Iraan namoota lama 'amantii arrabsan' jette du'aan adabde

Madda suuraa, NURPHOTO
Iraan namoota ''Quraana gubuufi Nabiyyii Islaamaa arrabsuun,'' yakkamtoota jette du'aan adabuu qaamni haqaa biyyattii hime.
Yooseef Mehidaad fi Saadroollaa Faazeelii Zaaree miidiyaa hawaasaa garaagaraa banuun ''amanti Waaqni hin jiru jedhuufi qulqullummaa isaa sarbu'' adeemsisaa turan jechuun qondaalli qaama haqaa biyyattii Mizaan himan.
Abukaatoon Mehidaad balleessaa akka hin qabne hamma dhumaatti falmaafii turan, murtoon kennames sirrii mitii jedhu.
Dhaabonni mirgaaf falman ajjeefamuu namoota kanaa, ''gochaa suukaneessaa mootummaa bara gidduugalaatti hafeen hojjetuun taasifame,'' jedhan.
Riippaabliikii Islaamaa mormiin keessatti adeemaa ture keessatti namoota du'aan adabuun baay'achaa adeemus amantii arrabsuun du'aan adabamuun garuu baayyee hin turre.
Akka Mizaan jedhanitti Yooseef Mehidaad fi Saadroollaa Faazeelii Zaaree mana hidhaa Araak gidduugalaa Iraanitti argamutti fannifaman.
Jarri lameen chaanaalii Telegiraamii, ''Qeeqa amantii'' qabaachuun himataman, ''qofaatti hidhamaa akka turanis,'' Tajaajilli Oduu Rogeeyyii Mirga Namoomaa Iraan himeera.
Manni murtii olaanaa murtoo kennamerratti ol iyyannoo dhiyaate kufifisuun murtoo du'aa itti raggaase, ''namooti lameen kunneen yakka isaanii amananii turan,'' jedhan Mizaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yooseef Mehidaad fi Saadroollaa Faazeelii Zaaree bara 2021tti adabbii du'aan alatti, ''nageenya biyyaaf garee yaaddoo tahu hogganuun hidhaan waggaa ja'aas irratti muree ture,'' jedhe dhaabbatichi.
Gareewwan mirga namoomaaf falman manni murtii adeemsa haqaa otoo hin fayydamiin namoota 'dirqamaafi dararaadhaan balleessaa akka tahan amansiisuu,'' jedhan.
Daareektarri garee Mirga Namoomaa Iraan Noorweeyitti argamuu Mahaamuud Amiirii Mohaaddam, ''du'aan adabamuun namoota lamaan kanaa suukaneessaafi bittaa bara gidduugalaatti hafe dha, dabalataan bilisummaa of ibsuuf arrabsoo dha,'' jedhan
''Ajjeechaan namoota kanaa hariiroo Rippaabliika Islaamaa kanaafi biyyoota bilisummaa of ibsuu kabajan gidduu jiruuf haala murteessaa dha.
Hawaasani addunyaa dhimma kanarratti deebii jabaa kennuu dhabuun Iraaniifi biyyoota gochaa kana akka itti fufan jajjabeessa,'' jedhan.
Iraan lakkoofsa namoota waggaatti du'aan adabamaniin Chaayinaatti aantee lammaffaa irra jirti.
Akka Mirgi Namoomaa Iraan jedhutti jalqabaa waggaa kanaa kaasee namoonni 200 ol du'aan adabamaniiru
Gareen kuni lakkoofsi namoota du'aan adabamanii kan waggaa darberraa harka 75nin dabaleera, kunis shamarree Maahsaa Amiinii Fulbaana darbe mana hidhaatti ajjeefamteen mormii irratti ka'eef qondaaloti biyyattii''sodaa facaasuu'' waan barbaadaniifi jedhe.












