Meraawiitti kanneen namoota nagaa ajjeesan seeratti akka dhiyaatan US gaafatte

Itoophiyatti Ambaasaaddar US

Madda suuraa, @ASSTSECSTATEAF

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa magaalaa Meraawiitti ajjeechaa namoota nagarratti qiyyaafatee raawwatamuurratti qorannoon gaggeefamee yakkitootni seeratti akka dhiyaatan embasiin Ameerikaa Itoophiyaa jiru gaafate.

Ambaasaaddar Eerviin Masiingaa X gubbaa yaada maxxansaniin magaalaa Meraawiitti ajjeechaan namoota nagaarratti raawwatame mootummaa Ameerikaa yaachisuu ibsan.

Guyyoota 10 dura magaalaa Meraawiitti qaamolee nageenyaa mootummaan haleellaa raawwatame jedhameen namootni nagaa 100 ta'an ajjeefamuu jiraattotnifi maatiin miidhamtootaa BBCtti himaniiru.

Gumiin Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Kibxata darbe baaseen walitti bu'iinsa hidhattootaafi qaamolee mootummaa gidduutti dhalatee hordofee namootni walitti bu'iinsa keessatti hirmaannaa hin qabne 80 ta'an ajjeefamaniiru jedheera.

Ambaasaaddarri US Finfinnee jiru Maasingaa, qaamolee yakkicha raawwatan seeratti dhiyeessuuf, quuqamtootni mirgaa namoomaa danqaa malee iddoo balaan kun raawwatetti akka galan, qorannoon walabaas akka gaggeefamu gaafatan.

Oromiyaa fi naannoo Amaaraa keessatti akkasumas iddoo birootti mootummaafi qaamolee mootummaan ala jiraniin haleellaa fi sarbamni mirgaa rawwatamuu ragaaleen rifachiisoon bahaa jiraachuu ambaasaaddarichi ibsaniiru.

Ambaasaaddarichi Labsiin Yeroo Ariifachiisaa naannoo Amaaraa dheereffamuun isaan yaaddessuu torbee darbe keessa ibsanii turan.

Gumiin Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaan magaalaa Meraawii kan raawwate walitti dhukasa cimaa tureefi sana boodas mana manarra deemuun sakatta'iina godhame keessa ta'uu ibseera.

Jiraattotni BBCn dubbise ajjeechaan kan raawwate lola Faannoofi Raayyaa Ittisa agidduutti godhame hordofee akka ta'e ibsaniiru.

Meraawiin magaalaa Baahirdaar irraa fageenya km 35 irratti kan argamtu yeroo ta'u, ajjeechaan namoota nagaarratti rawwate mana manattiifi daandiirratti akka ta'e jiraattotni fi maatiin himaniiru.