Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ramaddii Shaampiyoons Liigii: Baarseloonaa morkii cimaatu eeggata, kileboota Ingiliz hoo?
Ramaddiin dorgommii Shaampiyoons Liigii kaleessa galgala bahe.
Sirna ramaddii Shaampiyoonsi Liigii Istaanbulitti gaggeeffame irratti taphatootafi leenjistootni cicimoo bara dorgommii 21/22 dhiiraafi dhalaan badhaafamaniiru.
Leenjisaan Riyaal Maadirid Kaarloo Anchelootii leenjisaa cimaa bara dorgommii darbee tahuun filataman.
Anchelootiin waancaa Laaliigaafi Shaampiyoons Liigii bara 2021/22 mo’ataniiru.
Dubartootaan ammoo leenjistuu garee biyyaalessaa Ingilaand Saariinaa Wiigmaantu filatame.
Kaarim Beenzeemaan taphataa cimaa bara 2021/22 tahuun filatameera. Dubartootaan taphattuu sarara gidduu Baarseloonaa Aleeksi Puutelaatu filatame.
Gara ramaddii kilebootaatti yoo deebinu, shaampiyoonaan bara darbe Riyaal Maadiriid kilaba Iskootilaandi waggoota kudhan booda dorgommichatti deebe Seltik waliin garee tokkotti ramadaman.
Cheelsii ammoo shaampiyoonaa Serie A Xaaliyaanii AC Miilaan waliin garee tokkotti ramadaman.
Kilabni biyya Jarman Baayerni Munik, Baarseloonaa fi Intermiilan waliin garee tokkotti ramadaman.
Gareen kun garee kilebootni cicimoon itti wal argan taheera.
Kana dura dorgommii Shaampiyoonsi Liigii irratti galchee hedduu Baayern Muunikiif lakkoofsisaa kan ture Rooberti Lewaandowiskiin Baarseloonaa waliin kilaba isaa durii morkata.
Taphataan sarara duraa Maanchister Siitii Erlingi Haalaandi kilaba isaa duraanii Boorushiyaa Doortimoondi morkata.
Garee A: Ayaaksi, Liiverpuul, Naappolii fi Reenjersi
Garee B: Poortoo, Atileetikoo Maadirid, Baayer Liverkusen, Kilab Biruujis
Garee C: Baayern Munik, Baarseloonaa. Intermiilaan fi Viktooriyaa Pilaazen
Garee D: Intiraakti Firaankifarti, Tootenahaam, Ispoortiingi Liisban fi Maarsee
Garee E: AC Miilaan, Cheelsii, RB Salzibargi, Dinaamo Zaagireb
Garee F: Ritaal Maadirid, RB Leepzhiig, Shaaktar Doneski, Seeltik
Garee G: Maanchister Siitii, Siiviyaa, Boorushiyaa Doortimoondi, fi FC Kooppenhaagen
Garee H: Paaris Siyeenti Jerman [PSG], Juuvantas, Beenifikaa fi Makaabii Haayifaa
Taphootni shaampiyoonsi Liigii marsaa jalqabaa Fulbaana 6 fi Sadaasa 2 gidduutti gaggeeffamaa turu.
Dorgommiin xumura waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara kana Turkiyyee [Turkii] istaadiyeemii Ataturki Olompik Istaadiyeem jedhamu Istaanbul jirutti Waxabajji 10,2023 gaggeeffama.
Renjersi gulaallii irratti PSV mo’achuun waggoota 12 booda dorgommichatti deebi’e.
Garee isaa keessatti yeroo jaha shaampiyoonaa kan tahe Liiverpuulii fi Naappoolii akasuma kilaba Nezerlaandis Ayaaksi waliin morkata.
Yeroo 14 mo’achuun rikardii kan qabu Riyaal Maadirid garee salphaa tahe wlaiin ramadame. Seltik fi RB Leepzhiig waliin morkii taasisa.
Kilabootni Ingilizii Maan Siitii, Liiverpuuliifi Cheelsii akkasumas Tootenahaam garee isaanii keessaa salphaatti darbuuf carraa qabu.
Chelsiin kilaba Xaaliyaanii shaampiyoonaa tahe AC Miilaan waliin morkii jabaa taasisa. Tahus gareen Toomaas Tuuhel garee isaa keessaa darba jedhamee eegama.
Tapha cimaan biraa eegamu Juvantasii fi PSG gidduutti kan gaggeeffamudha.
Baarseloonaa, Inter Miilaanii fi Baayrni Munik waliigala waancaa Shaampiyoonsi Liigii yeroo 14 mo’ataniiru.
Garuu garee tokko keessatti ramadamuun isaanii marsaa itti aanutti darbuuf kileboota gurguddoo kana keessaa tokko carraa hafuu qaba.