Tarkiin haleellaa qilleensarraan booda Sooriyaatti oppireeshinii lafoo gaggeesuuf- Erdoohaan

Maxxanfame

Tarkiin haleellaa qileensarraa Iraaqii fi Sooriyaatti gaggeesiteen booda amma immoo opprereeshinii lafoo humnoota Eegumsa Ummata Kurd [YPG] jedhaman Sooriyaa keessa jiran irrattin jalqaba jette.

Pirezidaanti Resib Taayib Ergohaan haleellaa qilleensa irraan ministeerri ittisaa isaanii humnoota shororkeesiitootaa 254 ‘’adabaneerra’’ jedhan ‘’kun jalqabbiidha’’ jechuun akeekkachiisan.

Tarkii gareen wara Kurdootaa haleellaa boombii dhiyeenya magaalaa Istaanbul keessatti rawwatan jechuun himatti.

Gareen YPG haleellicha keessaa akka harka hin qabne himuun haleellaa qilleensarraa Tarkiin Kaaba Baha Sooroyaatti raawwatte namoota nagaa 30 fi loltoota 11 ajjeese jedhan.

Dippaartimantiin humna Ittisaa US haleellaan Tarkii Sooriyaa keessaa ‘’kallatumaan nageenya humnoota US garee jihaadistootaa injifachuuf hojjechaa jiraniif yaaddoo taheera’’ jedhe.

Humnootni Dimokiraatawaa Sooriyaa [SDF] kan Amerikaa irraa deeggarsa qabaniifi irra caalaan isaanii garee YPG irraa tahan Tarkiin haleellaa boombii Istaanbulitti raawwate qabata godhattee ittiin daangaa darbitee haleellaa raawwachuuf jechuun himatan.

Humni waraanaa Tarkii erga bara 2016 as oppireeshinii gurguddaa sadii garee finciltootaa Sooriyaa waliin qindoomuun gaggeessee naannoo daangaa irraan lafa bal’aa hanga km 325 tahu qabataniiru. 

Oppireeshinii dhiyeenyaan ammo bara 2019 keessa Tarkiin lafa magaalota Taal Abiyaadii fi Raas al-Ayin gidduu jiru qabattee ture, booda Raashiyaan akka dhukaasa dhaaban mariisisun waraanicha dhaabde. 

Tarkiin garee YPG jedhaman shororkeesitoota warra Paartii Hojjetootaa Kurdii irraa bahanidha jechuun himatti.

Paartiin Hojjettootaa Kurdi Tarkii keessatti walabummaa saba Kurdiif waggoota kurnan hedduuf waraanaa turan.

PKK’nis haleellaa Istaanbulitti namoota jaha ajjeese keessaa harka hin qabnu jedhan.

Resib Taayib Erdohaan Paarlaamaa keessatti miseensota paartii AKtti yoo dubbatan nageenya daangaa Tarkii mirkaneesuu fi ‘’kooriderii nagaa’’ fiduuf kutannoo isa duraa caalaa qabna jedhan.

 ‘’Oppireeshini qilleensa irraa itti fufna, yeroo nuuf mijataa tahetti ammoo lafoodhaan shororkeesitootaaf dhufna,’’ jedhan.

 Ajajaan SDF Mazluum Abdii miidiyaa Al Monitor jedhamutti akka himanitti haleellaan Istaanbul ‘’garee mormitootaa Sooriyaan warra to’annoo Tarkii jala jiraniin itti yaadamee kan qindaa’eedha’’ jedhanii magaalaan isaanii Kobaaneen xiyyeeffannoo haleellaa Tarkii keessa tahuu himan.

Dabalataan Ameerikaa fi Raashiyaan Tarkiin akka gochaa ishee dhaabduuf hojii gahaa hojjechaa hin jiran jedhe ajajaan kun.

Raashiyaa michuun mootummaa Sooriyaa oppireeshiniin lafoo Tarkii naannichatti jeequmsa hammeessa jette.

‘’Mormiin keenya Ankaaraatti dhagahameera abdii jedhu qabna, wal dhabdicha tooftaa biraan furuun danda’ama,’’ jedhan Raashiyaa irraa gidduu galuun mari’achiisaa kan turan Aleeksaander Lavireentiiv.

Ameerikaan ammoo NATO keessatti Tarakii waliin hojjetti. Ta’us hidhattoota IS balleesuuf kan itti fayyadamtu hidhattoota YPG jedhaman waan taheef lola IS irratti godhaniif oppireeshiniin Tarakii kun dhiibbaa qaba jette.

Amerikaan haleellaan diroonii waajjira olaanaa ajajaa hidhattootaa Maazluum Abdii irratti xiyyeeffachuun Tarkiin gaggeesite loltoota koo irratti dhiibbaa uumeera jette.