Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ameerikaatti yaadi meeshaa waraanaa to'achuuf dhiyaate fudhatama argate
US keessatti itti fayyadama qawwee ilaalchisuun rifoormiin akka taasifamuuf kanneen duula taasisan waliigaltee paartileen gamaafi gamanaa taasisan of eegannootiin kan fudhatan yoo ta'u, yaadichi garuu baayyee fagoo akka hin deemne kaasan.
''Xiqqaa ta'ulleen kun jijjirama,'' jedhan Deeviid Hoog, haleellaa mana barnootaa Filoorodaa bara 2018 irraa kan lubbuun hafe.
Miseensii mana-maree duraanii Gaabreellaa Giifoordsi haleellaa bara 2011tiin kan madaa'ee ammoo ''tarkaanfii gara fuulduraa barbaachisaadha'' jedheera.
Karoorichis namoota umuriin wagaaa 21 gadii yoo bituuf jedhan akka qorannoo cimaa keessa darbaniifi bittaa qawwee seeraan alaa irratti tarkaansii fudhachuu kan hammatuudha.
Isaaniis Dilaba seenaataroota Ameerikaa garee qaxxaamura paartiin turen kan labsan. Yaadni kunis Riippablikaanoota 10, baayyin lakkoofsa seeraan sagalee irratti kennuu dandeessisuun deegarame.
Pirezidaantii Joo Baayidan gama saatiin karoorichaan, ''tarkaanfii kallattii sirrii irra jiru'' jedheera. Hata'u malee, hanga inniifi Dimokraatoonni baayyee eeganiin gadiidha.
Kanaan dura yaaliiwwan Ameerikaa, biyyoota sooreeyyii keessaa ammii ajjeechaan kan itti baayyee ta'ee keessatti, seera qawwee cimsuuf yaaliiwwan taasifaman, deeggarsa kongrasii hanga barbaachisuu argachu hin dandeenyee ture.
Namoonni kumaatama hedduun lakkaa'amanis guyyaa Sambataa Ameerikaa guutiitti hiirara taasisuun seerri to'annoo qawwee akka cimuufa gaafataniiru.
''Kunis tarkaanfii jalqabaa gaariidha garuu inni waanuma ta'u qabaatudha'' jedhan Mr Hoog BBCtti wayita dubbataniitti. ''Imaammanni kamuu haleellaa hunda dhaabsiisuu danda'u hin jiraatu garuu imaamman kun Paarklaandii ittaanu waan dhaabsiisuu danda'uuf tarkaanfii gaariidha.''
Aaddee Giifoord kan miidhama sammuu cimaan irra qaqabee turte gama isheetiin, yaada amma dhiyaateef simmannaa mamii taasisaniiru. Toora tiwiitara isheerratti akka barreessiteetti, ''Kongrasiin waggoota 30 keessatti waa'ee nageenya qawwee irratti tarkaanfii guddaa yoo fudhatu kun kan jalqabaa ta'a.''
''Mariin kunis ammalleen karaa siyaasaatiin dhaabuun akka danda'amuu fi ummata Ameerikaatiif akka dhiyeessuu dana'u kan mul'isuudha'' jette.
Dhaabbanni to'annoo qawwee irratti duula gaggeessu, Moms Demand Action, ''waraanni keenyaa dakatti argamu hanga inni seeratti geedaramuutti akka maleetti qabsaa'uudhaaf qophiidha. Tarkaanfiin federaalaa nageenya qawwee irratti akka fudhatamuuf waggaan 26 fudhatamaa miti,'' jedhe.
Hogganaan Irra caala Seeneetii, Chuuk Iskumar, warra Dimokraatootaa irraa kan ta'e gamasaatiin, jijjirama ta'een gammadeera jedhe. Wixinichi atattamaan gara seeneetiin sagalee itti kennamuutti akka darbuuf barbaada.
Hogganaan Seenaatii Bicuu Riippablikaanootaa, Miitch McKooneel yaada wiixinee dhiyaatee mirkanneessuu hin dandeenye. Garuu ammoo ''bu'aa marii fi walta'iinsaa'' mulliseera.
Gareen mirga qawweetiif duula gaggeessuu cimaan Waldaa Hidhannoo Biyyaaleessaa Ameerikaa (NRA), erga qabiiyyeen jijjiramichaa guutuun gadhiifamen booda deebii akka kennu himeera.
Garichi ''yaalii immaammatawwan qawwee to'achuu keessa galfamu kamuu mormuu ittiin fufa,'' jedheera.