Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tigiraayitti sababa beelaan namoonni 25 du'uu himame
Naannoo Tigiraay aanaa Saamiree jedhamtu goxii ama keessatti sababa beelaan namootni 25 du’uu jiraattotnii fi qondaalonni naannichaa BBC’n dubbise himan.
Namoota du’an keessatti ijoolleen, dubartoonnii fi jaarroliin akka jiran qondaalonni mootummaa naannichaa himaniiru.
Manguddoon ganna 51 jiraataa naannoo Amdi Wayyaanee tahan, Obbo Taddasaa Gabruu namoota maatii isaanii keessaa sababa beelaan namni jalaa du’e keessaati.
Obbo Taaddasaan haati ijoollee isaanii afurii Bitootessa 24/2015 ALI tti akka jalaa du’an BBCtti himaniiru.
Sababa du’a isaaniis yoo gaafataman beela tahuu himan.
Jiraattuu gara biraa naannichaa Letesillaasee Hagoos abbaan warraa isaanii Onkoloolessa 24/2015 ALI tti sababa beelaan du’aan akka dhaban himan.
‘’Xi’uum Walde Gabri’el jedhamu. Yeroo diinni naannoo keenya to’atetti waan nyaatamu tokkollee waan hin qabneef mana keenya gadhiisnee deemnee ture. Diinni baheera kan jedhuu yoo dhageenyu gara mana keenyaatti deebine. Sana boodas marfamnee waan turreef waan nyaatamus ta'ee waan dhugamu homtuu hin turre,’’ jedhan.
Letesillaaseen abbaan warraa isaanii sabab beelaa fi qorraan akka du’an himan.
Jiraattotni naannichaa waliigalteen nageenyaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti osoo hin mallattaa’iin dura nama tokkotti darbee darbee daakuu qamadii kiiloo giraama 15 argataa akka turan himanii ergasii garuu
“Nageenyi buunaan nuuf kennama jennee ture. Nagaan bu’ee garuu gargaarsi arganne hin jiru. Tasumaa waan nuuf dhufe hin jiru,‘‘ jedhan Obbo Taaddasaan.
Abbaan warraa isaanii yeroo du’an ijoollee isaanii shan waliin kan hafan aadde Letesillaaseen ijoollee deemaa kadhadhaa yoo jennus waan kadhatan hin jiru, hunduu wal fakkaataa taheera‘‘ jedhan.
‘’Uummanni dhumuufi’’ jedhaniis yaaddoo isanii himaniiru.
Mucaan isaanii jalqabaa beelaan jalaa du’uu kan himan aadde Fitseguu Abarraa ammoo, manni amantaa Kiristaanaa fi bulchiinsi naaannichaa uummata irraa walitti qabuun deeggarsa gochaa akka jiran himu.
Isaan ijoollee isaanii sadii waliin ‚"buddena tokko ganama, buddeena tokko galagala" nyaachuun guyyaa akkasumaan akka oolan himan.
Bulchaan goxi Amdii Wayyaanee Obbo Ashabbir Takkaa, jiraattotni naannoo isaanii yeroo dheeraaf rakkinaan dararamaa akka turan himan.
Aadde Letesillaaseen midhaan facaasanillee sababa hanqina xaa’oon akka badee fi kann hafe ammoo cabbiin akka bade himan.
Waggaa 3 keessatti si’a 8 qofa gargaarsi akka isaan qaqqabe ibsuun gargaarsi itti fufiinsan qaqqabuu dhabuun rakkoon uummataa hiikamuun akka hin dandeenye ibsan.
Uummaticha keessaa “namni jaha du’uudhaf” akka saaxilames himan.
Itti gaafatamaan aanichaa Obbo Birhaanuu Mahaarii gama isaanin ji’a Fulbaanatii jalqabee hanga ammaatti namoonni 25 du’uu BBCtti himan.
Komishinii sodaa balaafi qophii duraa BBCn qunnamuuf yaalii garaa garaa godhus milkaa’uu hin dandeenye.
Dhaabbanni gargarsaa USAID deeggarsi uummataaf naannichatti ergame hatamee gabaatti gurguramaa jiraachuu bira gahuun yerodhaaf naannichatti deeggarsa gochuu dhaabuu beeksisuun isa ani yaadatama.