Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tola oolaa lammii Naayijeeriyaa doqdoqqeedhaan Landanii hanga Leegoos imale
Tola oolaan lammii Naayijeeriyaa Kuunlee Adeyaanjuu imala rakkisaa Landanii hanga Leegoos doqdoqqeedhaan taasiseeen Afrikaa keessati dhukkuba pooliyoo balleessuuf duula geggeessaafi qarshii funaanaa ture.
Kiloomeetira 12,000 imaluun guyyaa 40 keessatti biyyoota 14 irra erga naanna'een booda gaafa Dilbataa Leegoos gaheera.
Imalaan tola oolaan kuni dubartootaa fi ijoollee daandii isaarratti argatu barsiisuun hawaasa tajaajilaa akka ture BBCtti himeera.
Adeyaanjuu imalasaa kanaan deeggarsi inni argate isa eegeen ol akka tahe hime. Namoonni baayyee karaa dhaabbata tola oolaa Rootaarii Kilab jedhamuun arjoomuu akka barbaadan itti himuu isaanii dubbate.
Hulaa galaana Atlaantiik 'English channel' jedhamu qaxxaamuree Firaans galee, magaalota Ispeen Giroonaa, Vaaleenshiyaa, Kaartaageenaa keessa darbee Galaana Meditaraaniyaanii dooniidhaan qaxxaamure.
Dooniirraa magaalaa Morokoo qarqara galaanaa irratti argamtu Taangaayaritti bu'ee, magaalaa guddoo biyyattii Raabaat keessa bahee, magaalaa biroo Maaraakaash jedhamtu darbee, Mooritaaniyaa gale.
Imalli kana booda jiru, Senegaal, Maalii, Burkinaa Faasoo, Koot divoor, Gaanaa, Toogoo fi Beeniin keessa isa dabarsee Leegoosiin isa baase.
Imalaan ganna 44 kuni gammoojjii Sahaaraa qaxxaamuruutu baayyee rakkisaa ture jedhe. Guyyoota torba akka itti fudhates hime.
''Gammoojjiin Sahaaraa lafa dhala namaaf hin taanedha, namatti hin tolu,'' jedhe.
Imala kanaaf qophiifi karoora waggaa tokkoo akka itti fudhate hime, kunis qophii gad-fagoo hospitaalota, buufata poolisii fi daandii adda baasuu fa'i akka dabalatu hime.
Kana malees doqdoqqeensaa yoo rakkoo godhate suphuuf jecha hojii makaanikaa akka barate himeera.
Kana duras Leegoos irraa hanga Gaanaatti bishkiliitiidhaan imaleera, gaara guddicha Afrikaa Taanzaaniyaa jiru - Kilimaanjaaroo ala lama yaabeera.