Suuraan oofee yeroo paayileetiin US 'afuuffee basaasaa' Chaayinaarra balali'u agarsiisu gadhiifame

Madda suuraa, US DEPARTMENT OF DEFENSE
Ministeerri Humna Ittisaa US, yeroo loltuun humna qilleensaa tokko afuuffee Chaayinaa dhahamuun buufamterra balali'u agarsiisu maxxanse.
Suuraan oofee [selfie] kun gola xiyyaara waraanaa U-2 jedhamu keessaa taa'amuun kan kaafame yoo tahu hoggantootni waraanaa ol ka'insa afuuffeen Chaayinaa irra balali'u sana hordofaa turan.
Beejiingi afuuffeen sun haala qilleensaa qorachuuf kan gadhiifame akka tahe ibsite.
Waashingitan ammoo qaama sagantaa basaasaa chaayinaa bobbaafameeti jette.
Yeroo afuuffeen lama daangaa qilleensaa US irra balali'an yoo xiqqaate xiyyaarotni waraanaa lama odeeffannoo waa'ee ol ka'iinsa afuuffichaa irratti walitti qabaa turaniiru.
Qondaalli olaanaan US tokko akka jedhanitti balaliin isaa kan mul'isu, ''oppireeshinii odeeffannoo basaasaa walitti qabuu hojjechuu akka danda'udha.''
Kanaadaan ammoo basaasa Chaayinaan naannoo Arkitikitti gaggeessitu hordofaan jira jette.
Qondaalonni jalqaba kan hubatan Amajji 28 yeroo afuuffeen Chaayinaa kun daangaa qilleensaa Alaaskaa seentudha.
Xiyyaarotni waraanaa Ajaja Ittisa Qilleensarraa Kaaba Ameerikaa [NORAD]- oppireeshinii waloo US fi Kanaadaa, meeshaan biyya alaa tokko qilleensa isaanii seenuu adda baasan, garuu waraanichi afuufficha haleelee hin buusne ture.
Qondaalli tokko akka ibsanitti afuuffee kana rukutanii kan hin buusiin turaniif baay'ee guddaa waan taheef caccabaan isaa namoota irratti kufee miidhaa akka hin geessisneefi.
Qondaalli tokko qaama seera tumtoota UStti akka himanitti afuuffeen Chaayinaa kun hanga siidaa Liberty jedhamu kan gahuu fi ulfaatina hanga xiyyaara gahu qaba.
Suuraan gaafa Roobii kaleessaa gadhiifame osoo afuuffeen Chaayinaa kun Kibba Kaaroolaayinaatti gaafa Guraandhala 4 bara 2023 rukutamee hin kufiin dura kan kaafamedha.
Suuraan kun Peentaagon keessatti ''sadarkaa beekamtii guddaa argateera'' jedhame.
Akka ragaan humna qilleensarraa agarsiisutti, xiyyaarotni U-2 ol ka'insa 70,000 irratti balali'u.
Xiyyaarri taa'umsa tokko qabduu fi hojii basaasaaf ooltu maqaa 'Dragon Lady' jedhamtu kana dura dhaabbata basaasaa US, CIA'dhaan ture kan balaliifamtu.
Paayileetotni ishee suufii guutuu akka qorattoota astironoomii fakkaatu uffachuun seenu.
Caccabaa qaama afuuffee basaasa Chaayinaa garba Atilaantik keessaa funaanuun Jimaata xumurame.
Caccabaan afuuffichaa boordii isaa dabalatee akka qoratame Pirees Sekireetariin I/aanaa Peentaagon Saabrinaa Siingii himaniiru.












