Loltoonni Somaaliyaa Eertiraa jiran gara biyyaatti deebiyuuf

Maxxanfame

Loltoonni Somaaliyaa yeroo dheeraatiif Ertiraa keessatti leenjifamaa turan yeroo dhiyootti gara biyyaatti akka deebiyan pirezidant Hasan Sheek Mohaammad dubbatan.

Torban darbe kora gaggeessitoota Afrikaa-Ameerikaa irratti hirmaachuuf gara Ameerikaa deemanii kan turan pirezidant Hasan, kana kan dubbatan haasaa Somaalota Mineesotaa keessa jiraniif wayita taasisanittidha.

Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad akka beeksisanitti, loltoota Somaaliyaa kuma shan Ertiraa keessatti leenjifamaa jiran keessaa gareen jalqabaa torban muraasa dhufan keessa gara biyyaatti ni deebiyu.

Akka raadiyoon mootummaa Somaaliyaa gabaasetti, loltoota kanneen guutummaan guutuuutti gara biyyaatti deebisuun hanga ji'a Amajjii dhufu kanaatti akka xumuramu pirezidaantichi dubbataniiru.

Dhimmi loltoota kuma shan ta'an waggaa lama dura pirezidantii duraanii Somaaliyaa Abdulaahii Farmaajootiin filatamanii leenjiidhaaf gara Ertiraatti ergamanii biyya keessaafi alatti gaaffii kaasaa tureera.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffame hordofee loltoonni Somaaliyaa kunneen raayyaa Ertiraa waliin hiriiruun waraana Tigraay keessatti gaggeeffame keessatti hirmaataniiru jedhamuun ammoo atakaaroo dippilomaasii uumee ture.

Kana hordofees maatiin loltoota kanneenii magaalaa guddoo Somaaliyaa Moqaadishootti addabaabaayiitti bahanii mootummaan haala ijoolleen isaanii keessa jiran akka beeksisuufi gara biyya isaaniitti akka deebisuuf mormii isaanii ibsatanii ture.

Aanga'oonni Ertiraas ta'e kan Somaaliyaa garuu loltoonni kunneen leenjiirra akka jiran malee waraana Itoophiyaa keessatti akka hin hirmaatiin ibsuudhaan himannaa dhiyaate sirrii miti jedhaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti manni Maree Nagenyaa (UNSC) gabaasa Bitootessa keessa baaseen loltoonni Somaaliyaa Ertiraa keessatti leenji'an loltoota Ertiraa waliin ta'uudhaan waraana Tigraay keessatti hirmaachuu isaanii ibsee ture.

Sanadiin gabaasa UN kun qabiinsa mirgoota namoomaa Ertiraa irratti kan fuulleeffate yoo ta'u, loltoonni Somaaliyaa leenjiirra turan gara adda waraanaa Tigraay geeffamuu isaaniifi Aksuum keessatti akka turan odeeffannoo agarsiisan qabateera.

Haala loltoonni kunneen gara biyya isaaniitti ittiin deebiyan ilaalchisee callisuu filatanii kan ture pirezidantiin duraanii Somaaliyaa Abdullaahii Farmaajoo, filannootiin mo'amanii aangoo yeroo dabarsanii kennanitti, loltoonni kuma 5 Ertiraatti leenjii fudhatan jiraachuu ifa godhanii ture.

Farmaajoon loltoonni kunneen leenjii isaanii Ertiraatti fudhatan waggaa tokko dura akka xumuratan ibsuun, haala siyaasaa Somaaliyaa keessa jiruufi filannoo irratti dhiibbaa akka hin taasifneef yaadda'uudhaan haalli deebiyuu isaanii akka harkifate dubbatan.

Yeroo aangoo waliif dabarsanittis Farmaajoon faayila loltoota kanneenii pirezidantii haaraa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammaditti dabarsanii kennuu mirkaneessaniiru.

Wa'een loltoota Somaaliyaa kuma 5 dhorsaadhaan filatamanii leenjiidhaaf gara Ertiraatti ergamanii namoota siyaasaa Somaaliyaa wal falmisiisa atureera.

Si'a lamaffaaf Somaaliyaa gaggeessuuf gara aangootti kan deebiyan pirezidant Hasan Sheek Mohaammad gama isaaniitiin, yeroo aangoo fudhatanitti loltonnii kunneen atattamaan gara biyya isaaniitti akka deebifamaniifi falmii biyyi isaanii Al-Shabaab waliin taasiftu irratti akka hirmaatan dubbataniiru.

Pirezidaantichi erga gara aangootti dhufanii booda biyyoota dura daawwatan keessaa Ertiraan ishee tokko yoo taatu, ji'oota ja'a keessatti si'a lama gara Asmaraatti deddeebiyuun aanga'oota Ertiraa waliin mariyataniiru.

Ji'a Adoolessaafi Sadaasa keessa gara Ertiraa kan deemuun Pirezidant Hasan Sheek Mohaammad, loltoota isaanii leenjiirra jiraniifi sirna eebba isaanii irratti argamuun isaanii ni yaadtama.

Pirezidant HAsan Sheek Mohaammad erga gara aangootti dhufanii booda hidhattoota AL-Shabaab waliin falmii guddaarra kan jiran yoo ta'u, ji'oota darban keessa bakkawwan baayyee deebisanii to'achuu danda'aniiru.

Mootummaan isaanii duula kana cimsee itti fufuudhaan, garee Al-Shaabaab kan Al-Qaa'edaa waliin hidhata qaba jedhamu kana dhabamsiisuuf yaaliin taasifamaa jira.