Ministirri Muummee duraanii Xaaliyaan Silviyoo Berluskooniin du'aan boqotan

Madda suuraa, AFP
Ministirri Muummee duraanii Xaaliyaanii Silviyoo Berluskooniin umrii ganna 86 du'aan boqotan.
Silviyoo Berluskooniin himannaa qoccollaa saalqunnamtii fi malaammaltummaa irratti dhiyaate irra aananii turan.
Berluskooniin hospitaala Saan Raafa'eli magaalaa Milaanitti argamutti yaalamaa turusaanii miidyaaleen biyyattii gabaasaniiru.
Ebla darbe kana Berluskooniin dhibee sombaan walqabatu fi dhibee kaansarii dhiigaa walqabatu yaalamaa turan.
Biliyenarri dhaabbata miidiyaalee TV qaban Berluskooniin bara 1994 aangoo kan qabatan yoo ta'u, hanga bara 2011'tti aangoorra turuun si'a afur mootummoota biyyattii hoogganan.
Berluskooniin paartii Forza Itaaliyaan jedhamu hogganaa turan.
Paartichi filannoo Fulbaana darbee booda bulchiinsa MM Xaaliyaanii Jorjiyaa Melonii jalatti walta'iinsa uumeera.
Ministirri Ittisaa Xaaliyaanii Guyidoo Kirsetto duuti Berluskoonii ''qaawwa guddaa uuma'' jechuun ibsan.
''Nagaatti Silviyoo'' jechuun toora tiwitaraa gubbatti barreessaniiru.
Ministirri Muummee duraanii Xaaliyaanii Silviyoo Berluskooniin dhibee kaansarii dhiigaan dararamaa turusaanii doktoroonni hospitaala Saan Raafa'el jalqaba bara kanatti gaazixeessitootatti himanii turan.
Ammatti maaltu du'a isaaniif sababa akka ta'e waanti himame hin jiru.
Bara 2020 erga koronaavaayirasiidhaan qabamanii booda irra deddeebiin fayyaa dhabaa turan.
Berluskooniin bara 1936 Milanitti kan dhalatan yoo ta'u, meeshaa dhukkee itti qulqulleessuuf oolu(vacuum cleaners) gurguruun hojii eegalani.
Sana booda dhaabbata ijaarsaa hundeessan. Dhaabbilee TV's dhuunfatanii maallaqa guddaa horatan.
Kanaanis tujaara biyya Xaaliyaanii keessatti beekamaa ta'an.
Gara siyaasaatti osoo hin ce'in dura kilaba kubbaa miilaa sadarkaa addunyaatti beekamu AC Miilan dhuunfachuun bara 1986 kasaaraa irraa oolchaniiru.












