Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Sababa hanqina qorichaa wayita dhukkubsattoonni ija keenya duratti du'an harka marannee ilaalla'
Magaalaa Maqaleetti kan argamu Hospitaalli Ayidar hanqina qorichaa fi meeshaalee wal'aansaa kaaniirraa kan ka'e dhukkubsattoota wal'aanuu dhaabuuf dirqamaa aka jiru ibse.
Hospitaalichatti ogeessa baqaqsanii yaaluu kan ta'e Dr Fasika Amdasillaase, sababa hanqina qorichaa dhukkubsattoonni ijasaanii duratti wal'aansa dhabanii du'aa jiraachuu hime.
Gaaffii fi deebii sagantaa BBC Newsday waliin taasise keessatti, ''Dawaa dhukkubsattootaaf kenninu hin qabnu. Meeshaalee wal'aansa baqaqsanii yaaluuf oolan hin qabnu. Talaallii, insuliinii hin qabnu,'' jedhe.
Erga bara 2020 Sadaasa keessa waraanni eegalee as naannoon Tigraay giddu gala biyyaarraa adda baatee, tajaajilli adda addaa irraa citeera.
Humnoonni Tigraay loltoonni Ertiraa, kan Itoophiyaa fi milishaan Amaaraa wal ta'uun akka isaan haleellaa jiranitti himata.
Jalqaba Waxabajjii darbeetti Hospitaalli Riferaalaa Ayidar sababa wantonni barbaachisan dhiyaachaa hin jirreef tajaajila wallaansaa kennuu dhaabuu isaa Daarektarri Medikaalaa Hospitaalichaa himanii turan.
Deerektarri Tekinikaalaa Hospitaalichaa Dr. Kibroom Gabresillaasee, hanqinni qorichaai, tajajilli elektirikaa addaan cituun, akkasumas rakkoowwan dachaa biroo isa mudaterraa kan ka'e dhukkubsattootaaf tajaajila kennuu haala hin dandeenyerra waan ga'eef tajaajila kennuu akka dhaaban BBC'f ibsanii turan.
Dhiyeenya kana garuu meeshaaleen wal'aansa fayyaa fi gargaarsi namoomaa kaan gara naannoo Tigraay seenuu eegalee ture, kunis ammoo waraana bifa haaraan ka'een gufataa jira.
Dr Fasika akka jedhutti, karaa Koree Waldaa Fannoo Diimaa fi Dhaabbata Fayyaa Addunaa qorichoonni muraasni seenaa jiru, garuu dhiyeessiin kun kan itti fufiinsa qabu miti jedhe.
Dhukkubsattoonni dhibee shukkaaraa sababa hanqina insuliinii wal'aansa dhabanii du'aa jiru jedha Dr Fasika.
Namoonni kalee dhukkubsatanis tajaajila wal'aansa kalee (dialis treatment) dhabuurraa lubbuunsaanii asitti gaaga'amaa jira jechuun BBCtti hima Dr Fasika.
Kanarratti dabalataan hojjettoonni hospitaalichaa ji'oota 17f mindaan kaffalameefii hin beeku jedhe.
''Haaluma kana keessa taanee kanneen dandeenyu baraaruuf yaalaa jirra. Yeroo ammaa kana garuu namootuma silaa lubbuusaanii oolchuu dandeenyullee baraaruu dadhabneerra.''
Hospitaalli Ayidar yeroo baayyee namoota haleellaa qilleensaan naannoo Tigraay keessatti miidhaman wal'aanuun beekama.
Erga waraanni Kaaba Itoophiyaa bifa haaraan eegalees namoota haleellaa dirooniin magaalaa Maqalee keessatti miidhaman tajaajilaa turuu ibsaa ture, haleellaa mudateefis mootummaa himata.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti Sadaasa, 2020 eegale naannoo Tigraay irraa gara naannolee olla kanneen akka Amaaraa fi Affaaritti babal'achuun lubbuu namoota kumaatamaan lakkaa'amanii gaaga'eera.
Miiliyoonaan kan lakkaa'aman ammoo rakkoof saaxile.
Qaamoleen walwaraanan (Mootummaan Federaalaa fi humnoonni Tigraay) gargaarsi danqaa malee namoota rakkatan bira akka ga'uuf jecha dhukaasa dhaabuu erga murteessanii waraanichi ji'oota shanii oliif tasgabbaa'ee turus, ji'a dura garuu akka haaraati eegale.
Waraanni bifa haaraan eegale marii nageenyaa abdatamee ture guddoo gufachiise.
Waraanni kun deebi'ee eegaluutti mootummaan federaalaa fi humnoonni Tigraay quba walitti qabu.
Erga waraanni deebi'ee eegalee haleellaawwan diroonii irra deddeebiin magaalaa Maqalee fi naannosheetti mudateera, haleellaa kanaaf TPLF mootummaa federaalaa himata.