Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Qonnaan bultoota bunaaf hariiroo gabaa idil-addunyaa uumuudha kaayyoon koo'-Kumee Caalchisaa
Kumee Caalchisaa Ciibsaa hundeessituufi hooggantuun dhaabbata Afro-valley jedhamuuti. Dhabbanni ishees qotee bultoota buna oomishan hojiisaanii akka ammayyeessuuf hojjetaa jira.
Haaluma kananis dhiheenya kana yeroo jalqabaatiif qotee bultootaa naannawaa Jimmaafi bittoota idil-addunyaa walitti fiduun gurgurtaa doolaara 500,000 akka raawwatamu BBCtti himte
Kumeen Finfinneetti dhalattuus carraa barnootaa biyya Kanaadaatti argatteen, ogummaa kompiitaraa barachuun Kanaadaa, Singaapoor, Niiw Yoork, Awustiraaliyaa fi UK dabalatee biyyoota jaha keessa sochootee oggummaa ICT’n waggoota 12’f sadarkaa garagaraa irra hojjachu dubbatti.
Barnootashee digirii lammaffaa ammoo gosa barnoota Ikkoonomiksiifi Kalaqaatiin UK, yunivarsiitii Impeeriyaal irraa xumurte. Waraqaan qorannoo ishee yeroo sanaas, “akkamitti seektaroota gara garaa akka daldalaa, turizimiifi geejjibaa walitti fiduun jijjiirama hawaasaa uumuun danda’amurratti kan xiyyeeffate ture. Yaada kanatu akkan gara Itoophiyaatti deebi’ee dhufu na taasise,” jetti Kumeen.
Qabeenyi guddaan biyya alaarraa Itoophiyaatti yaa’u jireenya hawaasni bal’aan dakkatti argamu jijjiiruuf hangas mara hin fayyadne kan jettu Kumeen, “adeemsi kana jijjiiruun barbaachisaa ta’u waanan bareef, gajjallaaatii gara oliitti deemuun filadhe; filannoon kun ammoo qotee bultoota godina Jimmaatti na geesse,” jechuun dubbatti.
Rakkoolee hawaas-dinagdee gama teeknoolojiitiin furuudhaaf dhaabbata ‘Afro-valley’ jedhamu hundeessite. Dhaabbata kana jalattis pirojeektii garagaraa jiraachu ibsiti. Kana keessaa ammoo pirojaktii bunaa kan ‘Bunakoo’ jedhamu naannoo Jimmaatti jalqabu kaafte, gara fulduraatti eddoowwan biraattis bal’isuuf yaada qabaachu kaasti.
Danqaalee ijoo daldala bunaatiin walqabatan sadan
Akka Kumeen dubbattutti, danqaan inni jalqabaa hanqina odeeffannooti. ‘‘Qotee bulaan buna oomishu fedhiifi haala gabaa idil-addunyaa waan hin beekneef, waan gabaan ni barbaada jedhanii yaadan malee waan sirriidhaan barbaadu oomishuu hin danda’an. Sababii kanaanis qotee bulaan gatii dadhabbii isaatiin wal gitu akka hin arganne taasisa,’’ jetti.
Danqaan lammaffaan ammoo rakkoo hirmaachisuu dhabuu ta’uu kaasuun, qotee bulaan akka motota guddaa buna dhiyeessuutti osoo hin taane yeroo mara booddee jira. Odeeffannoo hin qabu waan ta’eef jireenyuma guyyuu isaaniitiif akka rakkatu himti.
Inni sadaffaafi murteessaa rakkoo qulqullinaa fi sona bunaatiin walqabatanidha.
“Qotee bulaan sarara dhiyeessii bunaa ijoo ta’een waan hin hirmaanneef, abbummaa bunaa hin qabaatu. Kanaafu qotee bulaan qulqullina barbaadamuun oomishuu osoo hin taane Kiloodhaan akka gurguru taasiseera. Kun ammoo galii qotee bultoonniifi biyyaattiin buna irraa argachuu malan akka hin arganne godheera” jetti.
Dhaabbanni ‘Bunakoo’ jedhamu kunis rakkoolee olitti ibsaman kanneen adda baasuun qotee bultoota godina Jimmaa 500 ta’an waliin hojjechaa turuu Kumeen BBC’tti himteetti.
Qotee bultoota kallattiin bittoota bunaa idila addunyaan walitti hidhuu
Kaayyooon pirojektiin ''Bunakoo'' inni duraa qotee bultootaafi bittoota idil-addunyaa kallattiidhaan walitti fiduun rakkoolee faddaaltonni uuman furuudha.
Haaluma kanaanis pirojektiin qotee bultoota Jimmaa (Jimma farmers’ empowerment project) Fulbaana 2021 hundeeffamee kun, qotee bultoota aanaalee Gommaafi Geeraa 500 ta’an dadammaqsuun hojii eegale.
“Marsaa jalqabaatiin qotee bultoota kanneen sirna daldalaa (trade system) keenyarratti galmeessine. Qotee bultoonni teessoo e-mail, bilbila harkaa ammayyaa akka qabaatan gochuun, sirna sanarratti akka odeeffannoo gabaa idil-addunyaa argatan taasiseera. Hojiin dijitaalaa mijataa uumuunis milkaa’ina keenya isa dursaati” jetti Kumeen.
Milkaa’inni lammaffaan ammoo hariiroo gabaa idil-addunyaa uumuudha. “Qotee bultoota 500 keessa afurtamman isaanii bittoota bunaa idil-addunyaa waliin hariiroo uumuun akka buna gurguratan gochuu dandeenyeerra. Kunis ji’oota sadii keessaatti qofa bittaafi gurgurtaan hanga doolaara 500,000 ta’u akka raawwatu gargaareera.
‘‘Faayinaansiin Itoophiyaa qotee bultoota ilaalcha keessa waan hin galchineef, bittoonni bunaa idil-addunyaas haalicha hubachuudhaan dursanii akka qotee bultootaaf maallaqa gartokkee kaffalanis gooneerra” jetti.
Gochi kunis haala daldala kanaan dura Itoophiyaa keessatti hin baramne ta’uu kan kaastu Kumeen, “qotee bultoonni marsaa lammaffaarratti maallaqa amma argatan irraa waan qusataniif gurgurachuuf deeggarsa biraa hin barbaadan,” jetti.
Maqaa gaarii buna Jimmaa deebisuu
Akka hundeessittuun dhaabbata ‘Afro-valley’ tun jettutti, dogongoraan buna Jimmaatiin walqabatee ture danqaa cimaa ture. “Naannoo biraatiin walcinaa qabnee yoo ilaalluu, bunni Jimmaa gabaa addunyaarratti qulqullina gadaanaa akka qabutti yaadamaa ture,” jechuun dubbatti.
“Ilaalcha dogongoraa (bad branding perception) bunni Jimmaa gabaa addunyaarratti ittiin beekamu jijjiiruudhaan buna daran filatamaa, sanyii garagaraa qabuufi kan haala qilleensa bareedaa keessatti oomishamu, kan ammallee haalaan hin beekamne akka ta’e qabatamaan agarsiisuuf garee gabaafi biraandii bunaarratti nu waliin hojjetu ‘Roobsan production’ jedhamu waliin hojii bareedaa eegalleera,” jetti.
COBEANS dhaabbata daldala bunaa guddaa, kan buna gara Rippaabilika Kooriyaa Kibbaatti galchuufi raabsudha. Pirezidaantiin dhaabbatichaa Jay Y Kim ammoo waggoota dheeraaf buna Itoophiyaarraa bitaa akka turuu hima.
Bunaafi hawaasa Itoophiyaatiif jaalala qabaachuu kan dubbatu Jay, jalqaba buna Jimmaa kan naannawaa Limmuu Kooriyaatti eerguun akka eegale yaadatu. Boodarra garuu sababoota qulqullinni bunaa gadi bu’aa dhufuun walqabatee, gara buna Yirgaacaffeetti geeddaruu dubbatu. Amma garuu fuulasaa gara buna Jimmaatti deebisuu BBC’tti himeera.
“Haala taa’umsa lafaafi qilleensa isaatiin bunni Limmuu daran filatamaa ta’us, qotee bultoonni garuu haala oomishaafi kunuunsa bunaarratti hubannoo barbaadu” kan jedhan Aab Jay, dhaabbanni isaas dhaabbata Afro-valley waliin ta’uun qotee bultootaaf deeggarsa barbaachisu kennuun qulqullina bunaa akka wayyeessan himan.
“Bunni Jimmaa fakkeenya qulqullina gadaanaa ture. Garuu dhugummaansaa bunni qotee bulaan Jimmaa nannawaa Gommaa, Geeraafi Limmuu oomishu qulqullina olaanaa qaba. Hundaa ol ammoo kosii qola bunaafi dikee loonii fayyadamanii waan oomishaniif buna baay’ee filatamaa ta’edha,” jedhu Aab Jay.
Bara kana Itoophiyaa irraa buna toonii 1,000 akka bitaa jiru kan dubbatu Aab Jay gama isaatiin, keessumaa yeroo oomishni bunaa gahee sassaabamu daaw’annaa bunaatiif mijataa ta’uu himuun, haalli mijataan yoo uumame fuulduratti namoota biroo dabalachuun irradeebiin daaw’annaaf akka dhufu waadaa seeneera.
Qotee bultoonni Jimmaa hoo maal himu?
Obbo Awwal Siraajiifi Ibiraahim Rashiid qotee bultoota aanaa Gommaa oomishaa bunaarratti hirmaataniidha. Hojiin oomisha bunaa kan dhamaatii danuu qabu ta’u kaasuun, gabaan itti gurguratan dhabamuun ammo danqaa hunda caalu ta’uu himu.
Bunarraa bu’aa hanga dhamaatii isaaniitiin walgitu argachaa akka hinturres ni dubbatu. Keessumaa gurgurtaa bunaatiin walqabatee faddaaltotaan goyyoomsamuun gatii hin malleen gurguraa turuus ibsu.
“Bara dheengaddaa keshaa 30 wayiin amaanaadhaan namatti kennadhe malee inni kaan, manuma bahee dhiyeenya kanan falaan gurgure. Bara darbe of fixee hojjedhee bu’aa argachu waan hin dandeenyeef, bicuu haamleekoo tuqe ture” kan jedhan Obbo Awwa,l amma erga dhaabbanni Afro-valley isaan waliin hojjechuu eegalee abdii akka horatan BBC’tti himan.
“Osoo dhaabbanni Afro-valley kun hin dhufiin dura sababa faddaaltota seeraan alaatiin buna irraa faayidaa argachuu qabnu argataa hin turre. Gatiis kan murteessu isaanumadha. Amma garuu haala gatii gabaa idil-addunyaatiin gurgurataa jirra,” kan jedhan ammo Obbo Ibiraahim Rashid.
Duraan buna farasullaa tokko qarshii 5,000tti akka gurguraa turan kan dubbatan Obbo Ibiraahim, amma karaa dhaabbata Afro-valley’tiin hanga qarshii 7,000’tti gurgurachu gammachuun haasa’u.
Qotee bultoonni kunneen akka dubbatanitti, rakkooleen geejjibaa, faaddaaltota seeraan alaafi bakkee bunni itti qulqullaa’uufi fe’amuun walqabate isaan mudatus dadhabsiisaa, kan baasii hin taaneef isaan saaxileefi qulqullina bunaallee kan hube ta’uu kaasuun, mootummaan Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayii waliin ta’uun furmaata akka barbaadaniif gaafataniiru.
Daaw’annaa dhaabbanni Afro-valley michootaafi bittoota idil-addunyaa waliin ta’uun qe’eefi maasaa bunaa isaanii ilaaluun taasisettis danuu gammaduufi abdii guddaa kan itti hore ta’uu himan.
Dhaabbanni Afro-valley dhaadannoo ‘qotee bulaa of ga’eefi aangome, baankii amansiisaa, dhiheessii ammayyaawaafi seenaa fayyadamaa ajaa’ibsiisoo’ (Enabled and empowered farmer, reliable bank, smart logistics and epic user stories) jedhuun gara fuulduraatti hojiilee amma bunarratti dalagaa jiru cinaatti, oomishaalee akka Avokaadoofi mi’eessituuwwan garagaraa akkasumas daldala kaarboonii irratti qotee bultoota waliin haala mijataa uumuun gara hojiitti seenuuf karoora qabaachu hundeessituu dhaabbatichaa BBC’tti himteetti.
Ergaa dargaggootaaf
Daldalli waan maraaf furmaata kan jettu Kumeen, daldalli dinagdee guddisuu cinaatti, aadaa hawaasa tokkoo akka beeksisuufi afaan isaas akka gabbisu dubbatti. “Fakkeenyaaf, Chaayinaa yoo fudhatte jalqaba dinagdee ijoo ta’erratti kutannoodhaan hojjetan.
Sana booda gara addunyaatti ceesisan. Amma namni kamuu carraa hojii argachuudhaaf afaaniifi aadaa Chaayinaa barachuuf fedhii guddaa qaba,” jechuun ibsiti.
“Naannawaa Jimmaa yoon ilaalu qotee bultoonni qabeenya qabatanii as jiru. Ijoolleen isaanii ammoo biyya Arabaatii ykn magaalaadhaa waan ta’e wayii dalagu waan ta’eef, hojii qonnaa ammayyeessuun akka inni guddina hawaasaa fidu gochuu keessatti qooda hin qaban.
Kanaaf, waanti dursu dinagdeedha. Dinadgeen cimaan ammoo qonna waan ta’eef dargaggoonni qonna keessatti hirmaannaa cimaa taasisuu qabu,” jechuun dargaggootaaf ergaa dabarsiti.
Hundeessituun dhaabbata ‘Afro-valley’ fi pirojektii Bunakoo, oomishaafi daldala bunaa cinaattis hojiiwwan buna waliin walqabatan kan misooma hawaasaatiif gumaachan biroos danuu haammachuu dubbatti. Isaan keessaas pirojaktiiwwan “Coffee climate, Coffee peace, Coffee origin, Coffee community fi Coffee culture” jedhaman karoorsuu itti adeemaa jiraachu dubbatti.