Ilmoon amaaqexaa mormitoota Iraaniif abdii ture du’e

Maxxanfame

Lammileen Iraan ilmoon amaaqexa (cheettah) Eeshiyaa Piruuz jedhamu du’usaatti gaddan.

Amaaqexi kun mallattoo abdii mormitoota mootummaa Iraan ta’ee ture.

Maqaan ilmoo amaaqexa kanaa 'Piruuz' jedhama, hiiknisaa 'injifannoo' jechuudha.

Piruuz rakko fayyaa hamtuu keessa darbee erga lubbuun jiraate booda miidiyaalee hawaasaarratti ijoo dubbii ta’ee ture.

Amaaqexi Piruuz jedhamu kun kaleen isaa hojii dhaabuun ji’a darbe kana kilinika Teheraanitti argamutti du’e.

Du’a amaaqexa kanaa hordofuun namoonni hedduun miidiyaa hawaasaarratti dhaamsa gaddaa dabarfataa turan.

Mormitoonni mootummaa Iraan ilmoo amaaqexaa kana akka mallattoo kutannoofi jajjabinaa isaaniif ta’eetti ilaalu turan.

Iraan Fulbaanaa darbeerraa kaasee mormiin mootummaa Iraaanirratti jabaate gaggeeffamaa kan ture.

Mormiin biyyattii keessatti kan jabaate dubartiin poolisii naamusa kabachiisa jedhame erga to’ate booda du’uu hordofuun ture.

Lammiileen Iraan miliyoonaan lakkaa’aman jalqabarraa kaasanii haala ilmoon amaaqexaa Piruuz jedhamu keessa jiru karaa toora intarneetii fi miidiyaa hordofaa turan.

Amaaqexi namatti hin madaqne 12 Iraan keessa jiru jedhame kan yaadamu yoo ta’u, amaaqexi due’ kun kanneen sanyiin isaanii baduuf qarree gahe keessaa tokko ture jedhu qondaaltonni biyyattii.

Amaaqxi mallattoo Iraan ittiin boontu.

Amaaqexi walaaloo Pershiyaa keessatti eeramu, akkasuma fakkiirratti agarsiifamu.

Siramuyyuu hidhannoo ispoortii kilaabii biyyaalessa Iraan irratti mallattoo saffisaa fi annisaatti fakkeessuuf ittigargaaramu.

Haa ta’u malee, Piruuz mirga isaaf falmachuun beekame.

Bara 2022 haatii amaaqexa kanaa 'Iraan' jedhamtee moggaafamuun iddoo tursiisa bineensotaa Kaaba Dhihaa Iraanitti argamu Turanitti geeffamte ture.

Sana booda Iraan ilmaan sadii dhalte.

Ilmaan sadanuu wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin dhalatan.

Haa ta’u malee, Iraan ilmaan ishee sadan hin simanne.

Pirizedantiin Waldaa Hakiimota Bineeldotaa Dr Payaam Mohebii, ‘’Iraan ilmaan ishee addaan baaftee hin hubattu, ofirraa dhiibdi,’’ jedhan.

Lammileen Iraan ilmaan amaaqexaa kunneen soorata dhabuu fi qaamnisaanii hojii dhaabee wayita du’an hordofaa turan.

Namoonni hedduun du’aa ilmaan amaaqexaa kanaatti dheekamuufi balaaleffachuun akkasuma quqama kunuunsa naannoof qaban qondaaltoota biyyattii himataa turan.

Haa ta’uu malee carraa Piruuz du’aa oolu inuma jira ture.

Alireza Shahridarii rogeessa kunuunsa naannoo yoo ta’u, ilmoo amaaqexaa kana kunuunsa ture.

Ilmoon amaaqexaa halkan Piruuz jedhamu kun Shahridariin bira ciisa ture.

Viidiyoon wayita Piruuz Shahridarii cina ciisu agarsiisu miidyaa hawaasaarratti namoota hedduun daawwatamuun, qalbii lammilee Iraan miliyoonatti lakkaa’amanii booji’ee ture.

Wayita mormiin Iraan keessatti dhalatu Piruuz umriisa ji’a shan ture.

Yeroo sanayyuu rakkoo fayyaa hedduun dararamaa ture du’a ooletu himama ture.

Maqaa fi haalli umaama Piruuz mallattoo jajjabinaa mormitoota sirna bulchiinsa mootummaa biyyattii ta’ee ture.

Piruuz rakkoo danuu dandamachuun du’a ooluun isaa sirba wallee Iraan Shervin Hajipuur, kan badhaasa Giraami injifate’’Baray’’ keessatti caqasameera.