Raashiyaatti manneen amantaa fi bakki waaqeffannaa haleelamuun poolisoota 15 dabalatee namoonni 20 du'an
Raashiyaa bulchiinsa Riippablika Kaaba Kaakaas Daagestan keessatti haleellaan namoota eenyummaansaanii hin beekamneen bataskaanootaafi iddoowwan waaqeffannaa irratti raawwatameen namoonni 20 ta'an ajjeefaman.
Hidhattoonni kunneen manneen amantaa Ortodoksiifi eddoowwan sagadaa warra Ayihudootaa kanneen magaalota Darbantiifi Maakhaachkaalaa keessatti argaman irratti xiyyeeffatan.
Namoota du'an keessatti poolisoonni 15 oliifi namoonni nagaa hedduu kan argaman yoo ta'u, kanneen haleellicha raawwatan keessaa ammoo jaha ajjeeffamuufi kan hafanis poolisiidhaan adamfamaa jiraachuun himameera.
Eenyummaan namoota haleellaa kana raawwatanii adda kan hin baafamne yoo ta'u, garuu ammoo Daagestaan kanaan dura bakka haleellaan hidhattoota Islaamaa irratti raawwatamedha.
Haleellaa guyyaa Dilabataa kanaan waldaaleen lamaafi eddoo kadhannaa warra Ayihudootaa tokko irratti xiyyeeffatameera.
Magaalaa guddoo Daagestaan kan taatee Maakhaachkaalaa keessatti lubni bataskaana Ortodoksii tokko ajjeeffamaniiru.
Odeeffannoon miseensoonni poolisii 15 ol ajjeeffaman jedhu kunis dursaa Riippablika Daagestaan, Sargee Meelikooviin kenname.
Akkasumas, Luba Abbaa Niilolaa, kan waggoota 40 oliif Darbeent keessa tajaajiluusaanii himan dabalatee, namoonni nagaa hedduun lubbuu dhabuus himaniiru.
Aab Meliikoov Wiixata irraa kaasee gadda guyyaa sadii labsaniiru.
Eenyummaa namoota haleellaa raawwatanii adda kan hin baanee yoo ta'u, garuu ammoo viidiyoon Teelegraamirratti maxxanfamerratti Meliinkoov, ''haleellaa dhaabbata shororkeessitootaa duuba eenyuu akka jiru nutis beekna. Galmiisaanii maal akka ta'e ni beekna,'' jedhan osoo ibsa bal'aa hin kenniin.
Waraabbiin viidiyoo miidiyaa hawaasaarratti maxxanfame, osoo konkolaattoonni tajaajila balaa yeroo tasaa bakkicha hin qaqabiin dura, namoonni uffata gurraacha uffatan yoo konkolaataawwan poolisiirratti dhukaasan agarsiisa.
Darbant, bakka hawaasni warra Yihudootaa durii keessa jiraatanitti, hidhattoonni mana sagadaafi bataskaana haleeluun, sana booda ibiddaan gubaman.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ganda Sargookaal jedhamutti ammoo konkolaataa poolisii tokkorrattis haleellaan raawwatamuun gabaafameera.
Erga gabaasni ilmaan itti gaafatamaa kutaa Sargokaalinsky kan dhiheenya Maakhachkalaatti argamu, Maagomed Oomaarov, lama namoota haleellaa Wiixata raawwatan keessaa jiraachunsaanii agarsiisuu baheen booda poolisiin to'annoo jala oolfameera.
Ejjansiin oduu Raashiyaa Wiixata gaman akka gabaaseetti, haleellaan kunis erga hojiin farra shororkeessummaa jalqabame xumura irra ga’ee boodadha jedheera.
Kutaalee hiyyeettii Raashiyaa keessaa tokko kan taate Daagestaan, rippabiliika Musliimoota baay’inaan keessa jiraattudha.
Baatiiwwan muraasaan dura hidhattoonni jidduugala gabaa dhiheenya Mooskootti argamurratti haleellaa raawwachunsaanii ni yaadatama.
Haleellaa sanaafis IS itti gaafatamummaa fudhatulleen Pirezidanti Vilaadmiir Puutiin amantaan Raashiyaa wan danda’uu fi biyya namoonni sanyii hedduu qaban tokkummaan keessa jiraatan waan taateef, biyya qiyyeeffannaa markaneesitoota Islaamaa hin taatu jedhanii ture.
Aanga’oonni Raashiyaa haleellaa dhiheenya Mooskootti raawwatame kan qindeessan Yukireeniifi ‘‘gamtaa warra lixaati’’ amantaa jedhu akka qaban irra deddebiin ibsu













