Biiroon Fayyaa Oromiyaa hakiimota 1,000 ol qacaruuf beeksisa baasee maalif iyyattoota dhabe?

Maxxanfame

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Waxabajjii 2023 keessa qacarrii hakiimota 1,100 raawwachuuf beeksisa baasus gita hojii kanaaf ogeessota iyyatan akka hin arganne biiriichatti Ittigaafatamaa Ittaanaa kan tahan Dr Gushaa Balakoo BBC'tti himaniiru.

Waliigalatti hakiimotaafi ogeessota gara biraa1,800 tahan qacaruuf akka beeksisni bahee ture himaniiru.

Akka Dr Gushaan jedhanitti, hakiimota qacaruuf beeksisa baasan 1,100 argachuutti milkaa'uu baatnanillee, ''Ogeessota fayyaa kan akka faarmaasistii, ogeessota wallaansaa nama haddoochuu hojjatan (anisteetistoota), ogeessota laaboraatorii, narsootaafi kaan qacaruu,'' himan.

Tahus hakiimota yunivarsiitii hundi yeroo wal-fakkaatatti waan hin eebbisneef, boodarra warreen eebbisaanii ragga'eef, ''hakiimota kanneen ulaagaa guutan qacaramanii kallattumaan dhaabbata fayyaatti tajaajila akka kennu jalqaban goonee jirra, lakkoofsa isaanii hangas jennee himuu baannus,'' jedhan.

Ittigaafatamaan kun hakiimota ''baayyee'' qacaruun xiyyeeffannoo waajira isaanii akka tures kaasaniiru.

''Tahus beeksisa baherratti hakiimota ulaagaa guutan harka 60 ykn 70 takkaatti argannee qacarra jechuu mitii,'' jedhaniiru.

Hakiimonni kanaan dura barnoota dabalataa (specialization) argachuuf yeroo murtaa'aaf tajaajila kennuun dirqama kan ture yoo tahu, qajeelfama waggoota muraasa asitti geeddarameen hakiimonni kallattiidhumaan yeroo eebbifaman barnoota itti fufuu danda'uu jedhan.

''Kunimmoo hospitaalota Naannoo Oromiyaa keessatti hanqina hakiimota waliigalaa uumaa jiras,'' jedhan.

Hospitaalonni sadarkaa jalqabaa hakiimota waliigalaa 17, kanneen sadrakaa lammataa immoo hamma 35 waan barbaadaniif, ''yeroo hakiimonni barnootaaf gadhiisan hanqinni ni uumama jedhan.

Haa tahu malee, baatii Waxabajjii keessa ''hakiimota iyyatan argachuu waan hin dandeenyeef beeksisa ji'a lamaaf ture kaasnee baajatasaa hojjettota ekisteenshinii fayyaa dabalatee ogeessota fayyaa biroo hamma aanaatti uummata taajijialan qacarree,'' jedhan.

Dr Gushaan, ''Afaan Oromoo danda'uu fi qormaata madaallii ogummaa (COC) darbuun ulaagaalee qacarriif baasan keessaa akka tahe,'' himan.

Waggoota sadan darbanitti hakiimota baayyee qacaruufi bara kanas qacaruuf karoora qabaachuu himan.

Dhiimma hakiimonni yeroo garaagaraatti qabxii olaanaatiin osoo hin hafiin eebbifaman hojii osoo hin argatiin taa'an komii osoo dhageessisanii akkamiin ogeessa qacartan dhabdan gaaffii jedhuuf, aanga'aan kun deebii kennaniiru.

''Hakiimoonni qacaramaa hin jiran kan jedhu seeneeffama isa waggaa sadii dura jiru malee nuti yeroo garagaraatti jijjiirama taasifneen ogeessota ulaagaa guutan baay'inaan qacaraa jirra,'' jedhan.

Waxabajjii darbe yeroo beeksisni bahu gabaarra ogeessonni dhabamuun kanneen qacaraman dhabuu himuun kana boodas beeksisa baasuun akkatti fufu himaniiru.

''Yeroo akkasii hamma hakiimonni dhaabbilee garaagaraa irraa eebifamanitti tajaajilli fayyaa kenninu ni hubamaa, kanaanis hakiimonni ispeeshaalaayiz godhan hospitaalota keessatti lakkoofsi isaanii waan dabaleef isaan yeroo hojii dachaa qabachuun tajaajiluun qaawwa jiru guutuu,'' jedhan.

Dhimmi nageenyaa Oromiyaa keessa jiru tajaajila fayyaa irratti dhiibbaa qabaatus, qacarrii yeroo darbe irratti hakiimota iyyatan garuu dhimma kanaan kallattiin waan wal qabata jedhanii akka hin yaadne dubbatu.

Hakimonnis yeroo qacaraman ramaddiin isaanii godinaalee garagaraa keessatti kan raawwatu carraadhaani jedhaniiru.

Haala kanaanis hakiimni ulaagaalee guutee qacarrii raawwate, ''godinaalee Oromiyaa mara keessa iddoo carraan isaaf bahe deema,'' jedhan.