Morkii waancaa Yunaayitidiifi Siitii: Tokko garee jabaa kaan lafaa dhufoo itti hirmaachisu ta'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Sambata har'aa sa'aa 11 irraa eegalee injifataan Piriimiyeer Liigii bara darbe Maanchistar Siitiifi injifataan waancaa FA Maanichistar Yunaayitiid waancaa Kominitii Shiildiif morkatu.
Morkii waancaa FA guyyoota 77 dura gaggeefameen Yunaayitiid goolii 2-1n injifateera.
Kilaboota waancaa FA bara 2024rratti morkatantu deebi'ee walitti dhufe.
Gareen lameen morkii Kominitii Shiild irratti walitti yeroo dhufan erga bara 2011 kan har'aa kun kan jalqabaati.
Bara 2011 morkii godhan Yunaayitiditu goolii 3-2n injifate.
Gareen Eriik ten Haag waancaa har'a morkatniif kana yeroo 21 ijifachuun tokkoffaadha. Piriimiyeer Liigii bara 2024-25 Jimaata eeglamus Fulhaamiin keessummeessuun tokko jedhanii eegalu.
Siitiin ammoo yeroo walitti aanu afur Piriimiyeer Liigicha injifachuun bara dorgommii haaraa kan Istaanfoord Biriijitti imalee Chelsii keessummeessuun eegala.
Morkii waancaa kana dursanii leenjistootni kilaboota lameenii ibsa kennaniiru. Ten Haag ''waayee waancaati waan ta'eef garee waancaa mo'achuuf dorgomaa ta'e taphachiifna'' jedhe.
Leenjisaan Siitii Gaaridyoolaanis Weembileetti mo'uuf akka taphatan ibse.
Ammoo taphttootasaa carraa baayyee hin arganne akka taphachiisu akeeke.
Morkiin kilabootni lamaanii Weembileetti taasisan kana har'aa ji'oota 15 keessatti yeroo sadaffaafi. Waanccaa FA bara 2023 Siitiitu achumatti mo'ate.
Tapha har'aa kanarratti gareen lameen diqiiqaa 90 keessatti wal injifachuu yoo baatan yeroo dabalataa male kallattiin rukuttaa peenaalitiitti imalu.
Ten Haag waayee gahumsa garichaa bara darbeefi leenjisummaarra turuuf muddama ture ilaalchisee yoo dubbatu hunda dagatee hojii bara haaraatiif qophii ta'uu hime.
Ammoo akkuma bara darbee miidhamni tapahattootaa inni qabxii dhabuu gareesaatiif akka sababaatti kaasu yaaddessaa ta'ee itti fufeera.
Yunaatiid taphattootaa haaraa lama sarara fulduraafi ittisa isaa cimsuuf bitateera.
Siitiin jifataasaa Juuliyaan Alavareez Atileetikootti gurgureera ammoo bakkasaa buufachuuf Gaardiyoolaan gaaa bahuu qaba.
''Dhalli namaa garee keenya keessa jiru dandeettii addaa bakka buusuuf ulfaatu qaba'' kan jedhu Peep, gareensaa gahumsa gaariisan qabatee jiraachuusaatiin ofitti amanamummaan bara dorgommii haara akka jalqabu dubbate.












