Chaayinaan 'sarara diimaa' kiyyarra akka hin ejjenne jechuun US akeekkachiifte

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yi gitasaanii Ministirri Dhimma Alaa US Antoonii Biliinkan ''sarara diimaa'' Chaayinaarratti akka hin ejjenne akeekkachiisan.
Dippiloomaatonni biyyoota lamaan Jimaata Beejingitti wal arganiiru. Obbo Waang gaaffii akeekkachiisa fakkaatuun dubbii isaanii eegalan.
''Chaayinaafi Yunaayitid Isteet nagaan fuulduratti qajeeluumoo duubatti deebi’uu wayyaaf?'' jechuun gaafatan.
Hariiroon Chaayinaafi Ameerikaa tasgabbaa’aa adeemus, ''sababoota qajeelaa hin taanen'' qoramaa akka jiru ibsan.
Biyyoonni lamaan mariifi wal tumsuutti qajeeluu yookiin ''walitti bu’iinsa keessa seenu'' danda’u jedhan Waang.
Birmadummaa, nageenyaafi misooma Chaayinaaf sarara diimaadha kanneen jedhanis tarreessuun Ameerikaan irra akka hin ejjenne akeekkachiisaniiru.
Hariiroo biyyoota lamaanii gidduu ''wantoonni qajeelaa hin taane'' guddataa akka jiraniifi hariiroon biyyoota diinagdeen badhaadhan lamaan qoramaa akka jirus ibsan.
''Mirgi misooma Chaayinaa bu’uura seeraa qabu haala amansiisaa hin taanen hacuucameera, fedhiin keenya ijoo qoramaa jira,'' jedhan.
Waang rakkinoonni kuni maal akka ta'an hin ibsine.
Garuu biyyoota lamaan gidduu ejjennoo US Galaana Kibba Chaayinarratti qabdu, deeggarsa US Taayiwaaniif taasiftuufi mirga namoomaarratti gargaarteen jajjabaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yeroo waggaa hin guunne keessatti yeroo lammataaf Chaayinaa kan daawwataa jiran Biliinkan, miidiyaatti yoo dubbatan of eeggataati.
Beejingiifi Waashingitan hariiroo isaanii ''dippiloomasii si’ataan'' fuulduratti fufuuf itti gaafatama qooddataniiru jedhan.
Haa ta'u malee, garaagarteen biyyoota lamaan gidduu jiru dogongoraan akka hin hubatamneef ifatti akka dubbatan himan.
Garaagartee isaanii keessaa muraasa jalqaba torban kana Waashingitan waraana dabalatee deeggarsa Taayiwaaniif taasistu yeroo raggaasistu mul’ateera.
Adeemsa kana Beejing ‘’qajeelfama Chaayinaa-tokko kan sarbu,’’ jechuun qeeqxe.
Chaayinaan bulchiinsa Taayiwaan ofiin of bulchitu akka bulchiinsa ishee yeroo keessa to’annoo Beejing jala deebitutti ilaalti. Odolli Taayiwaan garuu addatti of ilaalti.
Daawwannaan Biliinkan erga Ameerikaan kaampaanii Chaayinaa kan ta’e Tiktok akka gurguramu kanaan achi Ameerikaa keessa akka dhorkamu murteessitee guyyoota muraasa booda taasifame.
Chaayinaan meeshaalee waraanni itti tolfamu Raashiyaaf erguun Raashiyaan waraana Yukireen keessatti taasisaa jirtuf itti dhimma baati jechuun Ameerikaan himti.
Daawwannaan aangawaa US kuni waggaa muddamni itti baay’atee booda qaama mariin furuuf taasifamaa jiru keessaati.
Torban sadii dura Pirezidantiin US Joo Baayidaniifi Pirezidantiin Chaayinaa Shi Jinpiing dhimmoota biyyootni lamaan wal ta’anii dalaguu danda’anirratti bilbilaan mari’achuun isaanii ni yaadatama.












