Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni nagaa kabachiisaa UN buufata anniisaa nikularaa Zapporizyiyaa akka tiksu Yukireen gaafatte
Humni nagaa kabachiisaa UN buufata anniisaa humna ibsaa Yukireen akka tiksuuf hojii gaggeessan anniisaa nikularaa Yukireen yaada dhiyeessan.
Buufanni anniisaa nikularaa Zapporizyiyaa Awurooppaa keessatti dhaabbata nikularaa guddicha yoo ta'u, waraanni Raashiyaafi Yukireen gidduutti akkuma eegaleen to'annaa loltoota Raashiyaa jala gale.
Erga Raashiyaan to'attee as si'a heddu haleellan naannicha sanatti gaggeeffamuu irraa kan ka'e, carallaan nikularii achi keessaa bahuun lubbuufi fayyaa namootaa yaaddoo keessa galchuu danda'a sodaan jedhu guddataa jira.
Haleellaa irra deddeebin buufata nikularaa kanatti gaggeeffamuuf biyyoonni lamaan quba walitti qabu.
Torbee darbe oggeeyyin nikularaa UN irraa gara sana deemanii erga ilaalanii booda naannichi hatattamaan bakka waraana irraa bilisa ta'e ta'uu qaba jechuun yaada furmaataa dhiyeessanii turan.
Vilaadmiir Puutin gabaasa ogeeyyii nikularaaUN fi Ejansii Anniisaa Atomikii Idil-addunyaa (IAEA) akka amanan ibsuun qaamonni kunneen Yukireen buufata nikularaa kanatti haleellaa raawwachuu ishee komachuu dhabuu isaanitti isaan qeeqan.
''Loltoonnii keenya achi osoo jiranii akkamitti loltoota keenyatti dhukaasna?" jechuun dubbatan Puutin.
Gareen ogeeyyii nikularaa IAEA 14 ta'an buufata nikularaa Zapporiizyiyaa osoo daawwataa jiranii haleellan bakkichatti gaggeeffamuu isaa dureen garichaae Raafa'el Giroosii ibsan. Balaan nikularaa hamaan mudachuu akka danda'us akeekkachiisan.
Barreessan olaanan UN Antooniyoo Gutaarez korri Mana Maree Nageenyaa hatattamaa akka taa'u gochuun naannoo buufata nikularaa Yukireen kanatti naannon waraana irraa bilisa ta'e akka hundaa'uuf gaafatanii turan.
Naannon buufata nikularaa Zapporizyiyaa waraana irraa akka eegamuuf waamicha IAEAn dhiyeesse pirezidaantin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin yaada gaaridha jechuun fudhatan.
Dhaabbata nikularaa Yukireen Energoatom jedhamutti hoji gaggeessaa kan ta'an Peetiroo Kootin humni nagaa kabachiisaa UN gara sanatti akka bobba'uuf yaada dhiyeessan.
Akka Peetiroo jedhanitti hojjattoonni Yukireen 907 buufata anniisaa nikularaa kana keessa hojjatan "haala baay'ee yaaddessaa" keessa akka jiranii fi dhiibbaa loltoota Raashiyaa jalatti hojjataa jiru.
Haa ta'u garuu Ejansii Anniisaa Atomikii Idil-addunyaa (IAEA) Yukireenis ta'ee Raashiyaa komachuu irraa of qusateera.
Gabaasni ejansichaa garuu konkoltaatawwan waraanaa Raashiyaa mallattoo 'Z' qaban mooraa buufata nikularaa kana keessa akka jiran mirkaneesse.
Gama biraan Puutin konkolaattonni waraanaa Raashiyaa homtuu akka achi hin jirre waakkatan.