Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Korri Waliigalaa UN murtee miseensummaa Filisxeem deeggaru dabarse
Korri Waliigalaa Biyyoota Gamtoomanii murtee miseensummaa Filisxeem deeggaru dabarse.
Korri Waliigalaa UN kun mirgoota Filisxeem dhaabbaticha keessatti qabdu cimsuudhaan, akka miseensaatti akka fudhataniifillee waamicha taasiseera.
Filisxeem bara 2012 irraa kaasee biyya osoo miseensa hin ta'iin gita taajjabdummaatiin qooda fudhattu akka taatuuf hayyamameeraaf. Gitni taajjabdummaan hirmaachuun mirgoota biyyi miseensa guutuu ta'e argatu ni hanqata.
Miseensummaan murtaa'uu kan danda'u, Mana-maree Nageenyaa UN qofaanidha.
Dhiyeenya kana Filisxeem akka miseensa guutuu hin taaneef mirga sagalee sagaleetiin kuffiisuu qabdu fayyadamuun US kuffiistee turte, sagaleen Jimaata darbe kana kennite garuu deeggarsa FIlisxeemotaaf qabdu kan itti agarsiifte ta'uu hubachuun ni danda'ama.
Pirezidantiin Filisxeem Mahaammud Abbaas murtee kana waan gaariidha jechuun gammachuun simataniiru.
Murteen Kora Waliigalaa UN kun carraaqqii Filisxeemonni sagalee biraa dhimmicharratti Mana-maree Nageenyaatiin kennamu kan deeggarudha jedhan Mahaammud Abbaas.
"Filisxeem UN keessatti mirga miseensa guutuu argachuuf carraaqqii taasiftu itti fufti," jedhan ibsa baasaniin Pirezidantichi.
UN'tti ambaasaaddarri UN Gilaad Erdan, dhaabbatichi [Korri Waliigalaa UN] "biyya shororkeessaa" simate jedhe.
Ambaasaaddarichi Kora kanarratti dubbii dubbateen, miseensonni murtee kana 'bifa cigoo fakkaatuun' dabarsuu isaaniitiin himachuun koppii Chaartera UN tokko tatarsaaseera.
Murteen kun yeroo biyyoonni Awurooppaa baayyeen Filisxeemiif akka biyyaatti beekamtii kennuufiif karoora akka qaban gabaafametti kan dhufedha.
Dursaan imaammata alaa EU Jooseef Boorel Ispaanish biroodkasit RTVE irratti Kamisa dubbii dubbataniin, Ispeen Caamsaa 21 waan kana fakkaatu gochuu qabdi.
Kanaan duras Jooseef Boorel, Ayerlaand, Siloveeniyaafi Maltaanis tarkaanfii walfakkaatu ni fudhatu jedhe osoo guyyaa isaa hin mirkaneessiin.
Murteen UN Jimaataa kun Filisxeem qaama jaarmiyaa idil-addunyaa kanarraa mirgoota dabalataa akka argattu taasisa. Kun UN keessatti Filisxeem akka falmii keessatti, dhimmoota ajandaa ta'an dhiyeessuufi koreewwan jiran keessattis bakka bu'ootashee filachuu keessatti guutummaatti hirmaattu gargaara.
Haata'u malee ammas garuu sagalee kennuu hin dandeessu- kana ammoo Korri Waliigalaa [UN] kennuufiif kan hin dandeenye yoo ta'u, Mana-maree Nageenyaatiin deegaramuu qaba.
Dhimmi Filisxeem akka biyyaatti beekamtii kennuu waggoota kurnaniif hawaasa idil-addunyaa biratti rakkisaafi falmisiisaadha.
Bara 1988 keessa bakka bu'aa Filisxeemotaa jabaa kan ta'e Dhaabbanni Bilisummaa FIlisxeem (PLO), hundeeffamuu Biyya Filisxeem yeroo jalqabaatiif labse.
Akka madda oduu Reuters jedhetti, biyyoota addunyaa miseensa UN ta'an 193 keessaa 139 Filisxeem biyya akka taatetti beekamtii kennaniiruuf. Kun garuu [murteen Kora Waliigalaa UN] akka mallattoo guddaatti kan ilaalamudha.
Qabatamaan, Filisxeemonni kutaa Israa'el humnaan qabatte Weest Baank keessatti gariidhaan karaa Abbaa Taayitaa Filisxeemotaa (PA) humna of bulchuu murtaa'aa qabu. PA bara 2007 keessa Gaazaa Istiriip Hamaasiin jalaa fudhatameera. UN daangaa lamaan Israa'eliin kan qabameefi qaama siyaasaa tokko akka ta'anitti yaada.
Israa'el ammoo FIlisxeem akka biyya taatetti beekamtii hin kennituuf. Mootummaan Israa'el ammaa kunis, Weest Baank fi Gaazaa keessatti biyyi Filisxeem uumamuu ni morma. Biyyi akkasii kun uumamuun jiraachuu Israa'eliif yaaddoo ta'a jechuun famla.
US walitti bu'insa Israa'el-Filisxeem kanaaf furmaata jechuun fala biyyi lama jiraachuu qaba ( two state solution) jedhamuun biyyi Filisxeem walaba taate akka jiraattuuf yaada dhiyeessiteetti.
Ji'a darbe, yaada furmaataa Aljeeriyaan Filisxeem akka biyyaatti simatamuu qabdi jechuun dhiyeessiteerratti, US akka biyyoota dhaabbatoo shan Mana-maree Nageenyaa keessaa tokkootti humna sagalee sagaleetiin kuffiisuu qabdu fayyadamuun karaatti hambisteetti. US FIlisxeem akka miseensaatti fudhatamuu hin qabdu kan jette "ammallee hin gahoomne" sababa jedhuun ture.