti, yoomii fi karoora ilaalchisee omaa hin jenne ture.
“Malli dhiibbaa uumuu giddugalummaa kanaa maali?” jechuun dippiloomaatii kan ture fi xiinxalaan miidhaa Afrikaa Kibbaa Kingislii Makhubeelaa gaafateera. “Ifa miti. Kun sirna suuraa ka’u hoggantoota Afrikaati?”
Ergamni kunis biyyoota Afrikaan irra caalaaf waldhabdee Raashiyaafi biyyoota lixaa jidduu irratti of fageessuun turaniif kan hin baramne ture.
Yaaliin kunis ergama dippilomaasii ardiin alaa hin baramneedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Garee Kiraayisis Giruupp Intarnaashinaal (ICG)tti Daareektarri Afrikaa, Muritii Mutiigaa, Afriikaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee idil-addunyaa irratti sagalee guddaa qabachuuf fedhiinshee dabalaa waan jiruuf kun “guddina simatamaadha,” jedha.
Namni kana qopheesse, Jeen-Yaaves Ooliver, waa’e galma duula kanaa dubbateera.
Hoogganaa dhaabbata UK keessa jiru Brazzaville Foundation, kan kayyoon isaa Afrikaa keessatti duula nagaa fi guddinaa gaggeessu ta’edha. Ta’us hariiroo inni bulchaa abbaa irree Koongoo Biraazaviil waliin qabuun nama shakkisiisaa isa taasiseera.
Ooliver erga guyyaan duula kana ifa taasisamee booda waa’ee dulaa kana ba’ee dubbachuu dhiiseera. Kana dura gaaffii fi deebii gaggeesse irratti garuu karoora isaa ibsee ture.
Kaayyoon duula kanaa waldhabdee furuurra haasaan akka eegalamu taasisudha. Dhimmoota kallattiin haala humna waraanaa hin miine irratti haasaa eegaluun, sanarraa guddisaa deemuudha.
Mata dureen marii tokko hidhamtoota waraanaa Yuukireen fi Raashiyaa wal jijjiirudha.
Inni biraan dhimmoota Afrikaa irratti miidhaa uuman kan akka midhaanii fi xaa’oo irratti furmaata barbaadudha.
Waraanni kun midhaan (qamadii) Yukireenirraa fi xaa’oo Raashiyaa irraa gurguramu irratti miidhaa uumuun, addunyaa guutuutti hanqina nyaataa hammeesseeera. Afrikaan ammo, wantoota lamaan kana irratti waan hundooftuuf kaan caalaa miidhamteetti.
Oliivar akka jedhutti, hoggantoonni Afrikaa yaadni isaanii Raashiiyaan waligaltee Yukireen qamadii Galaana Gurraacha irraan baasuu akka dandeessu eyyamu akka mallatteessituuf amansiisuudha.
Akkasumas Yukireen xaa’oo Raashiyaa buufataalee dooniitti danqamanii jiran irra dhorkii jiru akka salphistuuf gaafatu.
Ta’us, hoggantoonni kun “qaamoolee lamaaniif waligaltee caalaatti bu’aa qabu,” dhiyeessuu akka barbaadan wanti mul’isu jira jedhu Aab Mutiigaan.

Madda suuraa, SOUTH AFRICAN PRESIDENCY
Dhiibbaa US Afrikaa Kibbaa irratti qabdu
Jilli kun haala bal’aa fi madaalawaa ta’een hundaa’ee, miseensota kutaalee Afrikaa adda addaa iraa ta’anii fi waraana kana irratti ilaalcha adda addaa qaban of keessatti hammata.
Miseensoti jila kana pirezdaantota afur, ministeera muummee Masirii fi bakka buutota Yugaandaa fi Koongoo- Biraazaaviilidha.
Afrikaa Kibbaa fi Yugaandaa waan Raashiyaa deeggaran fakkaata; Zaambiyaa fi Komoros ammoo biyyootii lixaatti harkifatu. Masirii, Senegaal fi Kongo-Biraazaviil ammoo harka caalaatti homaa waraanicha irratti yaada hin qaban.
Ta’us dhiyeenya Afrikaa Kibbaa keessatti wanti uumameeru haala jiru irratti dhiibba kan uumeeru fakkaata.
Mootummaan Ramafoosaa waraana Raaashiyaa deeggara jedhamuun US irraa dhiibbaan irra ga’aa jira.
Shakkiin kun kan dhufe gabaasa Afrikaa Kibbaan meeshaa waraanaa Moskootti ergiteetti jedhu booda, biyyattiin garuu kana haalteetti.
Bulchiinsi Baayiden bu’aa qorannoo Piritooriyaa eegaa jira ta’us gartuuleen seera tumtoota US garuu Waayit Haawus qoqqobii daldalaan Afrikaa Kibbaa akka adabu barbaadu.
“Duulli kun feedhii Afrikaa Kibbaan of ibsuuf qabdu waliin kan deemu natti fakkaata,” jedha dhaabbata Chattam House’tti hoogganaan Afrikaa, Aleeksi Vaayins.
Ameerikaan akka yeroo Raashiyaan Yukireeniin weerarte, biyyootiin Afrikaa gama tokko goruuf akka filatan goochuuf yaalaa hin jirtu jedhu.
Biyyootiin Afrikaa hedduu gama kamittu deeggarsa kennuu hin fedhani, kana ammoo US simatteetti.
Amma Ameerikaan “deeggarsa kennuu isa dhugaa ta’e beeksisaa jirti,“ jedha Aleeks, “kanaafidha Afrikaa Kibbaanis dhugumaan deeggarsa akka hin qabne agarsiisuuf dhiibbaan kan irra jiru.”
Puutin fi Zeleniskii waliin bilbilaan haasa’uun, Hoogganaa UN Antoniyoo Guteeres waliin haasa'uun, duula kana karaa qabsiisuu irratti Pirezidaant Ramafoosaan dursaa turaniiru

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaanis ta’e Yuukireen marii nagaa gaggeessuuf fedhii agarsiisuu baatanis, daawwannaa kana garuu lamaanuu simataniiru.
Biyyootii lixaa faalleessuun Raashiyaan Afrikaa keessatti dhiibbaa uumaa jirti, kanas ammoo marii Raashiyaa -Afrikaa ji’a dhufu St Petersburg keessatti gaggeeffamu irratti agarsiisuu feeti.
Yuukireenis dippiloomaasii Afrikaa bira ga’uuf yaalii jalqabdeetti. Dhiyeenya ministeera biyya alaa ishee biyyootii Afrikaatti erguun haala ishee ibsaa turteetti.
Yukireen “jilli Afrikaa kun akka marii ji’a dhufuu irratti hin argamneef amansiisuuf yaaluun ishee hin oolu,” jedhu Dr Makhubeela.
“Raashiyaan akka qofaatti adda dhiibamte hin jirre agarsiisuu barbaaddi. Garuu fedhiin isaanii… lamaaniifuu addadha. Kanaafidha daawwannaan kun hoggantoonni Afrikaa marii St Petersburg irratti hirmaachuu ykn dhiisuuf murteessuun ciimaa kan itti ta’u,” jedha.












