Bunni Sidaamaa kiiloon tokko maaliif hanga birria kuma 42’tti gurgurame?

Maxxanfame

Waggootiin sadan darban buna Sidaamaaf, bara 'bunni warqeen caala' ittiin of jedhe turani.

Kana duuba ammoo maqaan namoota sadii dursee sammuutti dhufa.

Nugusee Gammadaa, Taammiruu Taaddasaafi Laggasaa Baxoosaadha.

Namootni sadanuu buna Sidaamaa qabatanii wal dorgommiif dhiyaatanis hin dabarre. Wal dorgommiin bunaa kun Kaap of eksalans (cup of excellence) jedhama.

Dorgommiin kun qulqullinaan adda baasa, sana booda caalbaasii idil-addunyatti gabaaf dhiyeessa. 

Nuguseen buna kiiloo tokkoo isaa doolara 407’n gurgureera. Bunni Taammiruu ammoo doolara 330’n gurgurama jedhame gatiin baafameeraaf. 

Bunni Laggasaa ammoo kan lamaaniirra caalee kiiloon tokko doolaaraa 884.10’n gurgurameera.

Bunni Itoophiyaa gatii akkanaan gurguramee hin beeku. Bunni kiiloo tokko birria kuma 42 fi 236’n gurgurame jechuudha.

Galatni milkaa’ina isaa “rifoormii dhimma buna, shaayii fi mi’eessituu (qimamii) irratti taasifameedha” kan jedhan daariktara Dhaabbata Misoomaa fi Eegumsa Bunaa, Fuduraa fi Mi’eessituu naannoo Sidaamaa Obbo Miindaayee Mitikkuu.

Obbo Miindaayeef Kaap of eksalans dorgommiitiin olidha.

“Qonnaan bultootaafis, naannichaafis dorgommii fayyadaa jirudha. Kaka’umsa fi carraa hojiis uumeera.”

“Sirna qonnaan bultoonni fi dhiyeessitoonni kallattiin fayyadamtoota ta’an godhutu diriiree jira.

Kanaanis naannoon Sidaamaa guddaa fayyadamaadha. Waggootii sadii as jijjiiramni bunaa baayyee guddaadha,” jedhu.

Dhugumaanis jijjiiramni jira. Waggaa jalqabaatti qonnaan bulaan dorgomicha injifate amma jireenya biraa jiraachaa jira.

Qonnaan bulaa jedhamuun dabalatee maqaa daldalaa alaa jedhu argateera.

“Kana dura kaappitaala gadi aanaa qaba ture. Dorgommicha booda garuu eeyyama biyya laatti erguu baafate gara daldalaa alaatti guddatee badhaasas argateera.”

Kun seenaa nama tokkoo qofadha. Namootni seenaa walfakkaata qaban lakkoofsi isaanii dabalaa jira.

“Kun qabeenya naannichaadha. Naannichi kanarra bu’aa guddaa argata, galiin isaas ni guddata. Yeroo jireenya qonnaan bultootaa jijjiramu gabaanis kaka’umsa argata.

Carraa hojii uumuu irratti rakkoon guddaan jiru ni furama,” jechuun Obbo Miindaayeen yaada isaanii ibsaniiru. Dorgommii bara kanaa irrattis namootni hedduun hirmaataniiru.

Bara kana ammoo qonnaan bultoonni qofa akka dhiyeessan taasifameera.

Lafa qabanii fi qabiyyee isaanii dhiyeessannii akka dorgoman godhamaniiru.

Dorgommii bara kanaa irratti tokkoffaa fi lammaffaa kan ba’an buna Sidamaadha.

“Tokkoffaa kan ba’e namicha jireenya gadi aanaarra tureefi amma galii birria miiliyoona 22 ol argatedha.” Qulqullinni isaaniis gaarii ture.

Obbo Miindaaye “barana buna qulqullina olaana qabu dhiyeessine. Qonnaan bultonnis haala qulqullina kan fooyyesee fi fuula isaa haala misooma bunatti naannesetu jira,” jedhu.

Bara kana dorgomtota 40’tu marsaa xumuraaf ga’e. Isaan keessaa 14 ammoo naannoo Sidaamaadha.

Buna Sidaamaa maaltu filatamaafi qaalii taasise?

Wanti guddaan qilleensa isaadha. “Baayyee milkaa’aa kan jiru buna naannoo baddaatti biqilanidha,” jedhu Obbo Miindaayeen. 

Inni biraan ammoo buna “orgaanikii” (kan uumamaa) ta’uu isaadha. Kan keemikaalli kamuu itti hin makamne jechuudha.

“Muka gaaddisa qabu. Paakeejii bunaa fayyadamuun isaaniis sababa isa biraadha.

Haalli qilleensaa kan nu gargaare natti fakkaata,” jedhu Obbo Miindaayeen sababootni isaa hedduu ta’uu yeroo ibsan.

Keesumaa bunni naannoo baddaa filatamaa taheera. Gara naannolee Sidaamaa baddaa tahanittis qonni bunaa babal’achaa jira.

Arbagoonaa, Buraa, Dansaafi Arooreesaa ‘buna jechuun kan keessani’ jedhamaniiru. ‘’Iddoowwan biraattis ni babal’ata amantii jedhu qabna. Gara Boonaa fa’ittis ni fayyadamu jennee yaadan,’’ jedhu Obbo Mindaayeen.

Waan nama dhibu naannoleen kunneen kana dura buna hin biqilchan ture. Fakkeenyaaf, dorgommii bunaa bara kanaa Ashannaafii Laggasan aanaa Arbagoonaa jiraata.

Arbagoonaan lafa baayyee ol ka’aadha. ‘’Amma garuu naannolee kanatti kaka‘umsa guddaatu mul’achaa jira.’’

Kana dura, ‘’warqee, qamadii fi garbuu qofa omishu ture.’’ Yeroon geeddaramnaan isaanis geeddaraman, waan omishanis, akkasuma geeddaruu jalqaban.

''Deeggarsi kara warra eksteenshiniin ni godhama. Sanyii bunaa dulloome hojiin bakka buusuu ni hojjetama. Ogeessotaafis deeggarsa leenjii caasaa gubbaa hanga goodaatti ni kennina.’’

''Buna fooyyee qabu akka oomishaniif akkatti dhukkuba irraa ittisan fa'i leenjii argatu,’’ jedhu Obbo Miindaayeen. Yeroo tahe gatiin bunaa gadi bu’e jennaan qonnaa bultoonni gadi taa’aanii waa yaaduu jalqaban.

Maaliin bakka buusna jennee gaafa yaadan kan dhufeefii jimaadha. Jimaan buna rakase sana battalumaan bakka bu’e garuu itti hin fufne ture. Amma immoo dubbiin gara duubaatti deebi’iidha. Bunni natti hin bu’iinaa jechaa jira.

''Jimaafi bardaafii muranii buna dhaabaa kan jiran qonnaan bultoonni baayyeen jiru,’’ jedhu Obbo Mindaayeen.

Bunni kiloon tokko qarshii kuma 40’n gurguramnaan jimaan maal godhaaf. Akka Obbo Mindaayeen jedhanitti, ‘’gatii wajjin jijjiirama fideedha’’

''Kana dura gatii dadhabbii isaanii hin argatan ture. Gabaa gidduugalaatti dhiyeessuuf cancallisaa dheeraa dha. Kanaafi qonnaan bulaanis gara oomishaa biraatti kann galaa ture. Amma erga fooyya’ee booda dha gara oomisha bunaatti kann galani ."

''Gatii akka addunyaatti jiruun guutummaan guutuutti bu’aa qabeessa dha jechuun danda’ama,’’ jedhu Obbo Mindaan.

Dorgommiiwwan kanneen akka ‘Cup execellence’ gabaan bunaa kuni akka fooyya’uuf faayidaa guddaa qabu.

Kanaaf immoo hojimaata karaa Abbaa Taayitaa Bunaafi Shayee Itoophiyaan diriirfame akka sababaatti dhiyeessa.

Qonnaan bultoonnii buna hektaara lamaafi isaa ol qaban sirnaan qopheessanii gara biyya alaatti erguu ni danda’u.

''Oomishaafi oomishtummaa fooyyessuu irratti ni hojjetama. Sirna bittaafi gurgurtaa keessaa hojiin seera-maleessota baasuu illee ni hojjetama.’’

Gareen dhimma kana ittisus jira. Inni kaan immoo dhiyeessii galtee dha. Gama kanaanis jijjiiramni jira jedhu.

''Buna Sidaamaa jenne malee buna Itoophiyaa jechuu dha. Akka naannootti yeroo biyyaattis fayyadamna,’’ jechun ibsu.

Bunni dhaabamee firiii kennuuf wagga sadii gaafata. Garummoo firii sii kennaa wagga 15-18 turuu ni danda’a.

Waggoota dheeraa booda gaafa dulloomu haaromsuun barbaachisa. Kana tahuu baannaa oomishni ni hir’isa. Egaa bunni kana hunda darbeeti kan gara gabaatti kan dhiyaatu.

Obbo Mindaayeen waggaa sadiif, badhaasa ‘Cup of Execellnce’ kan argatan yoo tahu gara fuulduraattis akka mo’atan abdii qabu.

''Kana booda gara duubaatti deebi’uun hin jiru. Dhimma kana waan pireezidantiin naannichaa hogganan gatii taheefi hamma goodaatti xiyyeeffannoon gatii hojjetamu, kana caalaa buufachuu dandeenya,’’ deebii jedhu qabu.