Namichi 'Shaneetu na uggure' jechuun sobaan hadhawarraasaarraa birrii kuma 500 fudhate to'atame

Madda suuraa, FDRE Defense Force
Namichi "Shaneetu na ugguree maallaqa na gaafate" jechuun haadha warraasarraa birrii 500,000 fudhate to'annaa jala oole.
Jiraataa magaala Asoosaa kan ta'e shakkamaan Gabratinsaayi Taklaayi jedhamu hidhattoonni waan butan fakkeessun sobaan haadha warraasaarraa birrii 500,000 fudhate to'annaa jala oolee Waajjira Poolisii Magaala Naqamteetti kennamuu Raayyan Ittisaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti ibse.
Odeeffannoon fuula facebook Raayyaa Ittisaa irratti ibsame akka agarsiisutti, Obbo Gabratinsaayi Taklaayi magaala Asoosaa irraa ka'uun gara magaala Naqamteetti imaluun, hoteela keessa buufatee osoo jiruu "Shanaatu na ugguree maallaqa na gaafate" jechuun haati warraa isaa maallaqa akka ergituuf itti bilbilchiisa.
Hidhattoonni waan butan fakkeessuf ammoo hojjattoota hoteela keessa buufatee keessaa dargaggoo ganna 21 kan ta'e, nama Gammachuu Yohaannis jedhamu waliin waliigalan. Gammachuun akka miseensa hidhattootatti 'diraamaa' kana keessatti akka hirmaatuf Obbo Gabratinsaayin irraa birriin 25,000 waadaa galameefira jedha odeffannoon kun.
Bifa kanaan diraaman eegale. Obbo Gabratinsaayi haadha warraasaa magaala Asoosaa jirtu Aadde Zannabach Bariheetti bilbiluun "Shaneedhaan butameera" jedhee bilbilasaa cufa.
Sa'aatii 24 booda Gammachuun hojii waadaa galameef eegale- hidhattoota fakkaatee bilbiluun maallaqa 'hanga kana yeroo hanganaa keessatti galchi' jechuun Aadde Zannabachitti bilbile.
"Nuti Oneeg Shaneedha, [abbaa warraa kee] uggurree jirra. Birrii 800,000 yoo galchuu baatte abbaa warraa kee lubbuun hin argattu," jedheen.
Dhuguma abbaan warraashee ugguramee lubbuunsaa yaaddoo keessa waan jiru kan itti fakkaate Aadde Zannabach, "Maaloo abbaa ijoollee koo na jalaa hin ajjeesinaa, hamman argadhe isiniifan kennaa," jechuun deebii laatti.
Raayyaan ittisaa akka ibsetti, odeeffannoo kana akkuma argateen hordoffii eegale. Adde Zannabach abbaawareeshee oolchuf jecha kan qabduufi firootarraa maallaqa walitti sassaabuu eegalte- walumatti birrii 500,000 erguuf qopheessite.
Dargaggoo Gammachuun guyyaa lammaffatti bilbilee "abbaa warree kee lubbuusaa hin barbaaduu?" jedhee gaafata. Adde Zanabachis birrii 500,000 akka qopheessite itti himuun abbaan warraashee akka gadi lakkifamu gaafatti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raayyan ittisaa akka ibsetti, Obbo Gabratinsaayi fi dargaggoo Gammachuun maallaqa jedhameen akka waliigalan erga murteessanii booda maallaqicha lakkoofsa baankii irratti galchituu itti himu- birriin 500,0000 maqaa dargaggoo Gammachuutin baankitti ergame.
Kun hundi yeroo ta'u, rayyaan ittisaa hordoofaa akka ture ibse.
Raayyan ittisaa akka jedhutti, Obbo Gabratinsaayi "Shaneetu na uggure" jechuun sobee haadha warraasaarraa mallaqa fudhachuuf kan murteesse, mucaa durbaa haadha warraasaa Addee Zannabach waliin osoo walitti hin dhufin dura godhatee ture gargaaruf.
Dhumarrattis rayyaan ittisaa hordoffii gochaa tureen namoota 'diraamaa ugguraafi ugguramaa' irratti hirmaachun shakkaman lamaanuu: Obbo Gabratinsaayi Taklaayifi dargaggoo Gammachuu Yohaannis to'annaa jala oolchun waajjira poolisii magaala Naqamtettii kennuu beeksise.
Akkasumas maallaqni ergame haadha warraa shakkamaa kanaaf akka deebi'u gochuus ibse.
Obbo Gabratinsaayi Taklaayi fi Addee Zannabach Barihee waggoota 14'f gaa'elaan wajjin jiraachuuf ijoollee afur waliin horachuusaanii ibsa odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa irratti ibsame kun.
Itoophiyaa keessa bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiran, keessumaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessatti namoonni butamanii maallaqa guddaa gaafatamuun baramaa dhufeera.
Torbeedhuma kana naannoo Oromiyaa, Godiina Shawaa Kaabaa keessatti barattoonni 100 ol butamuun isaanii gabaafameera.
Itoophiyaa keessatti maallaqa argachuuf jecha namoota nagaa fi barattoota butuun akka dhaabatu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ameerikaa Hervin Maasingaa torbee kana keessa waamicha taasisuun isaanii ni yaadatama.












