Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Odeeffannoon dhuunfaa Chaayinaa biiliyoonaan gurgurtaaf dhiyaachuun yaaddoo uume
Pirezidaantiin Chaayinaa Shii Jimpiingi basaastonni odeeffannoo intarneetii erga odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Chaayinaa biiliyoona tokkoo hatuun gurguuruuf beeksiisaniin booda, qaamooleen ummataa ''akka nageenya odeeffannooo eeganiif,'' gaafatan.
Erga oduun waa’ee odeeffannoo dhuunfaa biiliyoona tokkoo hatamuun gurgurtaaf dhiyaachuun ifa taasifamee booda pirezidaantiin biyyattii odeeffannoo ummataatiif of eeggannoo barbaachisu akka taasifamuuf akeekkachiisaniiru.
Qaamooleen odeeffannoo karaa onlaayiniitiin hatan (haakaroonni) odeeffannoo lammiilee hanneerra jedhan kan irraa bitu yoo jiraateef beeksiisa erga baasanii booda, Pirezidaantiin biyyattii Shiin Jiinpiingi dhaabbileen biyyaaleessaa ‘‘eegumsa odeeffannoo akka cimsaniif’’ gaaffii dhiyeessan. Beeksiisa odeeffannicha gurgurachuuf bahee, booda ammoo haqamee irratti akka eerametti odeeffannoon dhuunfaa gurgurtaaf dhiyaate kun kan hatamee pooliisii biyyaaleessaa Shaangaay irraa ta’u ibsameera.
Namni odeeffannoo dhuunfa hateefi gurgurtaaf dhiyeessee kana harka maqaa, teessoo, lakkoofsa eenyummaa biyyaaleessaa fi lakkoofsa mobaayilii dhuunfaa dabalatee odeeffannoowwan biraa akka jiran himameera.
Odeeffannoon dhuunfaa hatameera jedhamee kana keessaa saamuda fudhachuun oggeessoonni tikaa qorannoo taasisaniin hannichi jedhame raawwatamu mirkaneessaniiru.
Odeeffannoon baayyeen kunis teeraa baayitii 23 ni ta’a jedhamee kan tilamamamu yoo ta’u, oddeeffannoon kunis doolaara kuma 200tti gurguramuuf dhiyeeffame.
Gochaan kunis yakka waan ta’eef marsariitii irratti beeksiisi maxxanfame irraa akka kaafamu taasifameera.
Odeeffannoo dhuunfaa hatameera jedhamee olaanaa kana ilaalchisuun aanga’oonni Chaayinaa kamu hanga ammaatti ifatti kan jedhan hin jiru.
Pirezidaantichas yoo ta’e dhimmicha ilaalchisuun kallattiin omaa hin jenne.
Gaazeexaan biyyattii ‘South China Morning Post’ jedhamu tokko akka gabaaseetti, Pirezidaanti Shiin lammiileen tajaajilawwan ummataatiif odeeffanoo dhunfaa wayita kennaniitti, nageenyi akka itti dhagahamu gochuuf dhaabbileen, odeeffannoo dhuunfaa fi ragaalee dhaabilee icciitii ta’aniif of eeggannoo barbaachisu akka taasifamuuf’ akeekkachiisaniiru.
Gurgurtaa odeeffannoo ilaalchiisuun beeksiifni baafamuu hordoofees, to’attoonni marsariitii bareeffama ittaanu kana erga maxxansanii, booda ammo beeksiisicha kaasaniiru.
‘‘Jaalatamtoota lammiilee Chaayinaa baga nagana gara waltajjii keenyaa dhufatan. Baayyeen keessan gara waltajjii kanaa kan dhuftan sababii odeeffannoo poolisii Shaangaay harkaa baheetiin. Odeeffannicha kana booda gurgurtaaf hin dhiyeeffamu. Dabalataanis, mata dureewwan dhimma Kanaan walqabatan hundi fuulicha irraa akka haqaman taasifamanii’’ jedhe.
To’attoonni fuulchaa dabaluunis odeeffannoowwan Chaayinaa gara biraa baayyee barbaachisaa ta’an harkasaaniitti akka argamaniifi gurgurtaaf dhiyeessuu akka danda’an beeksiisan.
‘‘Kan argamnu Chaayinaa keessatti miti. Lammiilee Chaayinaatis miti nuyi. Kanaafuu seerawwan Chaayinaatiif bitamu hin qabnu,’’ jechuun waa’ee eenyummaa isaanii irratti deebii kennaniiru.
Gareen yakkawwan intarneetii irraa hordoofu ‘Daarkitareesar’ akka jeddeetti, hammi odeeffannoo kun xiyyeeffannoo hedduu hawwateera. Tarii kunis sababii odeeffannoo Chaayinaa irratti hanni raawwatameera jedhamuun kan wal qabate ta’u mala.
Gareen hakarootaa ChinaDan jedhamu tokkoos haaluma wal fakkaatuun beeksiisa gurgurtaa baasee ture. Gareen kunis odeeffannoon namoota miiliyoona 90 ta’anii kan odeeffannoo poolisii biyyaaleessaa bulchiinsa Heenaan achuma Chaayinaa irraa hate harkasaatti akka argamu beeksiise.
Haata’u malee oggeessoota intarneetiin odeeffannoon kun hangam dhugaa akka ta’e hin mirkanoofne.
Oggeessoonni dhimma odeeffannoon hatame olaanaan kanaa aanga’oota Chaayinaatiif dhimma yaachisaa isa olaanaa akka ta’e, beesiisa gurgurtaa sana ilaalchisee mariiwwan miidiyaalee hawaasaa biyyattii irratti taasisan dhorku kaasuu dubbatan.
Dhimmoota nageenyaa dame kanarratti kan hojjatu Forensic Pathways’tti hojii gaggeessaan olaanaan Deeb Leerii akka amananiitti, odeeffannichi qama kanfaltii olaanaa dhiyeesseetti gurgurameera, ykn ammo haakaroonni odeeffannoo dhuunfaa gosa akkasii barbaadan akka gara sanaatti dhaqaniif beeksiisuuf mala itti fayyadaman ta’u danda’a jedhu. Sababiib isaaa ammo, ‘‘gochaan isaanii qondaaltoota motummaa Chaayinaa kan aarsuu ta’u akka danda’u baayyee isaan hin yaaddeessine’’ jedhan.
Baatii Ebla marsariitiin karaa intarneetiin cabsanii seenuudhaan odeeffannoo kan hatu Raid Forums jedhamu tokko, opareeshinii hoggansa Waajjira Nageenyaa Federaalaa Ameerikaa (FIB)n gaggeeffameen to’atamuun cufame. Achiinis hundeessaan marsarichaa lammiin Porchugaal fi lammiin Biritaaniyaa tokko to’annoo jala oolfaman.
Odeeffannoon namoota dhuunfaa olaanaan amma Chaayinaa keessatti hatameera jedhame kunis, abbaa odeeffannichaa dhugaa fakkeessuu erguu fi gochaawwan badaa gara biraa raawwachuun yakkamtoonni maallaqa ittiin argachuuf faayyiidaarra oolchuu ni danda’u.
Odeeffannoon lammiilee dhuunfaa biiliyoonaan lakkaa’amanii hatamu ilaalchisee, sababiiwwan adda addaa dhiyaataa kan jiran yoo ta’u, dhugaa ta’un mirkannoofnaan kan yeroo kamuu caalaa akka ta’u danda’u himama.