Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana booda Gaazan akkamitti buluu qabdiirratti karoorri ifa ta'e hin jiru taanan hojiin dhiisa- Miseensa kaabinee waraana Israa'el
Waraanni Gaazatti gaggeeffamu gaafa xumuramu Gaazan maal ta'uu qabdi kan jedhurratti Ministeerri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahun karoora ifa ta'e hin dhiyeessan taanan hojiin gadhiisa jedhan ministiira kaabinee waraana Israa'el kan ta'an Beenii Gaantz.
Gaggeessaa paartii mormituufi miseensa kaabinee waraana Israa'el kan ta'an Beenii Gaantz, waraana Gaazaa booda eenyu Gaazaa bulchuu akka qaburratti hanga ammaa karoorri ifa ta'e bulchaa biyyaarraa hin dhiyaanne jechuun hojii dhaabuf akeekkachiisan.
Hamaas Gaazaa keessaa erga dhabamsiifamee booda, Sululli Gaazaa bulchiinsa sivilii qaamoleen garaa garaa keessatti hirmaataniin buluu akka qabdu yaada dhiyeessun karoorri ifa ta'e Caamsaa 8, 2024 dura akka dhiyaatu ibsanii ture.
"Fedhii dhuunfarra kan biyyaaf yoo dursa kennite, qabsoo godhamu keessatti nus si bira jirra, garuummoo daandii finxaaleyyii irra qajeelun biyyattii badiisaf geessita yoo ta'e, hojii mootummaa dhaabuf dirqamna," jechuun Beeniyaamin Netaaniyaahuf ergaa darabarsan Beenii Gaantz.
Waraanni Kibbaafi Kaaba Gaazatti hamaataa yeroo deemee jiru kanatti mootummaa Israa'el keessatti garaa garummaan jiru babal'ataa dhufeera.
Muummee Ministeera duraanii Israa'el kan turan Beenii Gaantz kaabinee waraana Israa'el keessaa bahuu akka malan kan akeekkachiisan dhiyeenyuma kana Ministiirri Ittisaa Yaa'ov Gaalant dubbii wal-fakkaataa dubbachuu hordofeeti.
Israa'el bulchiinsa waraananis ta'ee kan siviliin Gaazaa bulchuu akka hin qabne ifatti himamuu qaba jechuun Beeniyaamin Netaaniyaahuuf ergaa dhaaman. Dhimma kana irra deddeebin mootummaa Beeniyaamin Netaaniyaahuf kaasanis deebii akka hin arganne dubbatanii ture ministiirri ittisaa biyyattii.
Beeni Gaantz fi Yaa'ov Gaalant akka jedhanitti Israa'el ittuma fuftee Gaazaa qabattee humnaaan Gaazaa bulchuun fuulduree nageenya biyyattii balaarra kan buusudha.
Beeniyaamin Netaanitaahufi kaabinoonnisaanii leellistoota ta'an Israa'el Gaazaa to'attee bulchuu qabdi jedhanii amanu.
Miseensa kaabinee waraana Israa'el kan ta'an Beenii Gaantz Sambata darbe tv irratti dhiyaachun "uummanni Israa'el si ilaalaa jira" jechuun Netaaniyaahuf ergaa dhaaman.
Israa'el biyyoota akka Saawudii Arabiyaa fa'aa waliin walitti dhufeenya gaarii uumun biyyoonni lixaa ammoo Iraanifi michootasheerratti Israa'el cinaa dhaabbatanii akka balaaleffatan gochuu qabdi jedhanii amanu Beenii Gaantz. Akka isaan jedhanitti bulchiinsi Beeniyaamin Netaniyaahuu Israa'elif fira baay'isuurra diina baay'isaa jira jechuun komatu.
Beeniyaamin Netaaniyaahun ammoo Beenii Gaantz dubbii dubbatiif deebii kennaniin, "waan Beeni Gaantz gaafate guutun waraanni akka dhaabatuufi Israa'el akka mo'amtu gochuudha. Akkasumas namoota butaman waa'eesaanii dhiisuufi Hamaas jabaatee akkuma jirutti dhiisuu akkasumas biyyi Filisxeem akka biyya taatuf carraa kennuudha" jedhan.
Gama biraan ammoo ajajaa walii galaa Humna Waraana Israa'el kan ta'an Herzii Haleevii bulchiinsi Beeniyaamin Netaaniyaahuu "tarsiimoo waraana Gaazaa booda" jiru akka qopheessu keesson dhiibbaa gochaa akka jiran gabaasaalen miidiyaa Israa'el ni ibsu.
Waraanni Israa'el Kaaba Gaazatii Hamaas qulqulleessineerra erga jedhee booda deebi'ee waraana banuun tarsiimoo mootummaan Israa'el Hamaas dhabamsiisuu jedhu gaaffii keessa galchaa jira.
Gaazatti waraanni erga xumuramee booda bulchiinsi Gaazaa maal ta'uu akka qaburratti Beenii Gaantz wixinee dhiyeessanii ture. Innis, bulchiinsi sivilii Ameerikaa, Awurooppaa, biyyoota Arabaafi Filisxeem kan bulchiinsa mootummaa gara fuulduraaf haala mijeessudha.
Kuni hanga milkaa'utti ammoo Israa'el dhimma nageenyaa hamma tokko ni to'atti jechun yaada dhiyeessan.
Israa'el Kibba Gaazatti duula erga eegaltee torbee darbeera. UNtti Ejansiin Baqattoota Filisxeem akka jedhetti torbee tokko keessatti lammiilen Filisxeem 800,000 ta'an Kibba Gaazaa, Raafaa, keessaa bahaniiru.
Gorsaa dhimma nageenyaa pirezidaant Baayidan kan ta'an Jaak Suliivan har'a Israa'el deemun MM Beeniyaamin Netaaniyaahuu wajjin ni mariyatu jedhamee eegama.
Jaak Suliivan gara Israa'el imaluunsaanii Israa'el guutummaa Kibba Gaazatti duula lafoo akka hin banne ijjannoo Baayidan kana dura isan irra deebin jabeessufi jedhama.