NATOn meeshaalee waraanaa dabalataa Yukireeniif kennuufi

Madda suuraa, ANADOLU AGENCY VIA GETTY IMAGES
Dhaabbatni Wal-ta'insa Atilaantikii kaabaa (NATO)'n meeshaalee waraana dabalataa Yukireeniif dhiyeessuuf waadaa seene.
Akkasumas bu'uuraalee misoomaa kanneen akka annisaa misaa'ela fi dirooniiwwan Raashiyaatin barbadaa'an suphuuf deeggarsa nan godha jedheera.
Barreessaa olaanaa NATO kan ta'an Yeens Istoltenbarg akka walgahii Buchaarestitti gaggeeffame irratti Raashiyaan "waqtii gannaa akka meeshaa waraanatti itti fayyadamte" jedhan.
Haleellaan misaa'elaa fi dirooniwwanii Raasiyaan bu'uuraalee annisaa irratti qiyyaafachuun gaggeessite lammiilee Yukireen miliyeenaan lakkaa'aman dukkana keessatti hambise.
Ji'oota arfan darbaniif Yukireen deeggarsa farra haleellaa qilleensarraa ammayyaa gaafataa turte.
Akka walii galtee Jeneevaatti bu'uuraalee misoomaa jireenya namaaf murteessoo ta'an irratti haleellaa raawwachuun akka yakka waraanatti ilaalama.
Walgahii ministeeronni haqaa biyyoota dureeyyii G7 jedhamanii Barliinitti taa'an irratti yakka waraana Yukireen irratti dalagame qorachuu irratti deeggarsa akka taasisan walii galanii turan.
Raashiyaan garuu yakka waraanaa homaatuu hin raawwanne jechuun waakkatti.
Giiftii Dureen pirezidantii Yukireen Olenaa Zelenisky haalli amma lammiilen Yukireen itti jiran Waraana Addunyaa Lammaffa irratti akkuma Naazin Landon irratti xiyyeeffachuun barbadeessen wal fakkaata jedhan.
"Kan nuti barbaannu mo'achuu qofa osoo hin taane, haqas ni barbaanna," jechuun dubbatan.
Walgahii ministeeronni dhimma alaa NATO guyyoota lamaaf Romaaniyaatti taa'amu irratti barreessaa olaanaa dhaabbatichaa kan ta'an Yeens Istooltenbarg akkana jedhan:
"Raashiyaan dirree waraanaa irratti mo'amaa jirti. Waraana mo'achuu waan hin dandeenyef amma bu'uuraalee hawaasa nagaa fi magaalota irratti haleellaa raawwataa jirti" jedhan.
Ministeerri dhimma alaa UK Jeems Kileevarlii gama isaanin Raashiyaan "Yukireenota harka kennachiisuuf kana gooti" jedhan.

Madda suuraa, EPA
NATOn ibsa kaleessa baasen haleellan Raashiyaan lammiilee nagaa fi bu'uuraalee annisaa irratti raawwattu "tajaajilawwan lammiilee miliyeenotaa kan hammeessudha" jedhe.
Miseensonni NATO bu'uuraalee anniisaa Yukireen miidhaan irra gahe deebisanii akka suphan ibsi NATO kun ni hima.
Qondaalli NATO ministeera dhimma alaa Yukireen waliin ta'uun ibsa kennaniin: "Hanga dhumaatti Yukireen bira dhaabanna malee rakkootti dhiisnee biraa hin gallu" jedhan.
Ministeera dhimma alaa Yukireen kan ta'an Kuleeban, "Waan kanaan dura godhameef isin galateeffanna, garuu waraanni ammayyuu itti fufee jira. Murteen meeshaalee waraanaa fi toora oomishaa irratti taasifamu saffisuu qaba," jedhan.
Ministeerri dhimma alaa Istooniyaa Urmas Rainsalu BBCtti akka himanitti NATOn misaa'elota hanga daangaa Raashiyaa keessa qaqqabuun haleellaa raawwatan Yukireenif kennuu akka qabu dubbatan.












