Lammiin US yakka ajjeechaan waggaa 40'f barbaadamaa ture to’atame

Maanguddoo waggaa 40 to'atame

Madda suuraa, HILLSBOROUGH COUNTY SHERIFF’S OFFICE

Maxxanfame

Namtichi biyya Ameerikaa Filooridaa keessatti yakka ajjeechaatiin shakkamee waggoota 40’f poolisiin barbaddamaa ture tibbana to’annoo jala oolfame.

Namni kunis yeroo sadiif yakkawwan hamaa jedhamaniin Ameerikaa keessatti tarree namoota ‘‘akkaan barbaadaman’’ keessatti dabalamuun waggoota 40 kan ta’uuf barbaadamaa ture.

Maanguddoon waggaa 65 Doonaald Saantiinii, bara 1984 keessa dubartii umuriin ishee waggaa 33 taate tokko ajjeessera jedhamuun barbaadamaa ture.

Waggoota 40 kanneeniif wayita poolisii jalaa dhokachuun ture kanattis eenyummaa isaa yeroo 13 jijjirachuun poolisii jalaa miliquuf yaalii taasisuu isaa aanga’oonni dubbataniiru.

Doonaald wayita to’atameetti Bulchiinsa Kaaliiforniiyaa keessatti abbaa taayitaa bishaanii keessatti walitti qabaa boordii ta’uun tajaajilaa ture jedhameera.

Shakkamaan kunis erga Kaaliiforniiyaa keessatti to’atameen booda bulchiinsa Filooriidaa kan yakka ajjeechaatiin keessaatti barbaadamuutti dabarfamuun kennameera.

Namni kunis ajjeechaa dubartii adeemsa abbaa warraa ishee waliin wal hiikuu irra turte, Siintiiyaa Wuud jedhamtuun wal qabatee ture kan barbaadamaa ture.

Dubartiin sunis yeroo dhumaatiif kan mul’atte Waxabajjii 6, 1984 guyyaa ajjeechaan sun raawwatameetti shakkamaa kana waliin ture.

‘‘Donaaldi Saantiinii to’achuun yakka ajjeechaa waggoota 40f osoo furmaata hin argatin tureef dhuma akka argatu taasisuun, dubartii ajjeeffamteefi maatii gadda keessa jiraataniif ammoo haqa argamsiisa,’’ jedhan qondaalli poolisii naannoo Filooriidaa Hiilsibooroo kan ta’an Chaad Kironiistar.

Shakkamaan kunis erga yakkicha raawwateen booda barbaadamaa ture, garuu battalumatti mana jireenyaa isaa gadi lakkisuun gara bulchiinsa biraatti imaluun waggoota 40’f dhokachuu danda’eera jedhan qondaaltoonni.

Doonaald Saantiinii bara 1990, 2005 fi 2013tti namoota Ameerikaa keessatti cimsanii yakkaan barbaadama jedhamuun yeroo garaa garaatti TV irratti dhiyeeffamee ture.

Namicha kana to’achuudhafis dhaabbanni tikaa Amaarikaa guddicha dabalatee qaamoolee hedduun argachuudhaaf yaalii taasisaa turan.

Cynthia Woods

Madda suuraa, HILLSBOROUGH COUNTY SHERIFF’S OFFICE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorattoonni barbaacha sanarratti hirmaatanis gara Teeksaas, Kaaliiforniiyaa fi Ameerikaadhaan alatti ammoo hanga Taayilaanditti imalan illeen osoo hin milkaa’iin hafuu dubbatu.

Dhumarrattis dhaabbata namoota barbaadaman adamsu tokko irraa eeruu kennameen ture shakkamaan kun to’annoo jala kan oolfame.

Shakkammaan kunis torban kana keessa dabarfamee bulchiinsa Filooriidaatti osoo hin kennamiin dura, erga to’atameen booda yeroo jalqabaatiif yakka wagga 40 dura raawwateera jedhamuun ittiin shakkamen yakkii ajjeechaa sadarkaa tokkooffaa irratti banameera.

Shakkamaan kunis wayita to’annoo jala oolfamuutti magaalaa xiqqoo Saandiiyaagoo keessatti kan argamtu fi Kaampii jedhamuun kan beekamtu keessatti maqaa Weelmaan Siimandis jedhamuun dhokatee jiraachaa ture.

Aanga’oonni naannichaa akka jedhaniitti, namtichi kuni waajjira bishaan naannichaa keessatti walitti qabaa boordii ta’udhaan walgahiiwwan irratti hirmaataa ture.

Waggoota itti barbaadamaa tureettis kilabii Rootaarii keessa tola oltummaan tajaajiluu, mana nyaataa aadaa Taayilaandi saaqufi manneen jireenyaa bulchaa turuusaa ibseera.

Namni kunis ajjeechaan sanaan dura wayita Jarmanii keessa tureetti dubatii tokko gudeeduudhaan hidhaan kan adabame yoo ta’u, bara 1983 keessa ammo Bulchiinsa Teeksaas keessatti hanna suuqii tokkorratti raawwatameen himatame ture.