Dubbii Tiraamp fi wantoota waliigaltee dhukaasa dhaabuu Gaazaa qoraa jiran kaan

Hamaas Sambata darbe butamtoota gadhiise keessaa tokko Eli Sharaabii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hamaas Sambata darbe butamtoota gadhiise keessaa tokko Eli Sharaabii
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hamaas sagantaa butamtoota hafan gadhiisuu maaliif jala ga'ee dabarse? Gareen kun ibsa isaa Telegram irratti dabarse keessatti butamtoota gadhiisuu dhaabuun ergaa akeekkachiisaa Israa'eliif darbeedha jedhe.

''Weerartoonni [Israa'el] dirqamasaanii akka ba'an warri jaarsummaan gidduu turan akka dhiibbaa uuman yeroo ga'aa kennine,'' jedha ibsi Hamaas.

Ammoo garee butamtootaa itti aananii gadhiifamanirratti karoorri qabame akkaatuma sagantaan akka deemuuf balballi banaadha jedhe.

Hamaas rakkoon sagantaa butamtoota gadhiisuu gufachiise akka furmaata argatuuf yeroo kennuuf yaada akka qabu akeekeera.

Garuu rakkoon mudate maali?

Hamaas komii hedduu kaaseera.

Buqqaatota qe'eetti deebisuun barfachuu, haleellaan Israa'el itti fufuu fi gargaarsi namoomaa gariin akka hin seenne gochuu kaasuun Israa'el himata Hamaas.

Qondaalonni Filisxeem kaan, kanneen Hamas waliin hidhata hin qabne Israa'el buqqaatonni qe'eesaanii kaaba Gaazaatti akka deebi'an gochuurratti akkaan rincicuu himatan.

Aanga'oonni mootummaa Israa'el wayita dhimma Gaazaa irratti mari'atan jiraattonni Gaazaa gadhiisanii akka ba'an jajjabbeessaa turan.

Gargaarsa yeroo, kan akkaan barbaachisu, eeyyamuu irratti hanqinni guddaan gama Israa'eliin ture, Filisxeemonni miira sodaa ari'amuun akka weeraraman taasiseera.

Sodaan kun jecha Doonaald Tiraamp dhimma Gaazaa irratti guyyaa guyyaan darbatuun daran hammaataa dhufe.

Hanga ulaan Gaazaa deebi'ee ijaaramutti Filisxeemonni gadhiisuu qabu yaada jedhurraa eegale.

Boodarra Filisxeemonni hundi Gaazaa keessaa akka ba'uu akka qabanii fi Ameerikaan Gaazaa akka dhuunfattu dubbate Tiraamp.

Hamaas Gaazaa gojoma'uurraa gara humnaan Gaazaa qabachuutti yaadaan fagaatee wayita deemu, Hamaas waa'ee marsaa lammataa marii dhukaasa dhaabuu ija shakkiin ilaaluu eegale.

Mariin marsaa lammataa kun maaliif barbaahcisa?

Akkaataa sagantaa qabameen kanatti aansee butamtoonni sadi gadhiifamuuf turan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Akkaataa sagantaa qabameen kanatti aansee butamtoonni sadi gadhiifamuuf turan

Tiraamp karoora sadarkaa yaadaatti qabatee guyyuu lallabu kana xiyyeeffannaan yoo itti adeeme warri Filisxeem mirga qe'eesaanii- Gaazaa keessa jiraachuu dhabuun olaantummaan Israa'el akka mirkanaa'utti hubatu.

Gaazaa keessaa qe'ee akka hin qabaanne murteessuu qofti ga'aa miti, karoorichi humnas barbaada.

Hamaas rakkoo Israa'el uumtee fi karoora Tiraamp kanaan burjaaja'uun sagantaan butamtoota gadhiisuuf qabamee ture akka darbu gochuu irratti Tiraamp akkas jedheera.

Butamtoonni Gaazaa keessatti ugguramanii jiran hundi Sambata dhufu hin gadhiifaman taanaan waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka haqamu yaada akka dhiheessu fi balaa guddaan akka mudatu akeekkachiise.

Yaada kana ofumasaatii dhiheessaa akka jiruu fi Israa'el tarkaanfii feete fudhachuu akka dandeessu dubbate qondaalli US kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni akka itti fufu mallattoolee Israa'el fi Ameerikaan agarsiisaa jiran irraa kan hubate Hamaas, tarii butamtoota hafan gadhiisuurraa maal akka buufatu waan xiinxalaa jiru fakkaata.

Adeemsa hojiirra oolmaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu ilaalchisee rakkoon mudate, akkasumas giddu seentummaan Tiraamp maatii firootasaanii butaman eegaa jiranitti yaaddoo guddaa ta'eera.

''Ibsi fi haasaan yookiin labsiin kun hundi Hamaas akka mataa jabaachuutti deebi'u taasiseera,'' jechuun BBCtti hime Dudi Zalmanovich.

Durbiin haadha manaasaa Omar Shem Tov, hanga yoonaa harka Hamaas jira.

Israa'el ammoo Hamaas sagantaa namoota butaman gadhiisuuf qabamee ture dabarsuu isaaf wan shakkitu qabdi.

Fuula namoota Sambata darbe gadhiifamanirraa wanti mul'atu qabiinsa badaa ta'e keessa akka turanidha.

Hamaas haala hamaa akkanaa bal'inaan addunyaatti mul'isuun hanqinasaa agarsiisu hin barbaadu jedhanii amanu warri Israa'el.

Namoonni butaman wayita gadhiifaman kan dabarsanii kennan loltoota Hamaas.

Guyyaa saafaadhaan harka qabanii waltajjiitti baasu.

Wayita kana loltoonni Hamaas hedduutu mul'atu. Kun Ameerikaa fi Israa'eliin yaaddessuu hin oolle.

Ministira dhimma alaa duraanii US kan ta'an Antonii Bilinkan baayyinni loltoota Hamaas kun garechi ammallee humna dabalataa ofitti makaa jiraachuu mul'isa jedhan.

Kun ammoo waliigaltee dhukaasa dhaabuutti yaaddoo guddaa ta'a jechuun akeekkachiisanii turan.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu marii yeroo dheeraa fi xiyyeeffannaan gaggeeffame booda irra ga'ame kun gufateera yookiin adda citeera jechuun ammatti rakkisaadha.

Hojii abdachiisaan hojjetameera, garuu gamaa gamanaa walhimannaan hammaataa jiru kun waliigaltecha qormaata keessa galcheera.

Sarara

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.