Sudaan Kibbaatti qarqaarsi UN dhaabbachuu hordofee beelaan lubbuun namaa darbe

Madda suuraa, AFP
Sudaan Kibbaatti guyyoota lamaan darbanitti daa'imman lama dabalatee lubbuun namoota sadii hanqina nyaataan darbe.
Kunis kan tahe kutaa biyyaa kaaba biyyattiitti argamtu Warrap jedhamtutti ennaa tahu, oduun kan dhagahame gargaarsi nyaataa UN irraa dhaabbachuu isaa hordofeeti.
Anga'aan Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP) tokko BBCf akka mirkaneessanitti, dhaabbanni isaanii guutuu biyyattiitti nyaata raabsuu dhaabeera. Qarqaarsa isa dhumaas torban tokkoon dura raabsuu himan.
Kunis uummata biyyattii %60 ol tahu beelaaf akka saaxilamu taasiseera. Kanaanis gariin biqiltoota bishaan keessa margan (water lillies) fi biqiltuuwwan kaan akka sooratan taasisaa jira.
WFPn jalqaba ji'a dabre keessa hanqina bajataa cimaarraa kan ka'e, kanneen deeggarsi isaan barbaachisuuf raabsaa nyaataa taasisu akka dhaabu himee ture.
Ibsa Waxabajjii 14 gubbaa baaseen ''qarqaarsa nyaataa dhaabuun dura filannoowwan jiran hunda ilaalleera,'' jechuun, 2021 keessa qarqaarsa taasisu walakkaan hir'isuusaa hime. Kanaanis maatiin nyaanni dhiyaachaa tureef akka xiqqeessu taasisuusaa ibse.
Dhaabbanni UN kun ''2022 keessa namoota hanqina nyaataaf saaxilaman miiliyoona jaha qarqaaruuf,'' dollaarri Amerikaa miiliyoona 426 na barbaachisa jedheera.
Haa tahu malee sababa arjoomtonni xiyyeeffannoo isaanii gara waraana Raashiyaafi Yukireenitti deebisaniif, maallaqni barbachisu kun argamuu hin dandeenye.
Waldhibdee kanaan gatiin nyaataafi boba'aa akkaan kan olka'e oggaa tahu, dhaabni UN kun nyaata barbaachisu bituuf guddoo rakkate.
Gatiin meeshaalees %100 siqutti kan dabalan ennaa tahu, kunis cancalli dhiyeessii addunyaa waraana kanaan danqamuu isaatiin jedhameera.
Kanarra darbees Sudaan Kibbaatti haalicha kan hammeesse, waqtii afur walitti aansuun rooba cimaa mudateen, manneenii fi oyiruun lolaan manca'an - kuma kudhaniin kan lakka'manis qe'eerraa buqqise.
Biyyattii addunyaarra umurii xiqqaa qabdu kana keessatti, kutaaleen biyyaa hedduun biroo hongee fi walitti bu'insi hawaasa gidduu uumamu isaan yaaddeseera.












