Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tilmaama Piriimer Liigii torban sadaffaa Arsenaal v Biraayitan fi Maan Yunaayitid v Liiverpuul walitti fidu
Dilbata dhufu manaajeroota garee kubbaa miilaa Ingiliziti Oold Tirafoorditti waliif ba’a. Leenjisaan haaraa Liiverpuul Arnee Siloot morkataa isaa Erik Teen Haag waliin maal gochuuf jiru laata?
“Tapha kanaaf namoonni hundu wal qixa bahu jedhee waan fudhate natti fakkaata, jedha ogeessi kubbaa miilaa BBC Sport Kiriis Saatan.
“Haata’u malee, ani garuu taphni akka kanaa guddaan wal qixaan xumurama jedhe hin yaadu, tapha guddaa akkasii kana ani gidduurra hin taa’u.”
Kiriis Saatan taphoota Piriimer Liigii 380 bara kana taphataman tilmaameera.
Tilmaamni tapha torban sadaffaa kun maal fakkaata? Tilmaama Kiriis Saatan kennu itti waliigaltuu?
Kan isaa dubbisaatii isinis tilmaama keessan kaawwadhu.
Sambata, Hagayya 31
Arsenaal v Biraayiten
Arsenaal torban darbe dirree Aston Viilaa mo'atee galuun isaa ijoo dubbiidha sababiin isaa ammoo bara darbe Aston Viilaan dhaqaa gala mo'atee ture.
Milana ammoo garee lamaan rikkardii %100 qabanidha. Biraayiten leenjisaa dargaggeessa ta'e Faabiyaan Haziler jalatti danda'amaa hin jiru.
Ta'ees garuu miillana Arsenaalitu isaan eeggata; isayyu dirree Arsenaal Emiretis irrattidha. Ani Arsenaal ni mo'ata jedheen tilmaama.
Taphni kun waaree booda sa'aatii 8:30 irratti gaggeeffama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 2-0
Bireentiford v Saawozihamptan
Warri Saawozihampitan carraa baayyee uumaa hin jiran. Warri Bireentifoord ammoo tapha tokko mo'anii, tokko mo'amaniiru. Dhimmi Toonii hanga danda'ame dafee fala argachuu qaba.
Bireentifoord dirreesaaniirratti yeroo taphatan ni cimu. Taphni kun waaree booda sa'aatii 11:00 irratti taphatama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 2-0
Everten v barnimaz
Everten yeroo darbe dirree ofiisaaniirratti Biraayitaniin mo'aman. Barnimaz ammoo bara darbe keessa baayyee foyyeeffateera.
Amma Eveten bara kana Piriimer Liigii keessa ni tura jedheen yaada.
Taphni kun qe'ee Everten irratti sa#'aatii 11:00 irratti gaggeeffama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-1
Ipsiwiich v Fulhaam
Ipsiwiich taphoota lamaan darban kilaboota ciccimoo isaan mudatee--Liiverpuul fi Maanchester Siitii waliin taphatanii mo'amaniiru. Taphni kun garuu kan qabxii irraa argachuuf carraaqan ta'a.
Fuulhaam Maarkoo Silvaa jalatti sirriitti madaalliisaa eeggatee deemaa jira jedheen yaada. Ta'us garuu warri Ipsiwiich qabxii argachuuf taphatu. Kanaaf taphni kun walqixaan xumurama.
Taphni kunis dirree Ipsiwiich irratti sa'aatii 11:00 irratti taphatama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-1
Leester v Aston Viilaa
Ani Leester Aston Viilaatiin ni adabamu jedheen yaada. Tapha Tootenhaam waliin taphatanirratti qabxii tokko argachuuttiyyu carra qabeeyyii turan. Fuulhaam waliinis carraaqanii turan garuu mo'amaniiru. Ani Leester mo'achuudhaaf yeroo dheeraa itti fudhata jedheen yaada.
Torban darbe Arsenaaliin kan adabame Aston Viilaan ammoo toorati deebiyuuf ta'a. Olee Waatkins goolii lakkoofsisuutti ni deebiya. Morgaan Roojars ammoo taphataa isaanii qabaan hin dandeenye ta'aa jira.
Tapni kunis dirree Leester irratti sa'aatii 11:00 irratti taphatama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-3
Notingihaam Forest v Woolviz
Taphni kun Darbii Nuunooti. Wolvis yeroo darbe Chelsiitu irra deeme. Ani waa'een Woolviz xiqqoo na yaaddessa. Notinhaam garuu Saawozihampiten waliin gaarii turan. Mo'achuun isaaniis sirriidhuma ture.
Taphni kun walitti dhiyaata jedheen yaada ani.
Kunis sa'aatii 11:00 irratti dirree Nothingihaam Forestitti gaggeefama.
Tilmaama Kiriss Saatan: 0-0
Weest Haam v Maan Siitii
Amma Maanchester Siitii kan dhaabuu danda'u argaa hin jiru ani. Isaan kilabootarra ba'aniiru, tapha hundaarras ol aantummaa fudhataniiru.
Ani tapha kana Siitiin ni mo'ata jedheen yaada.
Warri Weest Haam goolii ni lakkoofsisu jedheen yaaada garuu Maan Siitiin caalaa lakkoofsisu jedheen yaada.
Taphni kun dirree Weest Haam irratti galgala sa'aatii 1:30 irratti gaggeeffama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 1-3
Dilbata, Fulbaana 1
Cheslii V Kiristaal Palaas
Palaas erga bara darbe Oliiver Gilaasner dhufee waan hedduun jijjirameera. Kubbaa bareedaa birand ta'es taphatu.
Chesliin ammayyu rakkoo keessaa hin ba'iin jira, keessumaa gabaa taphattootaa keessatti hirmaatee eenyuun hiriirsee isa kaman dhiisa jechaa jira.
Haata'u malee, Noonii Maadu'ekee fi Kool Paalmer torban darbe akka ajaa'ibaatti taphni isanii wal simateera.
Palaas salphaa hin ta'u garuu Chelsii irra aanuun isaa waan hin oolledha.
Taphni kun dirree Cheslsiirratti waaree booda sa'aatii 9:30 irratti taphatama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 2-1
Niiwukasil v Tootenhaam
Gareen Edii Howee taphni salphaa ta'aafii hin jiru. Edii Hawee taphataa garaa isa gahu ammallee hin argatiin jira.
Ispars ammoo tapha yeroo darbe Everten waliin ta[hatanirratti baayyee gaarii turan. Tapha kana keessatti gooliin ni jiraatu. Ani gareen Anjee Postekaagiluu ni mo'atu jedheen tilmaama.
Taphni kun dirree Niwukasil irratti 9:30tti aphatama.
Tilmaama Kiriis Saatan: 2:3
Maan Yunaayitid v Liiverpuul
Maanchester Yunaayitid bara darbe tapha lama Liiverpuul waliin taphaterratti caalee ture. Maanchester Yunaayitid bara darbe FA Cup mo'ateera.
Warri Liiverpuul Arnee Siloota jalatti ammallee irreesaanii isa jabaa sana hin deebifatiin jiru.
Waa'ee maanchester Yunaayitid waan fedhes tilmaamu dogoggora na jalaa ta'a. Ani maanchester Yunaayitid tilmaamuu waan hin dandeneyeef anaa haa darbun jedha.
Isin akkamiin tilmaamtu?