Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kutaan waraanaa Israa'el kan Ameerikaan qoqqobuuf jettu maali? Maaliif kaanirraa adda ta'e?
Aanga'oonni Israa'el wayita US kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa jedhamurra qoqqobbii kaa'uuf oduu jedhu dhagahan mufannaadhaan deebii kennan.
Marsariitiin oduu Axios jedhamu tarkaanfiin kun akka fudhatamu kan yaadameef dhiittaa mirga namoomaa kutaan waraanaa kun West Baank keessatti raawwataa jiru irraa ka'uuni jechuun gabaase.
Kun yoo dhugaadhaan raawwatame tarkaanfii bulchiinsi US yeroo jalqabaaf hidhattoota Israa'el irratti fudhate ta'a.
Humni waraanaa Israa'el ''Ameerikaan kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa irra qoqqobbii kaa'uuf akka jirtu homaa hin dhageenye,'' jedhe.
Murni loltootaa kun humna waraanaa biyyattii keessatti hirmaannaa olaanaa taasisuun hojiirra kan jiraniifi seera idiladdunyaa eeguun kan socho'aa jiraniidhas jedhe.
''Murteen akkanaa yoo darbee jiraate, keessa deebiin ilaalama,'' kan jedhe humni waraanaa Israa'el, ''hojii keessatti rakkoon yoo mudate hojimaatuma baratameefi seera bu'uureffateen qorannee soroorsina,'' jedhe.
Maddeen US akka ibsanitti Ameerikaan yoo dhuguma kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa qoqqobde gareen kun gargaarsa waraanaa fi leenjii US irraa argamu ni dhaba jechuudha.
Ji'oota darban Yahuudonni Hareedii humna waraanaa biyyattii keessatti tajaajila loltummaa kennuu keessaa hanqifamuutti Israa'eloonni mufatanii turan.
Lammiileen Israa'el hunduu humna waraanaa biyyattiif tajaajiluu qabu.
Dhiironni waggaa sadi, dubartoonni ammoo waggaa lamaaf tajaajiluu qabu.
Miidiyaan Israa'el PBC (Public Broadcasting Corporation) qondaaltota biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti, Ameerikaan haleellaa kutaa waraanaa kanaan lammiilee Filisxeem irratti raawwatame ilaalchisuun qorannoo gaggeeffamaa ture bu'aasaa argachuuf irra deddeebiin gaafataa turte.
Ministirri Muummee Israa'el Beenjaamin Neetaniyaahuu qoqqobbiin kaa'amuuf jedhamu kun ''waan hin taane, waan bu'aa hin qabne isa dhumaa,'' jechuun ibsan.
Ministirri kaabinee waraanaa Israa'el Beenii Gaantiz kutaa waraanaa Israa'el irra qoqqobbii kaa'uun ''adeemsa balaafamaadha,'' jedhan.
Ministira dhimma alaa US Antonii Bilinkan waliin wayita bilbilaan dubbatanitti Ameerikaan dhimma kana akka keessa deebitee ilaaltu gaafataniiru Aab Gaantiz.
Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Israa'el Itamar Been-Giivir ammoo, maallaqa aanga'oota Filisxeem harkasaanii jiru hunda irraa fudhachuun, qoqqobbii Ameerikaan kaa'uuf jirtuuf deebii kennuuf qophii akka ta'an ibsan.
Ministirri Muummee Beenjaamin Neetaniyaahuu baankota warra Filisxeem irratti ''qoqqoobbiiwwan ciccimoo walitti fufiinsaan hojiirra oolan qopheessuu akka qaban,'' gaafataniiru Been-Giivir.
Qoqqobbiin hunduu ''diinota Filisxeem keessa taa'anii Israa'el irratti qiyyaafatan irratti ta'u,'' jedhan qondaalli Israa'el kun.
Ministira kaabinee waraanaa kan ta'an Gaadii Iisankoot kutaa waraanaa kanarra qoqqobbii kaa'uun ''bu'uura irraa dogoggora, tarkaanfiin kun of duuba deebi'uu qaba,'' jedhan.
Ministirri Maallaqaa Israa'el Bezaalel Ismootrich gamasaaniin tarkaanfiin kun ''maraatummaa fi waanjummaa garbummaa Filisxeem nurratti fe'uuf kan yaadameedha,'' jechuun balaaleffatan.
Hoogganaan paartii mormituu Israa'el, Yair Lapid, ammoo dhimma kanarratti wayita yaada kennan, ''imaammata seeraan alaa fi kufaatii siyaasaa mootummaatiin jalqaba kan miidhaman humna waraanaa fi hooggantoota waraanaa Israa'el,'' jedhan.
Garuu kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa irra qoqqobbii kaa'uun ''dogoggora fi murteen kunis haqamuu kan qabuudha,'' jedhan.
Yaada faallaa kan dhiheessan hoogganaan paartii mormituu (Labor Party) Israa'el Meraav Mikaa'elii, inumaa kutaan waraanaa Netzah Yahuudaa diigamuu qaba jedhan.
''Yakki, jeequmsi fi malaammaltummaan gareen kun raawwataa ture waggootaaf kan argaa turree fi sirriitti kan beekamuudha,'' jedhan qondaalli paartii mormituu kun.
Kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa keessa eenyufaatu jiru?
Yahuudonni Hareedii jedhaman hedduun waraana Israa'el seenuu hin barbaadan, sababni isaa yeroo isaanii guutuu kitaaba Tooraah (Kitaaba qulqulluu Hibruu shanan keessaa isa jalqabaa) dubbisuu fi barsiisuurratti dabarsu waan ta'eef.
Garuu mana barumsaa amantii kan seenan Hareedii hunda miti. Muraasni kan mana barumsaa hin galle humna waraanaatti kan makaman jiru, garuu achittis amantiisaanii kana barachuu akka danda'an yoo haalli mijateef qofa.
Ministeera Ittisaa fi humna waraanaa Israa'el waliin dubbachuun dargaggoota Hareedii kanneen mana barumsaa amantii hin seenne humna waraanaatti maku.
Haala kanaan kutaan waraanaa Netzah Battalion jedhamu uumame. Loltoota Hareedii kumaatamarraa kan ijaarameedha.
Kutaan waraanaa kun humna waraanaa keessatti iddoo addaa akka qabaatuufi osoo duudhaa hawaasa Hareedii hin gadhiisin tajaajila loltummaa akka kennan qajeeltoon seeraa ba'eera.
Jaarmiyaan Nahaal Hareedii jedhamu ''qajeeltoon kun sirnaan hojiirra ooluusaa akka hordofu,'' ibseera.
Bara 1999 murni loltoota Hareedii jalqabaa hundeeffamuun maqaan ''Nahal Haredi'', ''Netzah Yehuda'' yookiin ''Battalion 97'' jedhu kennammeef.
Maqaawwan kunneen jaarmiyaalee siivilii hawaasi Hareedii akka waraana Israa'el keessa seenan qabsaa'aa turanirraa ka'uun moggaafaman.
Humni waraanaa Israa'el kutaa waraanaa kana yeroo jalqabaaf Ramalaah fi Jenin keessatti bobbaase.
Akka gabaasa gaazexaa Hibruu Yedioth Ahronoth jedhamuutti Israa'el bara 2019 kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa Ramalaah irraa gara Jenin jijjiire.
Erga Israa'el bara 2022, Muddee keessa kutaa waraanaa kana West Baank keessaa kaasee loltoonni kunneen kutaa kaabaa keessaa socho'aa turan.
Akka The Jerusalem Post gabaasetti kutaan waraanaa kun jalqaba bara 2024 irraa kaasuun Gaazaa keessatti lolarra jiru.
Ajajaan duraanii waraana Israa'el Aviv Kochaavii Birgeediin waraanaa Kfr kan kutaan waraanaa Netzah Yahuudaa keessatti argamu Lebaanan, Siiriyaa fi Gaazaa keessatti loluu danda'a.
Yeroo ammaa miseensonni Netzah Yahuudaa kan duula waraanaa fi leenjiirra jiran walumaagalatti 1,000 ni ta'u.
Miseensonni kutaa waraanaa kanaa humna waraanaa Israa'el keessatti waggaa lamaa fi ji'a saddeet tajaajilu.
Oppireeshinii waraanaa keessatti akka dhiirotatti siqanitti dubartootatti hin siqan. Kadhannaa fi qayyabannaaf yeroon ni kennamaaf.
Ameerikaan maaliif qoqqobbii kaa'uu barbaadde?
Miseensonni kutaa waraanaa Netzah Yaduudaa Amajjii 2022 nama umrii waggaa 79 lammummaa Filisxeem fi Ameerikaa qabu, Omar Asaad, erga kellaarratti qabanii booda ajjeesuun himatamu.
Maatiin Asaad akka jedhanitti hidhattoonni kunneen harkasaa lamaan duubatti hidhuun, afaansaa ukkaamsanii karaarratti gatan. Boodarra reenfisaa daandiirraa argame.
Ministeerri Ittisaa himannaa kanarratti qorannoo erga gaggeessee booda ''kun naamuusa loltummaarratti hanqinni mudachuu fi murtii dogoggoraa ta'uu agarsiisa. Dhala namaaf yaaduu dhabuudha,'' jedhe.
Taatee kana booda ajajaan kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa akka dogoggora uume itti himameera, ajajoonni kaan aangoorraa buqqifaman.
Qorannoon yakkaa loltoota irratti baname garuu murtee seeraa malee adda citeera.
Loltoonni kunneen itti fufuun lammiilee Filisxeem irratti haleellaa raawwachuu erga itti fufanii booda, Ameerikaan kutaa waraanaa Netzah Yahuudaa irratti bara 2022 gara dhumaarra qorannoo eegalte.
Seerri Leahy kan US Netzah Yahuudaa irratti hojiirra oolchuuf barbaaddu maali?
Seerri Leahy gargaarsi Ameerikaa kamiyyuu biyya dhiittaa mirga namoomaa raawwachuun mirkanaa'eef hin kennamu jedha, akka Ministeerri Dhimma Alaa US ibsutti.
Gargaarsi biyyoota yakka akkanaa raawwatan irraa dhaabbatu leenjii waraanaa humna waraanaa Ameerikaa irraa argamu ni dabalata.
Yoo namoonni yakka kana keessatti hirmaatan seeraan gaafataman gargaarsi Ameerikaan biyyoota alaaf taasiftu biyya yakki kun keessatti raawwatamerraa hin citu.
Seerri Leahy ''gargaarsa maallaqaa humnoota nageenyaa biyyoota alaaf taasifamurratti hojiirra oola. Yoo qorannoon gaggeeffamee, odeeffannoon argame dhiittaan mirga namoomaa hamaa ta'e raawwatamuu mirkanesse hojiirra oola,'' jedha Ministeerri Dhimma Alaa US.
Qorannoo kun kan siyaasaa, nageenyaa fi dhimmoota mirga namoomaan walqabatu kaan ilaallata.
Seenaatarri Ameerikaa Patrik Leahy bara 1990oota keessa seerri kun akka qophaa'uuf qabsoo ijibbaataa taasisaniiru, kanaaf Seerri Leahy maqaa Seenaatara kanaan moggaafame.