Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Gaazatti xumura gochuuf wixinee haaraa Israa'el karaa Baayidan dhiyeessite maalidha?
Waraana Gaazatti gaggeeffama jirutti xumura gochuuf Israa'el wixinee waraana dhaabuu haaraa Hamaasif dhiyeessuushee Pirezidaantin US Joo Baayidan kaleessa beeksisan.
"Waraana kanatti xumura gochuun yeroonsaa amma" kan jedhan Baayidan, Hamaas yaada haaraa Israa'el dhiyeessite kana akka fudhatus gaafatan.
Yaadi waraana dhaabuu kun gulantaa sadiin kan hojiitti hiikamu ta'uun kan ibsmae yoo ta'e, marsaa jalqabaan waraanni ji'a jahaaf dhaabatee loltoonni Israa'el Gaazaa bakka namoonni itti heddummatanii akka bahan kan jedhuudha.
Deggarsi namoomaa heddumminaan Gaazaa akka seenufi namoota butaman muraasafi lammiilee Filisxeem mana hidhaa Israa'el wal-jijjiiruu kan jedhus jira.
Yeroon booda Gaazatti waraanni guutummaatti dhaabatee, Gaazaa deebisanii ijaaruu kan jedhutti geessa.
Hamaas yaadicha "waan gaaridha" jechuun ibseera.
Pirezidaant Joo Baayidan kaleessa, Caamsaa 31,Waayit Haawusii akka ibsanitti, marsaa jalqabaan dhukaasni dhaabatee humni waraana Israa'eel Gaazaa bakka namoonni itti heddummatan keessaa akka bahuufi namoota Hamaas bute, Filisxeemota mana hidhaa Israa'el jiran wajjin wal-jijjiirun akka gaggeeffamu kaasan.
"Kuni dhugumatti yeroo murteessadha. Hamaas dhukaasni akka dhaabatu akka barbaadu ibseera. [Hamaas] garaasaarraa dhukaasa dhaabuu barbaadufi dhiisunsaa kan ittiin baramu kun carraa gaaridha," jedhan Baayidan.
Dhukaasa dhaabun kun deeggarsi namoomaa caalmatti Gaazaa akka seenuf carraa guddaa kan banu ta'uu ibsuun, guyyaatti konkolaatonni 600 deeggarsa Gaazaa akka seensisaniif carraa akka banu dubbatan.
Gulantaa lammaffaarratti loltoota Israa'el dabalatee namoonni Hamaasin butaman hundi gadi lakkifamu. Yeroos dhukaasa dhaabuu kan jedhu gara "guutumman waraana dhaabutti" ceha jechuudha.
Barreessaa olaanan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez jijjiirama argame gammaduusanii ibsuun "Gaazatti waraana dhaabun yeroonsaa amma" jedhan.
"Inisheetiivii [Pirezidaant] Baayidan nan jajjabeessa, qaamoleen hunduu carraa kanatti fayyadamanii dhukaasa akka dhaaba, namoonni butaman akka gadi lakkifaman, deegarsi namoomaa dhorkaa malee akka Gaazaa seenufi Baha Giddu Galeessatti nagaan waaran akka jiraatu akka mirkaneessanin jajjabeessa."
Joo Baayidan wayita wixinee waraana dhaabuu haaraa kana ibsanitti, marsaa jalqabaafi lammaffarratti walii galuuf mariin gaggeeffamu ulfaataa ta'uu akka malu eeraniiru.
Gulantaa sadaffaan wixinichaa ammoo lammiilen Israa'el butamanii harka Hamaas jiran kan du'an yoo jiraatan reeffisaanii akka deebi'u, akkasumas deeggarsa USfi hawaasa idil-addunyaan Gaazaa deebisanii ijaarun akka gaggeeffamu kan jedhu of keessaa qaba.
Baayidan dubbii isaanii keessatti qondaalotaafi uummata Israa'elif ergaa dabarsaniin "carraa kana dhabuu hin qabnu" jechuun karoora haaraa dhiyaate akka deeggaran waamicha dhiyeessan.
Muummen Ministeeraa Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu gamasaanin Hamaas hanga dhabamsiifamutti waraanni akka hin dhaabbanne dubatam. Hamaas waraananis ta'ee humna bulchiinsan deebi'ee Gaazaa keessa akka hin dhaabbanne barbaadu. Kana hanga milkeessanitti duubatti akka hin deebine dubbatan.
Joo Baayidan garuu Hamaas ammatti dandeettiifi humna waraanaa ittiin haleellaa jabaa gaggeessu hin qabu jechuun Hamaas dadhabuu ibsan.
Hamaas gamasaan karoora haaraa dhiyaate kana ija gaarin akka ilaalu ibse. Hamaas duraanis gaafataa kan ture waraanni guutummaan akka dhaabbatu, loltoonni Israa'e; Gaazaa keessaa akka bahaniifi Gaazaa deebisanii ijaaruu kan jedhuudha.
Qondaala Bulchiinsa Filisxeem, kan Weest Baank, kan ta'aniifi karoora haaraa dhiyaate arguu himan tokko, ammayyuu Israa'el guutummaan waraana dhaabuu kan jedhuufi loltoonni Israa'el guutummaatti Gaazadhaa bahuu wabiii waanti kennu keessa akka hin jirre himan.
Sanadi gulantaa gulantaan Gaazatti waraana guutummaatti dhaabuu qophaa'e karaa Kaatar Hamaas bira gahuun ibsame.