Waamichi nagaa dhaabbilee hawaasa siivilii Itoophiyaa barfateeraa laata?

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana dhaabbileen miti-mootummaa 30 ol tahan, waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate haa dhaabbatu jechuuf miidiyaaleef ibsa laachuu yaadanis otoo hin milkaa’in hafaniiru.
Dhaabbileen biyya keessaa mirgoota namoomaa fi marii nageenyaa irratti hojjetan kunniin, kun tahuusaatti gadduusaanii himaniiru.
Dhaabbileen kun ergaasaanii “Waamicha nageenyaa hatattamaa” jechuun moggaasaniin, waraanaa fi lolli iddoowwan akka akkaatti adeemaa jiran akka dhaabbatan gaafatan.
Ergaa kana ummata biraan gahuuf midiyaaleen waamanii ergaasaanii dabarsuuf yaalanis, qaamolee nageenyaa koofiyyaafi siivilii uffataniin gufachuusaa himan.
BBCn dhimmicharratti Komishinii Poolisii Finfinnee gaafatus, komishinichi dhimmicha quba akka hin qabne hime, yaaliin Komishiniin Poolisii Federaalaaf taasisne hin milkoofne.
‘Walitti qabamuu addababayii yoo tahe malee heeyyamni hin barbaachisu’
Pireezidantiin Naayijeeriyaa duraanii Oluseeguun Obasaanjoo, qaamoleen walwaraanan lamaan gara mariitti dhufuun rakkoosaanii akka hiikan yaalaniis, hin milkaa’in hafaniiru.
Dhaabbilee hawaasa siivilii tibbana waamicha nagaa dhiyeessuun ibsa baasan keessaa tokko kan tahe Wiirtuu Dagaagina Mirgootaafi Demokraasii – CARD isa tokko.
Daarektarri Olaanaa dhaabbatichaa Bafiqaaduu Hayiluu “hedduun keenya mirgoota namoomaarra xiyyeeffachuun kan hojjennudha,’’ jechuun BBCtti himan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Bafiqaaduun jedhutti lolli iddoowwan adda addaatti adeemaa jiru, lammiilee nagaarratti dararaa hamaa geessisu mormuuni waamichi kun kan dhiyaate.
“Lammileen du’a hin malleef, buqqa’uufi miidhaa saalaaf saaxilamaniiru. Mirgi socho’uu isaanis daangeeffameera.
Dhimmi kun atattamaan karaa nagana hin furamu taanaan, akka biyyattuu itti fufuun sodaadha jenneetu yaaddoo keenya kan ibsine.’’
Dhaabbileen 35 kunniin ergaa isaanii kana ALI Qaammee 1, 2014 Finfinneetti miidiyaaleef ibsa laachuuf himanii, bakkichatti aragamanus qaamolee nageenyaan dhorkamuu hima.
“Qaamolee nageenyaati namoonni jedhan hoteela ibsa itti kenninu gahuu keenyaan dursanii dhaquun, hooggantoota hoteelichaa ibsi kun raawwachuu hinqabu jechuun dhaabsisanii achi geenye.’’
Kanneen dhorkaa kana kaahan keessaa namoonni siviilii uffatan, akkasumas koofiyyaa kanneen uffatan keessa akka turan hima.
Dabaluunis gaazexeessitoonni gara galma hootelichaa akka hin seenne dhorkamus kaasa.
Bafiqaaduun “qaamni mootummaa ‘anatu isin dhorke, sababni koos kana’ jedhe hinjiru. Eenyuufi sababa maalii dhorkamne? jennee kan gaafanne qaamoleen nageenyaa ‘nuti hin adeemsifamu jedhamne’ jedhan,’’ jechuun hima.
Dhaabbileen kun galmaa’anii kan socho’an tahuu kaasuun, “walgahii ummatatti as bahanii gaggeeffamu yoo tahe malee, beeksisus tahe heeyyama gaafachuun nurraa hin eegamu. Labsii yeroo ariifachiisaa keessa hinjirru,’’ jedha.
Hoogganaan CARD kun dabaluun: “Gochaan kun qulqullaa’uu qaba. Tahuu baannaan hawaasni siviiliif dirreen dhiphachaa adeema,’’ jechuun yaaddoosaa ibse.
Ibsa dhaabbileen mit-mootummaa baasaniin, waldhabdeen iddoowwan akka akkaatti adeemaa jiru, lammiilee nagaarratti rakkoo namoomaa, diinagdee fi hawaasaa geessisaa jira jedha.
Keessaafuu waraana Kaaba Itoophiyaatti adeemaa jiru kaasuun, sababa waraanaan tajaajiloonni hawaasummaa adda citan ariitiin akka deebi’an gaafachuun; qaamoleen sarbama mirgoota namoomaa geessisan irratti qorannoon taasifamee seeratti akka dhiyaatan gaafatan.
“Mareen araaraa dhugaa qabu, kan nagaa fi qaamolee hunda hirmaachise” akka jalaqabamu dhaabbilee gaafatan keessaa tokko Waldaa Gaazexeessitootaa Amaaraati.
Daarektarri Waldichaa Ayyala Addis (PhD): “Waamichi amma dhiyeessine, yaalii gahee keenya jaarsummaa bahachuuf itti taasisnedha,’’ jechuun BBCtti himan.
“Qaamoleen lamaanuu waraana itti jiran dhaabuun walitti dubbachuu qabu. Mirgi lammiilee eegamuu qaba. Kanaan injifannoon ni jira jedhamee hin eegamu; humnoota nagayaaf jecha harka diriirsaniitu mo’ata.’’
‘Bara haaraatti nagaan bu’ee arguu feena’
Hundeessituufi daarektaraa dhaabbata miti-mootummaa Siiqqee Women’s Development Association kan tahan Aaddee Zartihun Tafarraa, bara haaraa dhufaa jiru kanatti ‘‘Abdiin keenya inni guddaan biyya kanarratti nagaan akka bu’udha,’’ jedhu.
‘‘Mirgi dubartootaafi daa’immanii eegamee, biyya nagaa keessatti nagaadhaan gadi baanee ol deebinee, warri bakkee keessatti faca’anis, warri manasaanii keessaa buqqa’anis.
Warri miidhaan adda addaa irra gahes wanti hundumtuu sirraa’eefi deebi’anii ijaaramanii, mirgi isaanii eegamee akka isaan jireenya nagaa arguudha kan barbaadnu.’’
Waamichi kun ni barfatee laata?
“Dhimmi biyyattii harka morkattoota siyaasaa irra bu’eera. Kisaaraan qaqqabe ammoo [waamicha nagaa dhiyeessuuf] barfachuu keenya mul’isa. Garuu hafuurra barfannes taatu, waamicha dhiyeessuun barbaachisaadha,’’ jedhu Daarektarri Waldaa Gaazexeessitootaa Amaaraa Ayyala Addis (PhD):
“Namuu faaruun isaa nagaa tahuu qaba,’’ kan jedhan Ayyala, waldaan isaanii ji’oota shaman dabraniif, nagaa waarawaa fiduuf hojiiwwan gargaaran hojjechaa turuusaa dubbatu.
Daarektarri Olaanaa Wiirtuu Dagaagina Mirgootaafi Demokraasii – CARD Bafiqaaduu Hayiluu gamasaan, amma duras waamicha walfakkaatu taasisaa turre jedha.
“Kun waamicha keenya jalqabaa miti. Bara dabres Qaammee keessa dhaabbileen siviilii 24 waamicha nagaa walfakkaatu dhiyeessineerra. Barana ammoo 35 geenyeerra.
Kanneen barfataniiru nuun jedhan, hanqina hordofuu isaaniirraa tahuu mala.’’
“Miidiyaaleen wanta qaamoleen walwaraanan dubbatan himuu irra filatu. Kanaan guddannee baanee mul’achuu dadhabne taha malee, hin callisne.’’
Dhaabbilee hawaasa siivilii biyya keessaa 35 waamicha nageenyaa dhiyeessan keessaa tokko kan tahe dhaabbanni dubartoota, shamarranii fi daa’imman irratti hojjetu Siiqqeen, waamicha nagenyaa gochuun kun yeroo jalqabaa miti, amma durallee sagalee keenya dhageessisaa turre jedha.
Addee Zartihun: ‘‘Hamma nuu danda’ametti kanaan duras sagalee keenya dhageessisaa turre, kuni kan jalqabaa miti,’’ jechuun ergaa ejjennoo walfakkaataa qabu amma durallee dabarsaa turu yaadachiisan.
Waldaan gaazexeessitootaa Amaaraa, Komishinii Araaraa Biyyoleessaaf galtee akka tahuuf jecha, qaamolee hawaasaa garagaraa wajjin marii akka taasisu hima.
Daarektarichi: “Ummanni nagaaf dursa akka kennu ifadha. Mariin naannoo Amaaraatti gaggeessine kana mul’isu – waraanni dhaabbatee karaa nagaatti haa deebinu jedhu.’’
Abdiin nagaa jiraa? jechuun kan gaafataman daarektarri CARD Bafiqaaduu: “Yoo fedhiin jiraate, Eeyyeen!’’ jedhu.
“Kuni yaada dhuunfaa kooti. Waraanichi kan caalaa yeroon itti hammaate tureera. Rakkoo cimaa akkasii keessaa baanee, maree nagaa akka filannootti arguu dandeenya taanaan, ammas haalli garasitti itti hin deebine jira jedhee hin amanu. Fedhiifi dhiibbaan namoota hedduu hanga jiraatutti, qaamoleen walwaraanan filannoo nagaatti adeemuun isaanii waan hin oolle.’’












