Gabaa jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan eenyuti guddaa baase?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Gabaan jijjiirraa taphattoota kilaboota Piriimer Liigii Ingilaand kan ganna kanaa cufameera. Kilaboonni Piriimer Liigii walumaagalatti gabaa miilanaa kanaan Paawondii Biliyoona 1.96 baasaniiru.

Akka ragaa jijjiirraa Kubbaa Miilaarraa argametti taanaan, baasiin Piriimer Liigii Ingilaand kun gitasaa kan ta'e Xaaliyaan Seerie A dachaa olidha.

Kilaboonni Ingilaand gurguddoo torba rikardii jijjiirraa isaanii cabsaniiru.

Ofii garuu eenyuti gabaan toleef buufate? Kilaba kamti ammoo sharfee hin baasiin hafe? Gabaan jijjiirraa guyyaa dhumaa akkamiin cufame?

Waliigalteen hawwataa ta'e lama guyyaa, dhumaa sa'aatii dhumaarratti beeksifameera.

Erga taphataan sarara cinaa Chelsii Raahim Isterliing waggaa tokkoof ergisaan gara Arsenaal deemuun mirkanaa'e, Ze Biluus taphataa Maanchester Yunaayitid Yaadon Saanchoo akka mallatteesifate mirkaneesse.

Kun sa'aatii gabaan jijjiirraa itti cufachuuf ture sa'aatiin lamaan akka dheereffamu taasiseera.

Jifataan garee biyyaalessaa Ingilaand Ivaan Tooniin sa'aatii dhumaarratti Bireentifoor gadhiisee Paawondii miliyoona 40n Sa'udii Piroo Liigii deemee Al-Ahliitti makamuun mirkanaa'eera.

Maanchester Yunaayitid ammoo osoo Saanchoo akka Chelsiif dabarsu hin mirkaneessiin dursee PSG irraa taphataa sarara gidduu lammii Uraagaay Maanu'eel Ugaartee gatii ka'umsaa Paawondii milyoona 42.1 kan booda irratti ilaalamee gara Paawondii milyoona 50.5tti guddatuun mallatteessifateera.

Kun ammoo Maanchester guyyaa dhumaarratti tokko gaggeessaa, tokko fudhachuun bakka buufateera. Taphataa Iskootilaand sarara gidduu Maaktoominii ammoo Paawondii miliyoona 25.7n kilaba Serie A Xaaliyaan, Naappoliif dabarseera Maan Yunaayitid.

Taphataan sara fuula duraa Arsenaal Edii Nikeetaa ammoo Paawondii miliyoona 30n gara Kiristaal paalaas deemeera.

Haata'u malee, Chelsiin jifataan Naappooliirraa fudhachuu barbaadan Viktar Osimheen osoo hin fudhatiin hafafe.

Guyyaa gabaan jijjiirraa cufatu gara ganamaa Arsenaal karra eegaa isaa Aaroon Raamsadeeliin Saawozihampitaniif Paawondiimiliyoona 25n dabarseera.

Warri waancaaf wal dorgoman hangam baasan?

Shaampiyoonaa bara darbee kan ta'e Maanchester Siitiin jijjiirraa taphattootaatti kilaba Piriimer Liigii kamiyyu caalaa miilan maallaqa xiqqoo kan baase yoo ta'u, taphatatee gurgureen ammoo bu'aa Paawondii miliyoona 115.8 argateera.

Taphataa sara cinaa lammii Biraazil ta'e Saviinhoo bitachuuf Paawondii miliyoona 21.4 baaseera. Haata'u malee, taphattoota akka Juliyaan Alvaares, sarara ittisaarraa ammoo Jaa'oo Kaanseloofi Taayilar Haarwuud-Beliis gurguruun buufateera.

Kilaboonni bara darbe sadarkaa jalqabaa sadan baasiin isaan baasan hagas mara ol ka'aa miti.

Arsenaal taphataa sarara ittisaa lammii Xaaliyaan Rikkaardoo Kaaliyaafoorii Paawondii miliyoona 38.4n, taphattoota lammii Ispeen ta'an Daaviid Raayaa fi Mikeel Merinootti Paawondii milyoona 27.4 kan baase dabalatee walumaagalatti Paawondii miliyoona 93.9 baaseera.

Haata'u maleemmoo, taphattoota Paawondii miliyoona 76.8 isaa argamsiise dabarsee gurgureera.

Maanchester Siitiin Piriimer Liigii si'a afur walitti aansee mo'ateera. Siitiin yeroo ammaa kana himannaan gosa 115 irratti banameera. Kilabichi garuu himannaawwan irratti dhiyaatan kana haaleera. Himannaan kunneen ammoo seera faayinaansii Liigichaa cabseera kan jedhanidha.

Liiverpuul ammoo taphataa sarara gidduu Federiikoo Kiyyeessaa fi karra eegaa Jiyoorj Mamardaashvilii bitateera.

Garuu ammoo taphattoota warra akka Faabiyoo Karabalhoo, Seep Vaan den Berg fi Boobii Kilaark kan walumaagalatti bu'aa Paawondii miliyoona 14.4 argamsiisaniif dabarsee gurgureera.

Chelsiin gabaa jijjiirraa ganna kanaatiin ko'oommateera.

Erga Caamsaa 2022 Tood Boohelii abbaa qabeenyaa Chelsii ta'ee gatiin isaa Paawondii Biliyoona 1.3 ol ta'eera.

Taphattoota bitan (10) caalaa kan gurguranitu (12) caala. Baasiidhaan garuu Paawondii miliyoona 203 baasaniiru. Kanaan ammoo baasii kilaboota Piriimer Liigii 12 ol baasaniiru.

Taphattoota gurguraman keessatti Paawondii miliyoona 35.6n Konoor Galaager Atileetikoo Maadiriitti, Iyaan Maatesen Paawondii miliyoona 38n Aston Viilaatti, akkasumas Roomewoo Lukaakuu Paawondii miliyoona 28.2m Naappooliitti kan gurguran keessatti argamu.

Biraaytan gabaa miillanaa kanaan baasii rikkardii ta'e baaseera. Kilabiin kun walumaagalatti ganna kana Paawondii miliyoona 153.6 baasuun Piriimer Liigii keessatti baasiin dursa qabateera.

Liidsirraa kilabichaaf baasii rikkardii ta'e Paawondii miliyoona 39.9n Jorjiiniyoo Raater, Niiwukasilirraa ammoo Paawondii miliyoona 29.9 Yaankub Mintee, akkasumas Ferdii Kaadihogluu fi Biraayaan Girudaa, Maats Waayifer fi Ibiraahm Osmaan tokko tokkoo isaaniif Paawondii miliyoona 25 baaseera.

Gabaa jijjiirraa cufachuuf guyyaa dhumaarratti Biilii Gimooriin ammoo Paawondii milyoona 12n gurgureera. Akkuma kana ammoo gara jalqabaa Deniis Undaav Paawondii miliyoona 22n gurgureera.

Barana gara Piriimer Liigiitti kan guddate Ipsiwiicha baasii gabaa ganna kanaan Paawondii miliyoona 107 baasuun lamaffaa qabateera.

Barnimaz jifataa Evaanlisaniin akka ka'umsaatti Paawondii miliyoona 31.7 baasuun fudhateera. Bireentifoord ammoo Igoor Tiyaagoo Paawondii miliyoona 30n, akkasumas Fuulhaam Emilii Iswiiz Roowu Arsenaal irraa akka ka'umsaatti Paawondii miliyoona 25n fudhateera.

Rikkardii jijjiirraa taphattootaarratti baasu kan cabse Biraayitan qofaa miti. Aston Viilaa, Ipsiwiich, Notiingihaam Forest fi Tootenhaamis rikkardii baasii kanaan dura qaban cabsaniiru.