Faannoo fi Raayyaan Ittisaa magaalaa Goondar keessatti walitti dhukaasan

Magaala Gondar keessatti walitti dhukaasni dhalate

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa magaalaa Goondar keessatti garaagartummaa guyyoota muraasaan hidhattoota Faannoofi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti lola baname gidduutti lubbuun namaa darbuu jiraattotni himan.

Kamisa Amajjii 11 ganama naannoo sa'aa 5:00 irraa eegalee hanga galgalaatti dhukaasa itti fufeen manneen jirenyaa namoota nagaa rasaasaan haleelamuu jiraattotni magaalittii lama BBCtti himaniiru.

Namoota sadii yaada isaanii kennan irraa dhukaasni bakka itti hammaate keessaa tokko 'Lidataa' naannoo jedhamutti ta'uun hubatameera.

Naannichi kaampasiin Yunivarsiitii Goondar Maaraakii jedhamuu, Kolleejjiin leenjii barsiisotaa, oolmaa da''immaniifi manni barnootaa sadarkaa tokkoffaa bakka itti argamaniidha jedhaniiru jiraattotni.

Jiraataan maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan tokko ''naannoo [sa'aatii] 4:40 humni Faannoo as galeera jechuun milishaan mootummaafi raayyaan ittisaa meeshaa gurguddaa hidhatee gara magaalaa galuun dhukaasa bane'' jedhan.

Dhukaasni kan dagahamuu jalqabe namni akka hin sochooneef ta'uyyuu, hanga galgalaatti dhukaasni meeshaalee gurguddaa dhagahaamaa akka ture jiraataan kun himaniiru.

Jiraataan magalatittii kan biroon ammoo jalqaba sagaleen dhukaasaa dhagaahamaa ture qaama adda adda lamarraa akka ture himuun gara boodaa garuu sagaleen dhukasaa qaama tokkooti dhagaahamaa turee jedhan.

Dhukkasni kan jalqabe sochiin daldalaa fi uummataa yeroo ho'aa turetti waan ta'eef jiraattota magaalittiirratti sodaa uumee turee jedhu jiraataan kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraataa naannoo 'Lidataa' kan ta'an namni biraan ''naannicha manneen barnootaa hedduun jiru, oolmaan daa'immaniis jira. Maatiin ijoolleesaanii fudhachuuf fiigaa turan dubbachuuf ni ulfaata'' jedha.

Akka jiraataan kun jdhanitti walitti dhukaasa kana keessa namootni miidhaman baayyee ta'aniis ''awwaalchi namoota torbaa raawwatameera.''

BBCn lakkoofsa namoota du'anii kana maddeen hospitaalaa fi mootummaarraa hin mirkaneeffanne.

Jiraataan naannoo Lidataa kun walitti dhukaasa kana keessa manneen jireenya jiraattotaarra miidhaan guddaan gaheera jedhu.

''Meeshaan hedduun mana jireenyaa namoota dhuunfaarra [bu'an], meeshaaleen manneen naannichaarra bu'an balaa guddaa geessisaniiru'' jechuun qabeenyarra miidhaa qaqqabe ibsaniiru.

Jiraataan biraan mana walakkaansaa sababa meeshaa waraanaa guddaa itti dhuka'een jige arguu himaniiru.

Kamisa walitti dhukaasa mudateen sochiin magaalittii dhaabatus Jimaata sochiin muraasni eegaleera.

Dhukaasni Kamisa magaalaa Gondar keessatti baname gargaagartummaa guyyota muraasaa keessatti yeroo lammataafi.

Sambataafi Dilbata torbee darbee magaalaa Gondar keessa hidhattoota Faannoofi Raayyaa Ittisaa gidduutti dhalateen namootni nagaa 20 miidhamanii gara hospitaalaa Goondar galuu Hakiimni hospitaalichaa tokko BBCf mirkaneessanii turan.

Kantiibaa Itti Aanaan magaalaa Gondar Obbo Baayyuh Abbuhaay Wiixata darbe ibsa miidiyaaleef kennaniin kutaa magaalaa Maaraakii ganda Ayyar Xeenaa jedhamu walitti bu'iinsi mudate duula qaamolee nageenyaan to'atamuu himani.