Salmaan Rashdii: Barreessaan kitaaaba 'Satanic Verses' waltajjiirratti waraanamee ture ijasaa tokko dhabe

Maxxanfame

Kitaaba Quraana qeequu fi falmisiisaa ta’e ‘Satanic Verse’ jedhamu kan barreesse Salmaan Rashdii ji’a Hagayyaa keessa Niiw Yoorkitti waltajjii irratti waraanamuu hordofee amma ijji fi harkisaa isaa tokko miidhamu himame.

“Laphee isaa irra bakkeewwan 15 madaa’era,” jechuun bakka bu’aan Niiw Yoork jiru Andiriwu Waayil gaazexaa Ispeen El País tti hime.

Kitaaba Quraana qeequ fi falmisiisaa ta’e ‘Satanic Verse’ jedhamu kan barreesse Salmaan Rashdii ji’a Hagayyaa keessa Niyoorkitti waltajjii irratti waraanamee ture amma ijji isaa tokko hin argu jedhame.

“Laphee isaa irra bakkeewwan 15 madaa’era,” jechuun bakka bu’aan Niwu Yoork jiru Andiriwu Waayil gaazexaa Ispeen El País tti hime.

Bakka bu’aan kun Saalman eessatti akka argamu ibsuu akka hin barbaanne ibse.

Salmaan Rashdii yeroo garaa garaatti ajjeesudhaaf itti dhaadatamaa ture. Sababni ammoo bara 1988 kitaaba “Satanic Verse” jedhamu kan Quraana qeequ barreessuu isaati.

Hawaasni Musliimaa tokko tokko kitaabicha akka arrabsoo amantitti fudhatu. Salmaan Rashdii ji’a Hagayyaa 12, 2022 Niwu Yoorkitti osoo inni waltajjii irra jiruu haleeludhaan namni himatame dhalataa US kan ta’e Hadi Mataar jedhama.

Hadiin himata irratti banameen yaalii ajjeechaa akka hin raawwanne waakkatee ture.

“Ija isaa tokko dhabee jira, morma isaa irra ammoo madaa cimaa sadi qaba ture. Narviin harka isaa tokko waan citeef harki isaa tokkos hojiin ala ta’eera,” jedhe Andiriwu Waayil.

Kitaaba isaa “Satanic Verse” jedhu erga maxxanseen booda Salmaan Rashdii waggoota 10f dhokata ture. Akkaatan Nabibiyyuu Mohaammad Kitaabicha keessatti ibsame Musliimota heddu dheekkamsiise.

Gaaggeessan Hafuuraa Iraan Ayatola Homiinin nama Salmaan Rashdii ajjeesef dolaara miliyeena 3 biyyi isaanii akka kennitu 'fatwaa' yookin labsii baasee ture.

Mootummaan Iraan labsii Ayatolaan baase kana irraa of fageessus labsichi ammyyuu hin kaane.

Waa'ee sodaa ajjeechaa kana yeroo dheeraf Rashdii wajjin mariyataa turuu kan hime bakka bu'aan isaa Andiriwu.

"Erga 'fatwaan' labsamee yaaddoo guddaan waggoota dheeradhaaf isa mudate nama bakka hin beekamnee dhufee isa haleeluddha," jedha Andiriwu.