'Kolleejjota keessatti barnootaaf kan eegaman keessaa kan barachaa jiran 29% qofa' - Naannoo Amaaraa

gaheessa meeshaa waraanaa hidhatee magaalaa keessa deemu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Amaaraatti waraanni kaaba Itoophiyaa waliigaltee Piritooriyaan xumuramus, waraanni biraa dhalateera.
Maxxanfame

Rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessa jirurraa kan ka'ee carraa hojii uumuufi leenjiwwan ogummaa kennuurratti hanqinni mudachuu naannichi beeksise.

Biiroon Hojii fi Leenjii Ogummaa naannichaa sababa rakkoo nageenyaan hojiisaa milkeessuu akka hin dandeenye beeksise.

Hogganaan biirichaa Dr Sibuuh Gebeyaaw ibsa miidiyaaleef kennaniin, ALI jalqaba bara 2016 irraa eegaluun ''rakkoo gareen finxaaleyyii uumaniin sochiin biirichaa guddoo qorameera,'' jedhan.

Sabaa himaan naannichaa, Amaaraa Miidiyaa Koorporeeshin, hogganaa biirichaa waabefachuun akka gabaasetti, bara 2016 keessa carraa hoojii miiliyoona 1.2 uumuuf karoorfame keessaa milkeessuun kan danda'ame dhibbeentaa 39.

Interpiraayzoota hundeessuuf karoorfame 68,000 keessaa ammoo dhibbeentaa 20 qofatu milkaa'e.

Naannoo Amaaraa keessatti muddamni siyaasaa kan dhalate bara darbe humna addaa naannolee diiguun wayita murtaahe turedha.

Ergasii sochiin hidhannoo humnoota Faannoo, kan mootummaan ''finxaaleyyii'' jedhuun kutaalee naannichaa garagaraa keessatti sochiisaa jabeesseera.

Sababa kanaattis gaaffii bulchiinsi naannoo dhiyeesseen mootummaan federaalaa gidduu galeera.

Paarlaaman Itoophiyaas labsii yeroo muddamaa naannicha keessatti jalqaba ji'a jahaaf kan raggaase yeroo ta'u, ji'oota dura ammoo labsiin kun akka dheereffamu sagalee kenneera.

Hogganaan biiroo hojiifi leenjii naannichaa Dr Sibuuh koolleejjota mootummaa 126 naannicha keessa jiran keessaa, 23 keessatti tajaajilli baruufi barsiisuu sababa dhabamuu nageenyaan adda citeera jedhaniiru.

Koolleejjotni dhuunfaa 19 ta'aniis tajaajila kennuutti hin jiran.

Dr Sibuuh Gebeyaaw

Madda suuraa, Amhara Media Corporation

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaan biiroo hojiifi leenjii naannichaa Dr Sibuuh dhimmicharratti miidiyaaleef ibsa kennan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sababa kanaatti bara kana keessa koolleejjota keessatti galanii ni baratu jedhamanii namoota eegaman 205,000 keessaa, ammaan tana barnootaatti kan jiran dhibbentaa 29 qofa akka ta'anis ibsaniiru.

Dhaabbilee hojiifi leenjii 128 ta'an ''garee finxaalessaa kanaan saamamaniiru, manca'aniiru'' jedhan aanga'aan kun.

''Rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa muddaa ta'e kana furuuf, nageenyi gahee bakka hin bu'amne qaba'' jechuunis dubbatan.

Ji'oota darban keessa hidhattootni Faannoo kutaalee naannoo Amaaraa keessa socho'an magaalota gurguddoo akka Gondar, Laalibalaafi kaan seenuun qaamolee nageenyaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa akka turan BBCn jiraattotaaf aanga'ootarraa waan dhagahe gabaasaa ture.

Raayyaan Ittisaa Itoophiyaa hidhattootaa kana dhabamsiisuuf duula gaggeessa jiru keessa, diroonii fayyadamee namoota nagaa hedduu ajjeeseera jechuun irra deddeebiin komatamaas ture.

Itaamaajooriin waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhanuu Juulaa garuu, raayyaan isaanii namoota nagaarratti xiyyeeffatee haleellaa tokkollee akka hin raawwanne ibsaniiru.