Attamiin karaa seera-qabeessa ta'een gara UK'tti imaluun danda'ama?

Godaantota

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Wantoota namoota siyaasaa Yunaayitid Kingidam (UK) fi warra imaammata baasan yaaddessaa jiran keessaa tokko dhimma godaantotaati.

UKn godaansa seeraan ala jettu to'achuudhaaf seera kan baaste yoo ta'u, dhumarra gahees paarlaamaa biyyattiifis dhiyaateera.

Haata'u malee, adeemsi isaa salphaa hin taane, wixineen seeraa kun paarlaamaa keessatti qormaanni mudhachaa jiraachuun himameera.

Wixineen seeraa qophaa'e kunis godaantota karaa Firaans bidiruuwwan xixiqqaatiin gara UK galan dhaabsisuuf kaayyoo kan godhatedha.

Bara darbe keessa lakkoofsa godaantotaa olaanaadha jedhame gara biyyattii seenuu hordofeetu wixineen seeraa kun kan qophaa'e.

Wixineen seeraa kun maal qabateera? Godaantotarratti dhiibbaa akkamii qabqqabsiisa? Akkasumallee, qormaata akkamiitu wixinee seeraa kana mudate? Gaaffiiwwan jedhaman ilaalla.

Jalqabarratti garuu godaantonni karaa seera-qabeessa gara UK akkamiin akka deemuu danda'an ilaalla.

Imaltoota nageenyi isaanii eegameefi seera-qabeessa ta'an

Dhimmi godaantotaa kan isa ilaallatu waajirri dhimmoota biyya keessa UK 'Home Office' jedhamu warra gara UK dhufuu barbaadaniif karaawwan "nageenyi isaa eegameefi seera-qabeessa ta'e" akka jiran cimsee yeroo beeksisu ni dhaga'ama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haata'u malee, sagantaawwan mootummaa tokko tokko godaantota biyyoota akka Afgaanistaaniifi Yukireen keessaa dhufaniif qofa kan mrutaa'anidha.

Karaawwan biroo ammoo godaantota muraasa kan fudhatanidha. Hanga ji'a Bitootessaa darbeetti lakkoofsaafi karaawwan UKn godaantota ittiin fudhatte yaa ilaallu.

  • Sagantaa UK debisanii qubachiisuu (Resettlment Scheme)- Sagantaan kun biyyoota waraanaafi walitti bu'insaan gaaga'amaa jiraniif dursa kenna. Sagantaa kanaan gaaffiin kolu-galtummaa namoota 1056 ta'an fudhatama argateera.
  • Sagantaa ispoonsara hawaasaa (Community Spornsorship Scheme) - Sagantaan kun namoonni walitti qabamanii ykn hawaasni godaantota gargaaraan, akkasumas karaa ittiin ispoonsara godhanidha. Godaantonni akka aadaafi duudhaa baratan gochuu dabalatee deeggarsa afaaniifi kaan taasisuun UK keessatti jireenya isaanii akka ijaarratan sagantaa waloon ta'uun ittiin deegaranidha. Sagantaa kanaan namoonni 309 fayyadamoo ta'aniiru.
  • Sagantaa godaantota maatii isaanii waliin walitti fiduu (Refugee Family Reunited Scheme) - godaantonni UK keessatti lammummaa argatan ykn eegumsi taasifameef ijoollee isaanii waggaa 18 gadi ta'an, akkasumas michuwwan gaa'elaa isaanii sagantaa ittiin fudhatanidha. Karaa kanaan namoonni 6029 viizaa argataniiru.
  • Itti-gaafatamummaatiin fudhatanii deebisanii qubachiisuu (Mandate Resettlment Scheme) - godaantonni UK keessatti maatii (fira dhiyoo) kan qaban yoo ta'eefi bakka jireenyaa kan kennaniif yoo ta'e sagantaa biyyattiitiin fudhatama itti argatanidha. Hanga ammaatti namoonni ja'a fayyadamtoota carraa kanaa yoo ta'an, bara 2004 irraa kaasee namoonni 430 fudhatama argataniiru.

Erga waraanni Sudaan keessatti banamee booda ijoollee gara UK dhufaniif "karaan naga qabeessaafi seera-qabeessa ta'e" jiraa? Gaaffiin kun Ebala gara dhumaa ministira Immigireeshinii UK Roobart Janriikiif parlaamaa keessatti dhiyaateefidha.

"Gorsa foyyee qabudha jedhee kan dubbadhu namoonni dhimma isaanii ejensii dhimma baqattootaa dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNHCR)ttiakka dhiyeeffatanidha," jechuun deebise.

Nuti ammoo karaa nageenya isaa eeggateefi seera qabeessa ta'een isaan waliin hojjenna," jedhe.

Haata'u malee, UNHCR gama isaatiin, "godaantonni UK keessatti kolu-galtummaa gaafatan karaa UNHCR sababiin ittiin dhufaniif kamiyyu hin jiru,"jedheera.

Godaantota bidiruurra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Lakkoofsa godaantotaa hir'isuudhaaf UK karoora akkamii qabatteetti?

Akka wixinee seeraa bara 2023 gondaantota seeraan alaa ilaallachuun ba'eetti:

  • Dhimma godaantotaa olaantummaan kan to'atu Home Office godaantota seeraan ala gara UK seenan to'annoo jala oolchuu ykn gara Ruwaandaatti ykn gara biyyoota biroo "nageenyi isaanii eegamu" biyya sadaffaatti erguuf itti-gaafatamni kennameeraaf.
  • Godaantonni seeraan ala jedhaman gara UKtti seenanii guyyota jalqabaa 28 keessatti mitgi wabii isaanii hin eegamuuf, akkasumas furmaata seeraa argachuu hin danda'an.
  • Haata'u malee umuriin isaanii waggaa 18 gadi warri ta'an, sababa fayyaatiif deemuu warri hin dandeenye ykn biyya itti deemanitti balaa guddaaf kan saaxilaman yoo ta'e UK keessaa ba'uun isaanii akka turu taasifama.

UKn "karaa amansiisaafi seera qabeessa ta'een" lakkoofsigodaantotaa qubachiiftu waliigaltee haaraa Firaans waliin taasifteen akka daangeffamu taasifmeera.

Waliigalteen kunis godaantonni Firaans qaxxaamuranii gara UKtti akka hin seennee gochuuf qondaaltota eegumsaa dabalataaf, akkasumas ijaarsa bakka tursiisaa akka mana-hidhaatti ilaalamuuf Paawondii miliyoona 500 kaffaluudha. UKn kana Firaansiif waggaa sadii keessatti kaffalti.

Dabalaataan mootummaan UK akka jedhetti, waliiglatee deebisuu Albaaniyaa waliin tgaasifameen bidiruuwwan xixxiqqaatiin gara biyyattii godaantonni seenan hir'ateera.

Wixinee seerichaa irratti paarlaamaan jijjiirama akkamii taasise?

Miseensonni mana-maree tokko tokko wixinee seerichaa irratti jijiiramni akka taasifamuuf dhiibbaa gochuu hordofee fooyya'insi tokko tokko taasifamaniiru.

Tokko kan dhiyaate gara UK dhufuudhaaf kan dandeessisu, karaawwan "nageenyi isaanii eegameefi seera-qabeessu" jedhamaniif mootummaan ragaa dhiyeessuu qaba kan jedhudha.

Akkuma kanakaraawwan kunneen carraa ittiin bal'achuu danda'an kan jedhu o=yoo ta'u, kan biraan ammoo godaantota garbummaa ammayyaatiif saaxilameerra jedhaniif dahoofi eegumsa kan ilaallatu keewwanni wixinee seerichaa keessa akka galu yaadni dhiyaateera.

Mana-maree keessatti sagalee dhumaa kennuu keessatti qeequmsa miseensota warra leellistoota ta'an tokko tokkoon irratti ka'us, miseensonni mana=maree fooyya'insa dhiyaate fudhatama akka argataniin murteen darbeera.

Dabalataanis mootummaan daa'immaniifi dubartoota ulfaa yeroo to'annoo jala tursiisu itti daangessuufi jijjiiramoota biroos akka itti dabalame beeksiseera.

Wixineen seeraa kun irra deebiin paarlaamaatti dhiyaatee miseensonni paarlaamaa fooyya'insa taasifame qoratu.

Warra godaantonni akka kolu-galtummaa hin arganne morman

Seerri idil-addunyaa waa'ee godaantotaa maal jedha?

Wixinee UK godaantonni ittiin kolu-galtummaa gaafatan kan morman, dhaabbileen akka mana-maree godaantutaa kun seera idil-addunyaa cabsuuf balaa kan uumudha jechuun qeequ.

Seerri waliigaltee godaantotaa bara 1951 bahe dhimma ijoo godhee kan kaa'u godaantonni jireenya isaanifis ta'e bilisummaa isaaniitiif yaaddoo qabna gara biyyoota jedhanitti deefamuu hin qaban jedha.

Mootummaan UK garuu dhimmi kolu-galtummaa isaanii akka ilaalamuuf godaantota gara Ruwaandaatti erguun seera idil-addunyaa waliin wal hin falleessu jedha.

Haata'u malee, manni-murtii dhaddachi ol iyyannoo godaantota gara Ruwaandaatti erguun seeraan ala akka ta'eefi waliigaltee mirgoota namoomaa Awurooppaa keewwata 3 cabsuu akka danda;u eeruun ji'a Waxabajjii darbe murtee dabarseera.

Mootummaan UK murtee kana ol iyyachuun gara mana-murtiitti akka geessu beeksiseera.